“Harmee Oromiyaa,Qeerroon Lafaa Kaatee” Riyad Sabona ft 2c ( New Oromoprotest Music 2016

Aside

FXG Itti Fufe! Barattooti Oromoo Waraana Agaazii Wayyaaneen Wareega Kafalaa Jiru.

Aside

Naqamte11Bitooteessa 23,2016
FXG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru sadarkaa guddaatti ce’aa jira,haala kana keessatti gaaga’ama ulfaataan uummata keenya irra gahus qabsoon FXG itti fufee jira.
Suuraan kun sabboontuu fi barattuu Amartii Hinsarmuu jedhamti ganama kana 23/03/2016 mana barumsa ASK Nekemte keessatti rasaasa waraana Wayyaaneen Agaaziin mataa ishee ruktamte. Afaanii fi Funyaaniin dhiiga hedduutu mataashee keessas yaa’aa jira. Haala yaaddessaa keessa jirti.

Humni Waraana Waayyaanee Tarkaanfii Suukanneessa Uummata Lixa Oromiyaa Magaalaa Najjoo Irratti Fidhachaa Jira.

Aside

1424497_630114567145976_2707487839004216789_nBitootessa 23,2016
Gochasaarraa akka waan gabbeetti kan haasa’uu mootummaan Waayyaannee har’allee tarkaanfolee ajjeechaaf fuguuginsa sanyii osoo nurraaa hin dhaabiin jiraa jedhu jurattoonni Najjoo Akkasuma har’a FXG adeemsifaamaa jiruun miidhama da’immanrraan ga’aa akka jiru Qeerroon Najjoo dubbata mucaa ganna 11 kan kutaa 5ffaa baratu barataa Soorummaa Ashaalee har’a mana barumsaa Abdiisaa Aagaa keessatti itti seenuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahanii jiru.Mucaan hanga ammaatti dubbachuu akka hin dandeenyeef du’afillee shakkii guddaa keessa jiraachuu gabaasaan
keenya achii gabaaseera. Haalli Soorummaarra ga’e ittuu barattoota finiinsuun guyyaa har’aa
sa’atii kanatti manneen barnootaa Abdiisaa Agaa,Qophaaina Najjoo,Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa Gaaddisa Odaa BBB hojiirra oolchuun dhaadannoowwaan
‪#‎Saamichiif‬ duguuginsi sanyii Lammii keenyarraa haa dhabbatu
‪#‎Nuun‬ dhimma bilisummaaf dubbanne dhahichiif Jimulli duuba nu hin deebisu
‪#‎gowwomsaa‬ Wayyaanee hin fudhannu
‪#‎gumaa‬ nama du’ee isa jirutu baasa
‪#‎gumaan‬ hin nyaatamu gumaa gumaatu baasa
Jedhuun guutummaa magalatti raasaa jiru FXG hanga bilisummaatti itti fufa jedhaniiru.

Godina Wallaggaa Aanaa Laalloo Assaabii Irraa Barataan Kutaa 10ffaa Baratu Waraana Wayyaaneen Butame.

Aside

12899715_1031581966880717_1274529698_nBitootessa 23/2016 Barataan kutaa 10ffaa baratu Guutuu Birruu Waraana Wayyaaneen Butamee Bakka Bu’e Hin Beekamu.
Sochii Qeerroon kan waalii qabate Godina Wallaagga lixa Aanaa lalo Assabii mana barumsaa Inangoo sadarkaa lammaffaa kutaa 10 ffaa kan baraatu. Baraata Guutuu Birruu. Humnaa warraana biyyaa qabamee laafa in bu’e wallalame.Rabbii lubbuu isaa nuuf haa bararuu. Galmeen seena Oromoo sii waamtii.

Aside

new poto

Wallagga Magaalaa Naqamte Keessa Barruuleen Waamicha FXG Daran Tamsa’e.

Aside

IMG_20160321_232344 IMG_20160322_030944 IMG_20160322_200049_1Bitootessa 23/2016
Alaabaan Adda bilisummaa Oromoo(ABO) halkan edaa akka urjii magaalaa Naqamtee fi naannoo Yuunversiitii Wallaggaatti ifaa bulte.Barruulleen warraaksaas halkan edaa naannoo yuunvesiitii wallaggaatti rasbsamaa bulaniiru.yeroo ammaan kanas humni federaalaa guutummaan magaalaa naqamtee keessa ABO tu gale jechuun uummata nagaa doorsisaa jiru.naannoon yuunversiitii wallaggaas humna waraanaan marfamtee jirti.

Jimma Yuunibarsiitii Mooraa Guddaa(main campus) fi Mooraa FBtti Waraqaaleen Qeerroo Tamsa’an

Aside

Bitootessa 23,2016
IMG_20160322_214457 IMG_20160323_144903Balaaleffannaan murna bichuu Waayyaanee Gootota Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaatiin itti fufuun hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitichatti galee osoo eeguu Gootummaa jabaadhaan mormii akkuma eegalanii jiran waraqaalee Qeerroo kan barreefamnisaa alabaa keenyaan faayamtee dhaadannoowwan ciccimoo of irraa qabdu rabsaamaa turan.Waraqaaleen kun mooraa FB keessattis haalaan dhoobameera.Akkasuma Alabaan ABO kalariin hojjetamee wal cinatti maxanfamaa ture
Dhaadannoolee wariqicharraa
#OPDO n ergamtuu Waayyaaneedha
#Waayyaaneen saamtuudha
#Gamtaaf Tokkummaa keenyaan bilisummaa nii gonfanna
#ABOn kallacha qabsoo Oromooti
ka jedhu yoo ta’u Alaabaan ABOs cinasaatti maxanfanfamaniiru
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaarraa

Sirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole

Aside

12108101_629851160505650_6429143411055874916_nBitootessa 22,2016
Gochi murni bichuun Waayyaanee raawwachaa jirtu Uummata Oromoo arsee Finiinsee gara FXG tti kan geessaa jiru malee duuba akkaa hin deebifne hubatamaadha.Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaa reebichaa hamaa irraan ga’uun du’e jedhanii bosonatti gatuun kulkulfannaa nu keessa ka’anii ka darban shororkwessitoonni Waayyaanee.Gargaarsa uummati godheefiin bosona keessaa argamee hospitaalaa Naqamtee kan geeffame yoo ta’us,hospitaalli Naqamtee nuun ol waan ta’eef yaaluu hin dandeenyu erga jedhanii Gara finfinneetti referii ka barreessaan ta’uullee sa’atii sanatti Abbaan Barataa kanaa maallaqa of harkaa qabaachuu waan hin dandeenyeef Uummati haala ittiin Girmaa Lubbuusaa olfatan irratti osoo dubbatanii halkan Kaleessa Lubbuunsaa addunyaa kanarraa du’aan godaante.936632_629851163838983_3948624596706161126_n
Sirna awwaalcha Barataa Girmaa Darajjee kanarratti barataan Giddaa Ayyaanaa argamuun tilmamaan barattoonni 7000 olii kan tahan (baratonni sad 1 hangaa Kollejjii BLTO ttii ) barataa kan ta,ee hundii BBB jechuun kophee kararatti dhisanii ademsaa milaan sa,a 2:30 demmun barataa girmaa derejee ayanaa harkaa wayyanettii kan du,ee gaggeessan dhadannoo
#gumaa isa du’ee isa jirut baasa
#nuti hiriyyoonnikee gumaa nii baafna
#kan nu ajjeesu hin feenu
#nuti nagaa feena
#kan nagaa keenya sarbe hin dhiifnu wal irratti duuna
#barnoonni bilisummaa booda
#hanga gumaa baafnutti nuti hin barannu
#ABOn nu haa bulchu
#waayyaaneen nurraa haa galtu jechuun dhaadannoo gurguddaan gegesaniruu qabsa’an yoo du,ee qabsoon itti fufaa motumaa abba irren hin hoganamnu

SBO Bitootessa 23,2016. Oduu, Qophiilee Haala Yeroo Irratti Hunda’anii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Abuunaa Gindeberat Keessatti FXG Itti Fufanii Jiru

Aside

Guyyaa har’aa Bitootessa 22,2016 ganamaa irra egale hanga ammatti dhaaddannoo gargaaraa dhaggesisisaa kan ture yoo ta’u.ammaan kana immoo baratoota Sadarkaa 2ffaa fi qopha’iina mana barumsaa Kaachisitti kan jalaqabee barnooni bilisumaa booda jechudhaa dhaddanoo dhaggeesisisa kan olan mana barumsa Kachisii fuulduratti kan jalqabee yoo ta’udha