Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Yuniversitii Wallaggaa Irratti Guyyaa Ha’raa Walaloo Shamarreen Oromoo Dhiheessite.

Aside

Har’a Ebla 15 Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajachuun Ibsa Ejjennoo Baafatan.

Aside

IMG_20160412_205623Har’a Ebla 15 Nuti Qeerroon Bilisummaa Wallagga Bahaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajannee Olleerra Jedhu Qeerroon.
1.Yaadannoo wareegamtoota goototni oromoo shinniigaatti kafalan.
2.Wareegama Qellem wallaggaa Gidaamiitti Summii diinni qopheesse nyaatanii lubbuun darban.
3.Wareegama uummata Oromoo keessatti immoo qeerroo fi qarreen baratoota oromoo bara 2014 ji’a eebilaa fi 2016 ji’a sadaasaa haga eebila 15tti kafalaa turaniidha.
4.Lammiilee Oromoo kuumaatammatti lakka’aman sababa oromummaa saanii qofaan yakkamanii, qilleensa Uumaan badhaasee isaanii kenne dhorkamanii halkanii guyyaa mooraa diinni qopheessite Maayikelaawwii,Qaallittii,Qilinxoo,Zuwaay,Shawwaa Roobit, fi manneelee dhoksaa namni kamuu hin beeknetti dararamaa jiran hidhamtoota oromoo hunda hammata.
Egaa kun hundi rakkoo garbummaan nutti fe’e waan ta’eef garbummaa hundeen buqqisuun filannoo isa angafaa fi jijjiiraa hin qabneedha.Garbummaa hundeen buqqisuuf immoo nuti qeerroon magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee ABO jallatti hiriiree deggersa oromoo keessaa fi alaan utubamnee kaayyoo wareegamtoo gootota keenyaa galmaan ga,uuf dirqama lamummaa fudhannee jirra.IMG_20160412_205140 IMG_20160412_205213 IMG_20160412_205300 IMG_20160412_215629
Ayyaanni kun kan yaadatamee oole magaalaa naqamtee bakkoota heedduu yemmuu ta,u qeerroo leeqaa fi jiraattota Leeqaa Naqamtee ,Yuunversiitii wallaggaa,Laga hadiyyaa,haroo soorgaa,akkasumas hoteelota magaalattii tokko tokkoo fi iddoolee biroo heedduutti yaadatamee ooleera.Ayyaanni kun qarree fi qeerroo baratoota oromoo kibba waachaa,Qassoo,Biqiltuu Leeqaa,Biiftuu Naqamtee ,Koompireensiifii, kkf akkasumas hojjetoota mootummaa fi daldaltoota dhuunfaa hirmaachiseera.Nuti hirmaattonni yaadannoo kanaa guyyaa kun uummata oromoo biratti guyyaa gaddaa fi guyyaa itti oromoon waadaa isaa itti haaromsatu waan ta,eef nus yaadannoo wareegamtootaa daqiiqaa muraasaaf gaddaan yaadachuun eegalleerra.Miseensonni harra asitti argamne miseensota muraasa fi dura buutota mandhee Tasfa,uun Camadaa,mandhee nuunnuu Adaree, Mandhee weellisaa jireenyaa Ayyaanaa  fi Barataa simee Tafarra,Mandhee Biqilaa Baandoo,Mandhee Biqiltuu Leeqaa,Naqamtee Odaa Ootaa,Mandhee Eebbisaa Addunyaa,yoo ta,an haala kanaan akka kabajnu kan nu godhe dura bu,aa qeerroo wallagga bahaa filachuuf akka tolutti yaadameeti.Mandheeleen kun aanota wallagga bahaa jalatti kan ijaaraman yoo ta,u miseensonni lama lama mandhee saddeet irraa wallitti dhufuun dura bu,aa qeerroo waliigala fi itti aanaa qeerroo baha wallaggaa filateera.Moggaasni maqaa mannee keenyaa irri jireessi maqaa jaallan wareegamtootaadha.kunis yaadannoo isaaniif jedhamee yaadameeti.Kaan immoo maqaalee baha wallaggaa keessatti argamaniidha.Mandheeleen wallagga bahaa kana qofa miti. Haalaa fi yeroon waan nu daangessuuf warreen biroo aanuma jiraniif bakkuma jiraniitti kabajanii oolaniiru.Guyyaa yaadannoo kana yaadannoo sammuun gaddaan erga eegallee mariin miseensota gidduutti adeemsifamee booda walaloon karaa jaal shamarree sabboontuu lammii kan daqiiqaa afur hin caalle erga dubbifamee dhumarratti mandheen keenya ibsa ejjennoo kan qabxii kudha tokko  of keessaa qabu baafateera.

