GUYYAAN QOPHII TUMSA QEERROO BILISUMMAA KUTAA KANAADAA MAGAALAA KALGAARIITTI QOPHAA`E HIRMAANNAA UUMMATAAN HAALAAN MIIDHAGAAN TAASIFAME

Aside

thumb_DSC03295_1024Qophiin  Tumsa Qeerroo Bilisummaa Kutaa Kanaadaa magaalaa Kalgaariitti Gurnaadhala 27/2016 Koree Qopheessitootaa Qeerroo Kalgaariitiin  magaaala Kalgaariitti qophaa`ee haala  miidhagaa fi seena qabeessaan   geggeeffameera.

Finfinnee Har’a Rakkoo Geejibaan Uummanni Osoo Hin Jaallannee gara FXGtti seenee Jira

Aside

Magaalli Finfinnee har’a ganama irraa kasuudhan haala suuraa kana ibsuun bakka hundaatti mul’attee jirti. Geejjibni tajaajila dhaabuu irraan kan ka’e magaalaan FF haala kana keessa kan seente yoo tahuh humni waraana wayyaanee bakka jiruu bahee daandii guutee jira uummata eegaa jira. Uummanni lafa barii ganama sa’a 12 irraa kaasuun haala kana keessa jira. Bakka hedduuttis mormiin uummataa itti fufaa gaaffiin uummataa jiraattoota magaalaa Finfnnee keessaa hojjetoota dabalatee mootummaa mudduu irratti argamti. Godinoota addaa kanneen akka Sabbataa, Laga Xaafoo fi Sulultaa kanaan wal qabsiisuun uummanni gara FXGtti makamee jira. Magaalli finfinnee guutummaatti waraana wayyaanee fi poolisii Finfinneen dhuunfatamtee jirti.gabaasa addaaf waliin walitti deebina.

Fincila Barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa‏

Aside

received_1731221790448239Wallaggaa Yunversiitii keessatti fxg  dhohee jira. Dhaadannoollee jajjaboo ta,anis dhaga,amaa jiru.Baratoonnis tokkummaadhaan ka,anii mootummaa faashistii wayyaanee balaaleffachaa jiru.Mootummaan wayyaane Fincila kanaan rifannaa guddaa keessa galuudhaan baratoota gaaffii mirgaa gaafachuuf ba,an irratti dhukaasa banuun baratoota haaduu madeesseera.Baratoonnis yeroo ammaan kana mooraa gadi lakkisuudhaan gara uummataatti baqachaa jiru.

Wallagga Yuunibarsiitiin FXG Haalaan Finiinsan

Aside

Bitootessa 2,2016
Warraqsi Uummataa erga mootummaan humna waraanaan Oromiyaaf Oromoon bultu murteessellee haalaan ittuu jabaatee itti fufeeraa.
Har’a jechuun sa’ati kanatti(1:30)irraa eegale Wallagga Yuunibarsiitii Keessatti warraaqsa qeerroon Yuunibarsiitichaan eegalee Wayyaanee Sodaaf naasuu guddaa keessa galchaa jira.walleen warraaqsa gurmuu qeerroowwaniirraa dhaga’amaa jira.Dhukaasaa barattootarratti banamee dhukaasii nii dhaga’ama Magaslattii(Naqamte)dirree waraanaa fakkaachuun tureera har’as akkasuma.diddaan kun jabaa fi hammaataa ta’uun murna bichuu TPLF fi jala deemtonnishee kan Tigiraayi keessatti hundeeffamte OPDOn waan qabdee gadi dhiistu dhabdeetti ohoo baala tuufoo ABO nuu wayya nuufoo,Ohoo baala tuufoo Jumilli nuu hin ta’u nuufoo jechuun sagaleen Weerroo Yuunibarsiitirraa dhaga’amaa jiru mandhee waan dhorkate fakkaata Achuma godiina sanatti kan argamttu Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxee fi Lixa Wallaggaa Najjoo,Warrajirruutti warraaqsi guddaan Uummataan dhohee jira

Aside

G/W/LIxaa anaa Jaarsootii warrannii motummaa wayyannee ummataa nagaa irraattii Dhukkasaa banuun…amma magaalaan jaarsoo dirree warrannaa tate jirtii enyu akka dhukkasuu hin beekamu…sagaleen meeshaa gurgudaan weraramtee jirtii!

