Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 11, 2016

Aside

Godina Oromiyaa magaalaa Bishooftuu irraa barattootni Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhaatti darbaman.

Aside

because-i-am-oromoEbla 11,2016 Godina Oromiyaa Bahaa magaalaa Bishooftuu irraa barattootni Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhatti darbaman. Barattoota Oromoo manneen barnootaa Bishooftuu sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina irraa baratan kunneen torbee darbee keessa sababaa gaaffii migaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaaffachuun Sagalee isaanii waan dhageesisaniif qofa waraanaan dararamaa jiru. Ebla 7/2016 humna waraana wayyaanee Agaazii fi poolisii federaalaan Hidhatti ukkanfamuu guuramanii hidhaman. Barattootni Hidhaman kun Umriin Isaanii kanneen gannaa 14-18 gidduutti Argaman ta’uun hubatamee jira.kanneen  Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa bishooftuu irraa hidhaman keessa kan Yeroof  maqaan isaanii nu ga’e jiru:

1.barataa Magarsaa Bakare

2. barataa Xasoo Damisee

3. barataa Girmaa Tashuu

4. barataa Alamaayyoo Dinquu

5. barataa Aaddisuu Taayyee

6. barataa Aaddisuu Baqqalaa

7. barataa Habtee Indaaluu

8. barataa Abrahaam Tufaa

9. barataa Dagguu Dabalee

10. barataa Aabbuu Maaruu

11. barataa Gizaw Mokonnin

12. barataa Abbabaa Lammaa

13. barataa Dachaasaa Gizaw

14. barataa Damxee Shuree

15. barataa Awwaaree Akliluu

16. barataa Alamaayyoo Daadhii

17. barataa Gostolee Isheetuu

18. barataa Zarihuun Sisay

19. barataa Adaanee Alamaayyoo

20. barataa Dassaleny Hirphoo

21. barataa Gaaddisee Mokonnin

22. barataa Aaddisuu Dammaqaa

23. barataa Biraanuu Kaayyoo

24. barataa Dammee

25. barataa Mastuu

26. barataa Gannat

27 barataa.Maabiratee

28. barataa Caaltuu

29. barataa Doonii

  Barattootni Oromoo hedduun kanneen maqaan isaanii nu hin ga’iin manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, fi 2ffaa irra qabaman illee hedduun jiraachuu madden keenya gabaasan. Yakki mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo fi Uummata Oromoo irratti fudhataa jiruu daranuu kan qabsuu FXG akka Oromoon jabaatuu godhuu malee bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti kan nu hin deebifnedha jechuun sabboontootni Oromoo Bishooftuu irraa dhaamsa waliif dabarsaa jiru.

Resolution of the PAFD’s Public Meeting on 9th of April, 2016 in Frankfurt am Main Germany

Aside

tumsaThe Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) public meeting hosted by Oromo Student Union and Ogaden Community in Germany was held on 9th of April 2016 in Frankfurt am Main, Germany.

It was attended by two Executive committee members of PAFD, human rights advocators, invited guests, Veteran members of successful liberation movement, representatives of youths and Women and generally by the peoples and nations of member organisations of PAFD.

On this meeting, paper was presented by the officials of PAFD on the current political situation in the Horn of Africa with special emphasis on Ethiopia. The objectives of the PAFD were also explained. The atrocious nature of EPRDF across the empire, images and videos of the ongoing protest and public resistance from Oromia have been presented. Artists have entertained with cultural music in between discussions.

Member Communities and other peace loving friends in Germany all gathered on this occasion have expressed their unflinching  support and solidarity for the Alliance. They noted that the oppressed peoples in Ethiopia have now reached a tipping point where the outcry of the peoples under Occupation of the Ethiopian regime cannot be ignored any more.

After thorough discussions and comments on the presentations during the meeting the participants continued discussions on the various issues. Finally the participants concluded the meeting upon passing political resolution.

The Political Resolution of this public meeting in Germany: – Read More:- POLITICAL RESOLUTION OF THE PAFD Frankfurt Germany 09042016

tumsaa

Fincilli Xumura Garbummaa daran jabaachuun magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti itti fufee jira.

Aside

stEbla 10/2016 jechuun guyyaa kaleessaa fincilli daran jabaachuun naannoo staadiyeemii magaalaa Naqamtee keessatti taphni kaanamaa Naqamtee fi poolisii abuubi/Kibbaa/ gidduutti taphatamuuf ture qoophiin xumuramee edda dirree seenanii booda guutummaan tapha sanaa qeerroo magaalaa Naqamteen gara fincilaatti jijjiiramuun  gara dhaadannoo fi wallee waraaqsaatti  geedarameera.

Haaluma kanaan dhaadannoon Humni waraanaa hatatamaan Oromiyaa keessaa ba’uu qaba,Namoonni hidhamanii jiran akka gadi dhiifaman,Humni dhiigaa uummata keenyaa dhangalaase itti gaafatamuu qaba kan jedhuufii walleen waraaqsaa oo yaa baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo, oo baala badeessaa wayyaanee baasaa nu keessaa,oo tulluu gamaa ABO bushuu qabaa kan jedhuun guutummaan taphichaa goolamuudhaan addaan cituun hafeera.

Haaluma kanaan dhalataa magaalaa Naqamtee kan ta’e Gammee Oofkalaa namni jedhamu mana hidhamee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.

Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Gaazexesitootaaf Ibsa Kennan.

Aside

SBO Ebla 101 Bara 2010. ODUU, Gabaasa FXG, Yaada hirmaattota Kora ABO Kanaadaa, Waamicha Qabsoo PAFD fi gaaffii fi deebii J. Saamiyaa Usmaani fi dargaggoo Caalaa Hayluu.

Aside

Irbuu Shinniigaa

Aside

Irbuu Shinniigaa

Malkaa Caffeen 

dsc01251Ebli 15 Guyyaa Wareegamtoota Oromoo ti. Sababaan isaa gootowwan ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa gara garaa keessaa, gosoota Oromoo gara garaa keessaa, amantiilee adda addaa keessaa kan walitti dhufanii Ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasanii bilisummaa gonfachiisuuf qabsoo gaggeessaa turan jajjabootu guyyaa Ebla 15 kan bara 1980 (waggoota 36 dura) tokkummaa Oromummaa isaanii waan hunda (lubbuu isaanii illee) caalchifachuudhaan walii isaanii fi waadaa qabsoo bilisummaa Saba isaanii irratti cichuudhaan wal irratti dhumanii boolla tokkotti awwaalamanii tokkummaa Oromummaa lubbuu, dhiigaa fi lafee isaaniitiin mallatteessanii bilisummaa Saba isaaniitiif aarsaa tahan.

Har’a dhiigni isaanii fi kan Oromoota kumaa-kitila isaan duraa fi isaan boodaa hundi iyyatee, lammiin hundi waliif birmatee (keessattuu Dhalootni Qubee Qeerroon ammaan tanaa) jireenya gabrummaa Sabni Oromoo Jaarraa tokkoo oliif jalatti gidirfamaa jirutti xumura gochuudhaan bilisummaa Sabichaa dhugoomsuuf wareegama fedhe baasuu irraa akka duubatti hin deebine diinaa fi firattis hojiidhaan agarsiisaa jira. Oromoon Saba tokkicha kan gaaffii siyaasaa tokkicha (Gaaffii Bilisummaa) waliin qabu tahuu isaa har’aan tana Qeerroo fi Qarreen Oromoo guutuu Oromiyaa keessaa wal faana hiriiruudhaan afaaniin osoo hin taane dhiiga ifii itti dhangalaasanii, lafee ifii itti cabsanii, lubbuu ifii itti wareeganii addunyaatti lallabachaa jiran.

Waggoota 36 dura oggaa gootowwan ilmaan Oromoo Shinniigatti wareegama hadhaawaa sana baasan gaaffiin Bilisummaa Oromoo fi waa’een tokkummaa Oromummaa abdii hin dhugoomne kan namootni muraasni akkanumaan itti rakkatan fakkaata ture. Har’a garuu baddaa fi gammoojjii, laggeenii fi gaarreen, magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa mara haguugee akka ibidda saafaa kan belbelaa jiru dubbuma sani. Waa’ee dubbii sanii if duuba deebinee qaabachuun isa har’aa waan jabeessuuf Walaloo Irbuu Shinniigaa jettu tanaan waan sana haa yaadannu.

Seenaan boonsaa fi cululuqaan har’aan tana dhiiga Dhaloota Qubeetiin barreeffamaa jirus boru akkasuma yaadatama.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Malkaa Caffee

Ayyaana Gootota Bilisummaa Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

NUYI ILMAAN GOOTOTAATI

Ayyaana Gootota Bilisummaa Oromoo kan bara 2016 ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa.

Ebli 15 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa yaadannoo olaanaa qabudha. Guyyaan kun guyyaa nuti Gootota Oromoo Bilisummaa saba kenyaaf osoo falmanii wareegaman itti yaadatnu qofa osoo hintaane, guyyaa nuti kaayyoo isaan irratti wareegaman sana fiixaan baasuuf hirbuu keenya itti haaromsinudha. Ummatni Oromoo bal’aan keessattuu qabsaa’otni fi deggertootni Bilisummaa Oromoo, Ebla 15 miira laamaan yaadanna.  Gama tokkoon wareegamuu Qaroowwanii fi Gootowwan keenya kanaatti gaddi guddaan yeroo nutti dhaga’amu, gama kaaniin ammoo dhiigni isaanii Gootowwaan hedduu magarsee, dhaloota haarawaa muraanoo guutuun mirga saba isaaniif qabsaawan waan horeef;  guyyicha yeroo yaadannu jabina, gootummaa fi abdii guddaatu nutti dhaga’ama.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhiiga Gootowwaan wareegamnii kana keessa biqille. Mul’atni keenya inni guddaanis faajjii Gootowwan keenya ol-kaafnee, kaayyoo Bilisummaa isaan irratti of-kitiman sana fiixaan baasuuf dadhabii, sodaa fi mamii tokko malee qabsaa’uudha.  Gootowwaan qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti wareegaman guca Qeerroo Bilisummati.Qeerroon kaayyoo isaan wiixinaan qofan osoo hintaane xiiqii, naamusaa fi muratno isaan bu’uuressaniin masakama.

Gootowwaan keenya tokkummaadhaaf tokkummaadhaan wareegaman. Tokkummaan saba imaana Gootonni keenya wareegama lubbuu isaanitiin nu dhaalchisan waan ta’eef bu’uura sochii Qeerrooti. Sabni keenya Oromoon guddaa, biyyi keenya Oromiyaanis bal’oodha. Guddinni saba keenyaa fi bal’inni biyyaa isaa jabeenyaaa fi qabeenya keenya waloo waan tahaniif, Qeerroon Bilisummaa sadarkaa olaanaatti isaan kunuunsifata. Bu’uurri sochii Qeerroo Bilisummaa ‘Oromoon saba tokkicha, Oromiyaanis biyya tokkitti’ ta’uu irratti ijaarame. Bu’uurri kun Qeerroon Bilisummaa jiddu-galummaan ofi ijaaree sochii isaas shaffisaan golee Oromiyaa hundaa keessatti akka finiinsuuf milkeesseera. Hireen saba keenya tokkummaa isaa irratti waan rarra’uuf, Qeerroon Bilisummaa humnoota alaas ta’e keessaa faallaa tokkummaa saba keenya imaammatan mara akka farra qabsoo saba keenyatti ilaala. Ebla 15 Guyyaa Goototaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa 2016 Qer

“Sabni Koo Galatooma” Addee Oromiyaa/ Motuma Mahdi Shekaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 8, 2016

Aside