Dhaamsa Beekan Gulummaa Irraa

Aside

Hidhaata armaan gadii kana tumadhaati waan keessa jiru mara dubbisaa.

downloadhttp://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/faayidaa-dubbisuu/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/nurraa-gala-diinni/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/isin-hoo/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/freedom-speech/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/suuraawwan-babbareedoo-yaadannoo-magaalaa-new-york/http://beekanguluma.org/index.php/2016/04/24/dhibee-qaama-saalaa/

Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Jaal Abaa Caalaa Lataa Gaafatamaa Damee Dantaa Alaa ABO(DDA-ABO) Dagalee Media Waliin.

Aside

Ebla 24,2016 Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uggurame

Aside

Ebla 24,2016 Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uggurame Sabaabaan Guddaan Uummatni Oromoo Mootummaa Mataa Isaa fi Uummaticha Bakka kan Bu’uu Dhabuu Irraa Diina Uummata Oromoo Kan Ta’ee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo Shororkeessuu fi Ugguruun Beekamadha!!
Abbootiin Gadaa Oromoo galma maqaaf ‘’ gidduugala galmaa Aadaa Oromoo” jedhamuu Finfinnee keessatti argamutti diqaman walitti qabamuun Shororkeeffama olaan!, Wayita kanatti Oromiyaan bulchiinsa Waraana Wayyaanee jala galfamtee, Waraana kanaan shororkeeffamaa utuu jirtuu bakka hundatti uummatni Oromoo sagalee mormii sirna abbaa irreef qabuu jabeessuun warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa irra ga’ee waan jiruuf yoo Oromoon Magaalaa Finfinnee keessatti walitti qabamee galma mootummaa Wayyaanee dhuunfatu mala soda jedhuu irraa Ayyaanni irreechaa Magaalaa Finfinnee keessatti akka hin kabajamne dhorkuu danda’ee jira. Uummatni Oromoo utuu mootummaa bakka isaa bu’uu fi isa tajaajilu hin argatiin baroota dheeraa kan ture, kan bara dhufaatii wayyaanee waggaa 26 immoo addatti baroota seenaa uummata Oromoo keessatti adda ta’an keessa isaa tokko. Oromiyaan ganna 26n darban kana guutuun utuu dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’uu mootummaa mataa ishee malee turte jirti.
Jaarmiyaan ergamtuu wayyaanee OPDO jedhamtuu Ayyaanaa kabajamaa fi jaalatamaa Oromoo Irreechaa Arfaasaa kan Tulluutti Kabajamuu ugguruu fi shororkeessuun ergama diinummaa TPLF’n itti kennamee uummata Oromoo irratti rawwachuun Ayyaani Irreechaa akka hin Kabajamnee dhorkuun hubatame jira. Wayyaaneen OPDO Ayyaana kabajaan Oromoo kun akka hin Kabajamneef Abbootii Gadaa Oromoo Gidduu gala galma maqaa Aadaa Oromoo jedhamuun ijaarametti walitti Qabuun akka bahanii hin irreeffatne dhorkuun galmichuma keessatti yaadannoodhan guyyaa kana akka dabarsan gootochuun uummata Oromoo fi Manguddoota, Dargaggootaa fi hayyoota Oromoo gara Ayyaana kanatti socho’anis akka Oromoon hin kabajanneef karaatti deebisuun ergama diinummaa ba’uu dandeesse jirti.
Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jedhamtuu kabajaa Ayyaanaa Irreechaa Kan Birraa Malkaatti kan kabajamuu fi ayyaanaa Irreechaa Oromoo Arfaasaa tulluutti kabajamuuf bar tokko illee Oromoon akka Ayyaana isaa nagaan kabajatuuf eyamamaa akka hin taa’ee seenaan dhugaan lafa jiru ni ibsa. Ayyaanni Irreechaa Kan Malkaas bara baraan human waraanaa wayyaanee fi humnoota tikaa wayyaaneen utuu shoroorkaan guddaan uummata Oromoo irratti rawwatamuu Uummatni Oromoo gootni eenyummaa, aadaa,amantii, afaanii fi Ayyaanaa Kabajamaa fi Jaalatamaa isaa Irreecha Gootummaan tokkummaa isaa jabeeffachuun afaan qawween doorsifamaa, hidhaamaa, reebamaa fi ajjeefamaa uummata eenyummaa isaa tikfatee har’a dhaloota qubee qeerroo human haaraa qaqqabsiisuu uummata danda’edha malee abbootiin irree biyyatti bar kam illee ayyanaa Oromoo, aadaa Oromoo, eenyummaa Oromoo, Afaan Oromoo fi mirga Oromoof guyyaa tokko illee bakka kenniteefii kan hin beekne ta’uun beekamaadha. Rakkoo ulfaataan kun Sababaa mootummaa mataa ofii kan uummata Oromoo bakka bu’uu danda’uu dhabuu irraa Uummatni Oromoo qe’ee isaa irratti hambaa eeyyamaa gaafate, hambii immoo hiree uummata Oromoo shororkeessuuf carraa kan argate ta’e. Kanaafuu Furmaatni rakkoowwan waliigalatti uummata Oromoo fi dachee Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiruuf ta’uu Uummatni Oromoo falmaa warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti tarkaanfatee jiru tokkummaan harka wal qabatee wareegama kamuu baasuun bilisummaa isaa gonfachuu fi biyyaa isaa walaboomsuun hacuuccaa halagaa jaalaa of baasuuf qabsoo isaatti jabaatuun bilisummaa balbala irra ga’ee jiruufi mootummaa abbaa irree xumura itti gochuuf raafama ulfaata keessa galchee jirutti xumura gochuuf yeroon gamtaan gara Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaatti xiyyeeffanoon hojjetamuu amma ta’uu hubachuun Oromoo bakka jirruu hundaa wal qabannee haa sochoonu jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira!!

Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.

Aside

Ebla 24,2016
because-i-am-oromoYakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe

Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii
hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.

Godina Wallaggaa Magaalaa Madii Keessatti Qeerroon Bilisummaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajatan.

Aside

13043710_265642813778108_6191872166335002713_n 13055464_265642817111441_4697690903921640284_nSirni kabaja guyyaa gootootaa Ebli 15 fi hundeeffami Qeerroo Bilisummaa wagga 6ffaa miseensota Qeerroo Bilisummaa magaalaa Mandiin haala ho,aan kabajamee ooleera guyyaa kaleessaa 23/04/2016 ganama sa’a 02:30 irraa kaasee hanga sa’a 04:00tti Qeerroon Mandii kabajaa ooleera.
Akka gabaasa Qeerroo Mandiitti guyyaan kaleessaa magaalaa mandii keessatti bifa adda ta’een kabajameera!! dungoo qabdiisuun seenaa gootota darbanii kaasuun erga wal hubachiisanii booda, waadaa qabsoo isaanii irbuu walii galuun xumuraniiru. BAGA GGO GEESSAN!!!

SBO Ebla 24 bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO, Gabaasa haala sochii FXG Oromiyaa, Haasaa Hayyu-duree ABO: Ebla 15 irratti akkasumas Gabaasa Hiriira lammiilee Oromoo Kongirasa Ameerikaatti.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 23,2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Yaadannoon Guyyaa Gootota Oromoo  Sochii Warraaqsaan Yaadatama!!

Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo

Ebla 22, 2016

Ebilli 15 Guyyaa Gootata Oromoon Cinatti baatiin Ebila Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (FDG-FXG) ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen gaggeessuu itti eegallee waan ta’eef  Qeerroo bilisummaa Oromoo; gootota barattoota dargaggoota/shamarran Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aa biratti bifa adda ta’een Ilaalama. Gumaan gootota Oromoo kab bahu akeeka isaan itti wareegamaniif galmaan gahuu qofaan waan ta’eef guyyaan Yaadannoo kun sochii Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa jabeessuun warraaqsaan yaadatama!! Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo Ebla 22 2016

Qeerroon Bilisummaa Godina Harargee Magaalaa Asaboot Keessatti Gadda Ilmaan Oromoo Dhumaa Jiruuf Ibsataa Oolan.

Aside

13081788_1334329123260234_33059361_n qerQeerroon Bilisummaa Oromoo godina Harargee Lixaa magaalaa Asaboot keessaati guyyaa arraa Ebla 23/2016 walitti babahuudhaan gadda ilmaan Oromoo kan isaanitti dhagahame ibsachaa jiru. Rakkoo fii ballottiis, lolaa fii tolattiis isinii waliin jirra jetti Qeerroon magaalaa Asaboot!

Sabboontoti Oromoo Nairobi Kenya jiraatan Ebla 15 Guyyaa gootota Oromoo kabajan.

Aside

13046144_1334627593230387_77603281_n 13046265_1334627643230382_885966514_n 13059922_1334627589897054_416848517_n 13090304_1334627616563718_45752651_n