Ummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Kaffaltii Gibiraa Mootummaa Wayyaaneef Kennuu Didaa Jira.

Ebla 5,2016 Godina Lixa shaggar Amboo fi aanota Godinicha cufa keessatti Warraaqsaa FXG gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi yakka duguuggaa sanyii Mootummaan wayyaanee fudhateen wal qabatee uummatni eejjennoo Isaa jabeessuun kanfaltii gibraa fi buusiiwwan adda adda dhorkatee waan jiruuf mootummaan Wayyaanee Waraanaa fi poolisoota ergamtuu isheetti dhimmaa Bahuun waraanaan dirqamsiiftee Gibra kanfalchiisuuf kan jirtu ta’uun Saaxilame jira. Uummaatni Oromoo goota dhugaadha, yoo wayyaaneen humna waraanaa fayyadamtee dirqamaan gibraas ta’ee buusii kamuu kan nu kanfalchiiftu ta’ee waan qabnuun dura dhaabbannee dumnee mirga keenyaaf falmanna malee abbaan irree dirqamaan nu hin bittu, jechuun uummatni ejjennoo isaa ibsate jira. Yeroo ammaa Kanaa Aanota Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Amboo, Jalduu, Midaa Qanyii, Giincii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan, Daannoo, Baakkoo Tibbee, Xuqur Incinnii, tokkee Kuttaayee, Gudar, Dandii, Adaa’aa Bargaa, Mugar, Meettaa Roobii, Gindaabarat Kaachisii fi Abuunaa fi Magaalota Godinichaa cufa dabalatee uummatni Waraanaa guddaan eegamaa jira, Bulchitootni Gandoota Baddiyyaa haala wal fakkaatuun uummata sodaannee waan jirruuf kanfaltii gibiraa fi buusii kamuu hin gaafatnu ni sodannee jechuun yaada isaanii ibsatani jiru Mootummaan wayyaanee kanuma irra rifatuu Caaluu keessa galuun waraanatti fayyadamee kanfaltii gibra dirqamaan kanfalchiisuuf yaalii gochaa jira!!

2 thoughts on “Ummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Kaffaltii Gibiraa Mootummaa Wayyaaneef Kennuu Didaa Jira.

  1. Yaa qeerroo!

    Oduun kun oduu gaariidha. Bakkoota Oromiyaa hundaatti akk ta’u ergaa dabarsaa. Kaneen achi gatii hin qabu. Gibira qofa ituu hin ta’in karaa hundaan diddaan geggeeffamuu qaba. DINAGDEEN tplf LAASHESSUUN NI DANDA’AMA.  BA

  2. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s