Aside

qeerroo-page-001

FRANCE24: Anger among Ethiopia’s Oromo boils over

Aside

Aside

31 32 - Copy BishooftuuHar’a Ebla 01,2016 Magaalaa Bushooftuu keessatti FXGn haalaan finiinaa akka jiru maddeen gabaasan. FXG kun har’aan guyyaa lammataa qabatuu isaa ti. Bakka basaasotni wayyaanee qubatanii jiranittis eda tarkaanfiin fudhatamuun dubbatamaa jira.

Lafti Oromoo Naannoo Zuwaayii fi Bakkoota Adda Addaa Akka Saamamuuf Haaraatti Karoorfame Qorannoo ministeera Induustrii Itiyoophiyyaa Qeerroon Saaxile.

Aside

Ebla 1,015 ,Wayyaneen lafa Oromoo ammas daddabalee saammuuf kutatee  ka’uu isaa kan agarsiisu qorannoo kaampanii Indiyaa tokkoon qoratame karaa Ministeera induustrii Itiyoophiyyaa naannoo Ziwaay- Bulbulaatti dhabatuuf deemu maqaa Agro-industrial park jedhu documantii guutuu kunooti. Oromoon waan kana sirnaan ilaaluun falmaa isaa akka jabeessu Qeerroon dhaamsa dabarsa.

1 IAIP Presentation

NAMNI EJJANNOO QABU, QILLEENSA YEROON HIN RAAFAMU !!!

Aside

 

SEENAA  Y.G(2005)

barruuIlmaan Oromoo  gadi-jabeessanii hubachuu kan qaban, wayyaaneen , wareegama ulfaataa kafalaa jirru ilaaltee, akka garaa  nu laaftuu ykn marii karaa nagaa jedhamutti harkisuuf ykn  hawaasi  addunyaas, haala kana nu hubattee , harka akka  nu irra qabdu ykn wayyaanee irratti dhiibbaa akka taasiftuuf qofaa akka hin taaneedha. Qabsoon keenya sadarkaa kana irra dabreera. Wareegamni haalaan qaalii ta’ee kafalaa kaa jirruuf, wayyaanee hidda ishee waliin Oromiyaa keessaa fi Ummattoota cunqurfamoo irraa buqqisuuf ta’uu adda baafatanii beeku qaban. Wareegamni har’a ijoollee qacaleen ykn ol-guddattuun kafalaa jirru ulfaataadha. Wareegamni qaalii kun, waan araaraa fi jettee jettee namootaan wal bira qabnee falaasama kan itti baayyifnuu miti. addunyaatti kan iyyaachaa jirruuf, har’a waan isinitti himaa jirru sirreessuu dhiiftanii, ykn sirna isin jiraachisaa jiratan hin sirreessitan taanaan rakkoon kana caalu dhufuu akka danda’uu hubadhaa jechuuf qofaadha. Sababaan adda duraa, humnoonni alaa wareegama qaalii nuuti kafalaa jirruuf waan wal gitu hojiin argisiisuu jennee abdii guutu irraa hin eegnu. Wareegama lubbuu nuuti kafalaa jirru irra, dantaa isaanii akka dursan waan beekamuuf, Wareegama ulfaataa gama hundaan umamuu danda’uuf, itti gaafatamummaa hin qabnuu jennee beeksifachaa jirra malee, karaa nu haaxaa’aatii waan barbaannutti nu qajeelchaa jechaa hin jirru. Kana qalbifachuu dhabuutu  haasaa qilleemsa yeroo waliin dhufuun raafamaa jiraanna.  NAMNI EJJANNOO QABUU ,QILLEENSA YEROON HIN RAAFAMU !!!!!

Bitootessa 31/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii irraa Ilmaan Oromoo Nagaan 64 waraana Mootummaa Wayyaanee EPRDF/ TPLF’n Ukkanfamuun Butamanii Mooraa Leenjii Waraanaa Wayyaanee kan Godina Jimmaatti Argamuu Xoollayitti Hidhamuu Qeerroon Gabaase

Aside

because-i-am-oromoKanneen kunis.
1. Dargaggoo Kuubaa Takkalaa
2. Barataa Tarkuu Gusoo
3. Barataa Balaayi Baayisaa barataa kutaa 12ffaa
4. Balachoo Lachiisaa Hojjetaa
5. Barataa Sisayyi Lammeessa kutaa 10ffaa
6. Barataa Dheeressa Tarfaa barataa Kutaa 11ffaa
7. Dargaggoon Dirribii Mashoo daldalaa
8. Barataa Shifarra Dajanee kutaa 10ffaa
9. Barataa Dagguu Alamayyoo, barataa sadarkaa 1ffaa
10. Dargaggoo Geetuu Dammaqaa jiraataa Magaalaa Baallammii
11. Barataa Waasihuun Girmaa, barataa sadarkaa 1ffaa
12. Dargaggoo Mo’Iboon Goobanaa iraata magaalaa Baallammii
13. Barataa Rattaa Dhibbaa
14. Dargaggoo Tasammaa Taaddasaa , iraataa magaalaa
Baallammii
15. Miratee Dhugumaa qotee Bulaa,
16. Alamayyoo Tarreessa Qotee Bulaa
17. Cimdeessaa , kan jedhamuu qotee bulaa
18. Guddina Dabalaa qotee bulaa
19. Nagarii Gammadaa qotee bulaa
20. Alammayyoo Cimdeessaa Barataa
21. Daskiisaa Injiguu
22. Barataa Abdiisaa Gaaddisaa kutaa 8ffaa
23. Barataa Qixaataa Goduu barataa kutaa 7ffaa
24. Barataa Balaay Fiqaaduu barataa kutaa 12ffaa
25. Barataa Hirphasaa MIrreessa barataa kutaa 12ffaa
26. Mallasaa Fiqaaduu daldalaa
27. Barataa Awwaajii balaay barataa kutaa 11ffaa
28. Barataa Baay’ataa Mirreessaa barataa kutaa 11ffaa
29. Dargaggoo Tasammaa Yaadasaa dabalatee ilmaan Oromoo 64
balleessa tokko malee Waraana agaaziin ukkaanfamuun mooraa waraana WayyaaniiXoollayitti kanneen geeffama keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Yakka Guddaa Raawachaa Jiraachuu Qeerroon Saaxile.

Aside

IMG_20160329_115232 IMG_20160329_115315 IMG_20160329_115331 IMG_20160329_115509Ebala 1,2016 Mootummaan Wayyaanee Yakka Barattoota Oromoo Irratti Hojjetu Itti Fufuun Yuniverstii Jimmaa Keessatti Seeraa Ala Hiriira Mormii Baatan Jechuun Ragaa Sobaa Waammatee Adabbii Maallaqa Guddaa fi Murtii Hidhaa Barattootatti Murteessaa Jiraatu iyyuu FXG Itti Fufee Jira..

Magaalaa Jimmaa Keessatti Sochii Qeerroon Mirga Abbaa Biyyummaasaaf Taasisaa Jiru Daran Babal’ate

Aside

Ebla 1,2016 Jimma
FXGGuutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jira
 
Bulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf
dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
 
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
 
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
 
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
 
#ADWUIn Saamtuudha
 
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
 
#Abbaan biyyaa Oromoodha
 
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti.