Bitootessa 30,2016 Sochiin FXG magaala Assaala keessatti ittii fufinsan gaggeffama jira Agaazii waarri jedhaman Barattota irraattii gocha hamma rawwaacha jiru Kaleessa Galgala Barattoonni Dhiira 108 fi Dhalaa 56 Qabuun Halkan Reebaa Bulanii Barattooti Shamarranii Baay’een Miidhamaniiru gargarsa wal’ansaa barbadu. Nama reebbuu malee namn Gargaru hin jiru nutis dhokkane jira Barsiisota Keessaas Namoonni Shan Hidhamaniiru Isaa Keessaa: B/sa Tufaa Fiiziksii Barsiisa Kaan Ammoo Maqaa isaanii akka Barreen Gabaasna
Monthly Archives: March 2016
SBO Bitootessa 30,2016. Oduu, Gabaasa Addaa Ibsa PAFD Gaazexeessotaaf kenne irratti, qophii haala yeroo irratti hundaa’ee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa…PAFD irratti fuulleffate.
Aside
VOA – Tumsa Uummataa Bilisummaa fi Dimookiraasii: Bilisummaa fi Dimookiraasiin Dhugaan Barootaaf Hawwame Argamuu Qaba
Aside
Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira
Aside
Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuunibaraiitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira
Birootessa 30,2016
Yuunibarsiitiin Jimmaa Keessatti dhiittaan mirga namaa hammachurraa darbee hidda dheerafatee jira.Barataa Oromo irratti yeroo gara
yerootti yakka tokkoon malee ragaa sobaa funaanamuun hiraasaa fi ari’a kan as ga’e mootummaan Wayyaanee ammas yakkoota akkasii daran babal’isee jira.
Barattoota 9 irratti ragaa sobaa funaanuun himata kanneen irratti badii tokkoon malee bane keessaa daawwitii manneen mootummaa caccabsitan jechuun Qarshii 41800 kuma afurtamii tokkoof dhibba sadeetiin himataa jiraachuu beekame.
Aside
Bitootessa 30,2016 Qeerroon Wallagga lixaa magaalaa Jaarsoo jalaa deemtoota wayyannee kan tate OPDO boqonnaa dhorkee jira. Guyyaa har’aas waraqaa “Qabsoon keenyaa hangaa bilisummaattii hin dhabatu: OPDOn ummataa oromoo bakka hin butuu: Hiidhaafi Ajeechaan dubbattii nun deebisu: ” kan jedhu torbee torbeen moraa maneen barnoota wajjiraalee motummaa akkasumaas maneen ummataa keessa faccasuun: motummaa Wayyannee nasuu guddaa keessa galchanii jiru.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 29,2016
Aside
Must Watch:-“Itti Siqii Loli” Wallee Warraaqsaa Artist Sabboontuu Keeyeroon Darajjeen/Bitootessa 2016
Aside
Godina Qellem Wallaggaa ona Jimma Horroo ganda Gomboo jedhamu keessa Bitootessa 28/2016 Qeerroon 28 humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamuu Qeerroon gabaase.
Aside
Gabaasaan Qeerroo akka ibsutti godina Qellem ona garagaratti walgayiin wayyaanee fi mariin mootummaan uummata gowomsuuf karaa
ergamtoota isaa OPDOtiin uummata dirqisiisuuf yaalan feshalaa’uu fig alma gahuu diduu irraan ona kana keessatti walgayiin kamuu
gaggeeffamaa kan hin jirre yeroodhaa yeroottis kan feshalaa’uu fi FXG baadiyaa dabalatee itti fufee waan jiruuf qindeessitoota FXG jedhamuun
daraggootni 28 ganda Gomboo keessaa yoo butaman ganda warraa Baabboo jedhamu keessa dargaggootni 5 ol ukkaamfamuu Qeerroon gabaasee jira. kun guyyaa har’aa Bitootessa 28/2016 tahuu gabaasni ibsa.
Har’a sa’a booda waraanni dachaafamee gara Ona Jimmaa Horrootti guuramaa jira. Uummanni FXGtti waan makamee jiruuf WBOnis achiin biyya
seenee jira jechuunis wayyaaneen waraana ishee garasitti guurrataa jiraatuu Qeerroon gabaasaa jira.
Ficcilli Xumura Gabrummaa gootota Qeerroo barattoota Oromoon deemaa jiru daran jabaate
Aside
Bitootessa 28/2016 Ficcilli Xumura Gabrummaa gootota Qeerroo barattoota Oromoon deemaa jiru daran jabaatee guyyaa har’aa mooraa barattoota Koolleejjii Asaalla barsiisotaatti ka’een humni tikaa reebicha hamaa erga fudhatee booda mana hiidhaatti isaan guure, amma kana qilleensa irra baasi adaraa namoota hidhaman
1) Caaltuu Kumalaa…..keeemistirii labiraatoorii waggaa 1ffaa
2 Fiqiruu Mitikkuu…baayoolojii lab waggaa 1ffaa
3 Addisuu …….wagggaa tokkoffaa lab
4 Lalisee…….waggaa sadaffaa muummee afaniifibarattoota maqaan isaanii hin beekamne hedduutu hiriiricha keessaa humna tikaan miliqfam. Amma iyyuu nannoo walkeessa jedhamtuu kessaa demmun nama gura jiru akka jiran Qeerroon gabaasa.
FXG Itti fufee daandiin Naqamte irraa Finfinnee geessuu cufamee barattooti 9 hidhamuu Qeerroon gabaasa.
Aside
Guyyaa Har’aa Bitootessa 28 bara 2016 Wallagga magaalaa Naqamteef naannoo ishee keessatti FXG finiinfamaa oolee jira.Fincilli kun manneen barnootaa qophaa,ina Naqamtee,Daaloo fi mana barumsaa Biiftuu Naqamtee keessatti daran jabaachuun yeroo ammaa kana baratoonni barnoota lagachuun mooraa gadlakkisanii gara maatiitti deebi,anii jiru.sababni isaammoo baratoota kanneen warqaa eenyummas bifa haaraan akka fudhataniif haala dhoksaan basaastotaaf kennannii baratoota warra kaaniifis sobanii ittiin barnootatti deebisuuf yaalaa akka jiran Qeerroon gabaaseera.Mana barumsaa Daaloo jedhamu keessatti immoo tarkaanfiin loltoonni Wayyaanee barattoota qabfuuf jedhanii qabeenyaa moorichaa irratti fudhataniin guutummaa fuullee mastaawatii mana barumsichaa caccabsuun hojiin ala godhaniiru.Daandiin Naqamtee gara Finffinnee geessus naannoo keellaa jedhamutti cufameera.Baratoonni 9 immoo gaaffi tokko malee gara mana adabaa seenanii jiru.