IBSA EJJENNOO QEERROO WALLAGGA BAHAA MAGAALAA NAQAMTEE

1,Hooggansa ABO Jalatti qeerroon miseensa mandhee keenyaa qabsoo oromoo hanga wareegama lubbuutti finiinsuuf murteeffanneerra.

2.Kufaatii Mootummaa faashistii wayyaanee ariifachiisuuf yeroo kamiyyuu caalaa humnaan,beekumsaa fi dinagdee keenyaan hojjechuuf murannee jirra.

3.Diina guyyaa saafaa mana keenya seenuun haadhaa fi ilmoo wal irratti ajjeesaa jiru of keessaa baasuuf halkaniif guyyaa hojjenna.

4.Lukkeelee diinaa uummata keenya dararaniif barnoota gahaa kennuun sirreessuu

5.Qabeenyaa wayyaanee oromoon kamuu akka hin fayyadamne irmii jennee irratti waliigalleerra.

6.Diina abidda baatee nutti fiigu yoomillee bishaan baannee itti hin fiignu; deebii quubsaa kennuuf qoophii keenya xumurree jirra.

7.Mootummaan gita bittaa Tigiree kun kuma ajjeesuus,kitila hidhee dararus qabsoon oromoo akka hin dhaabbanne gochuuf jecha garee kanaa “diinni osoo dhiiga keenya waraabee gogse lafeen keenya bakka jiruu warraaqa” kan jedhu dhaadannoo godhannee jirra.

8.Ilmaan oromoo garbummaa jibbuun lubbuu isaanii bakka bu,a hin qabne dabarsee warra kenneef fi mana hidhaatti gidirfamaa warreen jiraniif kaayyoon isaanii akka karaatti hin hafneef irbuu seenneera.

9.Yoomiyyuu faayidaa Oromoof malee faayidaa dhuunfaa keenyaaf hin bololiinu.

10.Qomoof malee qoonqqoof hin bitamnu.

11.Xurree jaallan dhiigaan tattaraaran galmaan ga,uuf dirqama oromummaa ni baana.

 

Guyyaa har’aa Ebla 15,2016 Qeerroon Godina Wallaggaa Magaalaa Jaarsoo Ebla 15 Ayyannaa Gootota Oromoo Sababefaachuun Barruulee Warraaqsaa Raabsaa Jiru.

Aside

12973458_604271843058068_601449585454080076_o 13002425_604271513058101_3586473088707550344_oBarruuleen raabsamaa fi maxxanfamaa jiran kuniin qabxiilee 12 kan of keessaa qaban yeroo ta’u.
1 Qe’ee irraa buqa’uun uummataa haa dhabatu kaneen buqifamaniif beenya haa kenamu 2 Gibbirrii daldalaaf qotee bulaa keenya irraa hiratu

3 Hiidhaa fi ajeechaan haa dhabatu

4 Bartoonnii fi barsisonnii akkasumaas hojetonnii Oromoo hojii irraa ari’aman akka deebi’anii fi kkf heddumminaan maxxanfamaa fi raabsamaa jira.

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ) April 14, 2016

Aside

“Barroo” Wallisaa Ibroo Ibsaa/ Hawwisoo Qeerroo Bilsummaa Wallee Haaraa 2016

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 13 April 2016

Aside

ERGAA GUDDAA “Fiigichan Dorgoma” Qaanqee Show April 12,2016

Aside

Aside

sabeKun Badhaadhaa Galchuu Figaa kan kaleessa humnaa police federalaatiin Godina Gujii onna shakisoo bakka caalaa jedhamutti rasaassan rukutamee hospitaalati lubuun isaa dabartte. Reefalle akka maatiin hin fudhanna dhorkame jira. Dargaggoon kun Qeerroo Godinaa kana qindeessuu keessatti nama qooda olaanaa gumaachee dha. Badhaadhaan Unversity Goonder irraa economics Bara 2006 eebbifame.

Aside

20160412124556Fincilli Xumura Garbummaa guyyaa har,aa kana magaalaa Najjoo fii naannoo ishee keessatti daran jabaachuun itti fufee jira.Ebia 12/2016 Ganama irraa ka,uun Fxg mana barumsaa qophaa,inaa sadarkaa 2ffaa najjoo keessatti finiinfamaa oolee jira.Kanuma irraan ka,uun humni kora bittinneessaa jedhamu mooraa barnootaa keessa seenuun baratootaafi barsiisota mooraa sanaa irratti reebicha gara laafina hin qabne akka raawwate maddeen keenya achirraa nu ga,e ifa godhu.Guutummaan mooraa kanaas humna federaalaan goolamaa jiraachuun beekameera.kanumarraa ka,uun baratoonni heedduun man adabaatti akka darbataman Qeerroon gabaasee jira.

SBO Ebla 13 Bara 2016. ODUU, Guyyaa gootota Wareegamtoota Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa ABO fi walaloo guyyaa goototaa Malkaa Caffeetin akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside