Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi Naannoo Isheetti FXG Itti Fufee Oole.

Aside

Ebla 6,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi naannoo  keessatti barattoota Sadarkaa 2ffaa Aggaar Alaltuutiin daran jabaatee itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Fincilli kunis kan jalqabe baratootuma mooraa sanaan Sa’a 4;00 Irratti Fincila Diddaa Garbummaa Qabsiisaniin humni kora bittinneessaa fi Federaalli Mooraatti weeraruun barattoota hedduu reebanii miidhaa guddaa irraan ga’aniiru! sa’a afur irraa eegalani reebichaa fi dararaa guddaa baratoota kana irratti raawwataniiru.

Maatiin Barattootaa Ilmaan Isaani Hoggaa barbaaduuf deemanitti humni federaalaas Uummata ijoolleessaaf dirmachuuf ba,e kana reebuun manatti deebisaniru.Uummannis diddaa isaa jabeessuun naannooma mana barnootaa sana turaniiru. Humni federaalaas yemuu barattoota kana hidhaatti dabarsuuf yammuu yaalanitti Uummannis degersa baratoota kanaaf godhaniin oso mana adabaa hin geeffamin hafaniru! reebicha irra
ga,eenis baratoonni heedduun miidhamuu Qeerroon gabaase.

FXG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Diddaa Gaggeessan.

Aside

FXGGuyyaa Ebla 6,2016 Har’aa Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Hiriira Mormii sirna mootummaa Wayyaanee gaggeessaniin dhaadatnoolee warraaqsaa hedduu dhageessisun mootummaa fi waraana mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa oolanii jiru, alaabaa  gabrummaa ( Ithioophiyaa) mooricha keessatti fannifames gadi buusanii ciruun,barnooti bilisummaa booda waan ta’eef uummata keenya keessa bobbaanee nagaa fi bilisummaa barbaacha qabsoo fincila xumura gabrummaa itti fufna jechuun mana barnootaa cufanii maatiiti galuu Qeerroon gabaase.

 

Aside

because-i-am-oromoEbla 6,2016/ Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree irraa qabamanii ji’oota lamaa oliif mana hidhaa Wayyaanee keessatti kan daraaramaa jiran hawaasa bal’aa yeroo ta’u Wayyaaneen namoota kudha sadii qofa gadi lakkisuun kaan isaanii bakka garaagaraatti hidhaaf fuutee deemuuf akka sanganteeffatte beekameera
Isaan hiikaman keessa muraasi

1. Yohaannis Abbabaa
2. Yohaannis Miidhaksaa
3. Asaffaa Miidhaksaa
4. Tafarii Tashoomaa
5. Naadoo Warqinaa
6. Bayyanaa Taaddasaa kanneen jedhaman qofa ta’uun beekameera

Godiina Jimmaa Aanaa Oomon Naaddaa Gandoota Hedduu Keessatti Uummata Sodaachisuun Ergamtooti Wayyaanee Qarshii Saamaa Jiran

Aside

Ebla 5,2016
Tibba kana mootummaan shirorkaa Waayyaanee hanqina Baajetaa mudateen gama baajeta kana deeffatu dhabee watawatuurra taree dirqiin bakkeewwaan hedduutti saamicha gaggeessaa jiraachuu dhaga’ame.

Haaluma kanaan Godina Jimmaa Aanaa Hoomoon naaddaa Gandoota Baadiyyaa keessatti Uummata gowwomsuuf kan dides doorsisuun deggarsa mootummaa keenyaa taasisa yaada jedhuun Uumatarraa dirqamaan qaamni OPDO funaana jiraachuu jiraattonni achii nii dubbatu.

Ta’us haalli fi saamichi Mootummaa haaraa ta’uu baatus kallattiin ykn dirqamaan Jumula fayyadamanii qote bulaa ganamaa galgala dafqa Xuruurfata oolu firii waggaatti argatus hedduu mootummichaaf kan galchu Kaan boosisanii kaan doorsisanii Saamicha kallattii gaggeessuun waan furmaata fiduuf hin fakkaatu. Jiraattonni kunniin yeroo Qeerroon achii haasofsiisaa turetti “kaan yeroo dhuma sana wal irraa liqqeffatee kaffalate,kan akka keenyaa kan hin qabne dirqamaan qarshii 500n(dhibba shan) akka nuuf fiddan nuu mallateessaa jechuun mallateessineefii jirra.Ammas yeros sodaaf jecha haa mallateessinu malee akkamiin akka of irra xumurru yaaddoo keessa nu seensise”jechuun imimmaan haqachaa akka dubbatan gabaasi achii nu ga’e ifa taasisa. Qeerroo Oomoon Naaddaarra

Ummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Kaffaltii Gibiraa Mootummaa Wayyaaneef Kennuu Didaa Jira.

Aside

Ebla 5,2016 Godina Lixa shaggar Amboo fi aanota Godinicha cufa keessatti Warraaqsaa FXG gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi yakka duguuggaa sanyii Mootummaan wayyaanee fudhateen wal qabatee uummatni eejjennoo Isaa jabeessuun kanfaltii gibraa fi buusiiwwan adda adda dhorkatee waan jiruuf mootummaan Wayyaanee Waraanaa fi poolisoota ergamtuu isheetti dhimmaa Bahuun waraanaan dirqamsiiftee Gibra kanfalchiisuuf kan jirtu ta’uun Saaxilame jira. Uummaatni Oromoo goota dhugaadha, yoo wayyaaneen humna waraanaa fayyadamtee dirqamaan gibraas ta’ee buusii kamuu kan nu kanfalchiiftu ta’ee waan qabnuun dura dhaabbannee dumnee mirga keenyaaf falmanna malee abbaan irree dirqamaan nu hin bittu, jechuun uummatni ejjennoo isaa ibsate jira. Yeroo ammaa Kanaa Aanota Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Amboo, Jalduu, Midaa Qanyii, Giincii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan, Daannoo, Baakkoo Tibbee, Xuqur Incinnii, tokkee Kuttaayee, Gudar, Dandii, Adaa’aa Bargaa, Mugar, Meettaa Roobii, Gindaabarat Kaachisii fi Abuunaa fi Magaalota Godinichaa cufa dabalatee uummatni Waraanaa guddaan eegamaa jira, Bulchitootni Gandoota Baddiyyaa haala wal fakkaatuun uummata sodaannee waan jirruuf kanfaltii gibiraa fi buusii kamuu hin gaafatnu ni sodannee jechuun yaada isaanii ibsatani jiru Mootummaan wayyaanee kanuma irra rifatuu Caaluu keessa galuun waraanatti fayyadamee kanfaltii gibra dirqamaan kanfalchiisuuf yaalii gochaa jira!!