GAAFFIIN UUMMATA OROMOO FINCILLI XUMURA GARBUMMAA QEERROO OROMIYAA SOSSOBBAA,GOYYOMSAAFI OLOLA DIINAATIIN DUUGDUUBA KAN DEEBI’U MITI

Aside

Marii Gadaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!“Lama nan suuffan” jette jaartiin qullubbii hattee jedha oromoon mootummaan alagaa uummata oromoo garbummaan gidirsu wayyaaneenis ta’e mootummoonni abisiiniyaa akkasumas kanneen wayyaaneef faallaa ta’an illee qabsoo qeerroon oromoo taasisaa jiru gara dabarsuuf shira hedduu hidhaa jiru Mootummaan wayyaanee yoon du’ellee akkuma mallaasaan ekeraadhaan uummatarra naanna’ee jiraadha,taayitaa aangoofi teessuma mootummaa isaanii mallasaa wajjin boolla seene qorqalbii isaanitti baatanii akka ittiin jiraatan wayyanonnii fi ergamtoonni isaanii ba’aa yaadaa fi mootummaa isaanii ekeraa ta’e uummati oromoo akka dhibaayyuu ekeraa taasisuuf barbaaduu.ofii isaaniif immoo qaalluu sadoo gadaa of fakkeessuun qabsoo qeerroo oromoo lamshessuuf tulluu diimtuu fi walaliin dhiibu,bishaan abbayyaafi awash fuulduras goruuf yaadu garuu gonkumaa hin danda’amuufi! Wayyaanonni yaada,ilaalchaa fi sochii hawaasa yeroo dheeraa sobuun bitanii akka harkaa ba’e hin hubatani GAAFFIIN UUMMATA OROMOO FI FINCILLI XUMURA GARBUMMAA QEERROO OROMIYAA SOSSOBBAA

Godina Iluu Abba Boratti FXGn Ummanni Ergamtoota Wayyaanee Irratti Haleellaa Fudhate, Wallagga Bahatti Qonnaan Bulaan Sadii Wareegame‏

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraatti guyyoota muraasa dura FXG uummataa fi barattootaan waltahuudhan ka’ee ittifufee jiraatuu Qeeyroon gabaasee
jira. Kaleessa Aanaa Buree ganda Aboo Moorigatti dargaggootni FXGf waamicha fi uummata kaasuudhaan gara daandiiwwan guddaa cufuuf yeroo
dhaadannoo dhagesisa bahanitti poolisonni wayyaanee dura dhabbachuun fincila kana dura goruuf yaalii yoo gootu dargaggootni uummata waliin
haleellaa poolisoota irratti baneen hidhatootni fi poolisoonni hedduun baqachuun kan of baasaan yoommu tahuh poolisoonni lama irree uummataa
fi dargaggootaan reebamanii haalaan miidhaan irra gahus toohannoo uummataa jala akka jiran qqyroon nuuf gabaasee jira.

Uummanni ammas nuti mootummaa kana hin feenu kanaaf nu dura dhaabbachuuf yaalii hin taasisaa mootummaa wayyaaneef jettanii jechuun poolisootatti akeekkachisni uummataan kennamee jira. Gama biraatiinwallagga bahaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettatti Guraandhala 28 FXG qonnaan bulaan addatti wal gurmeessuun kaaseen lolli jabaan qonnaan bulaa fi hidhattoota wayyyaanee gidduutti adeemsifamee jira. Haala kana kessatti qonnaan bulaan namni 3 lubbuudhaan wareegamanii jiru. Jiraattotni ganichaa ammas FXG finiinsuu irratti argamee jira. humni wayyaanees uummata irratti yerodha yeroo dhukaasa banaa jira.

Humni WaraanaWayyaanee Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Weerare

Aside

02/03,2016
Torbe darbe walitti aansee dhukaasaa halkaaniin kan heddu miidhame humni diinaa Agaazii gama waan isa mudate furatu barbaachaaf
akkasumas uummata eenyummaasaf mirgasaaf falmu gama ittiin lugamatu kan dhabee burjaaja’u mootummaan TPLF sochii uummataa laamshessuuf akkuma gidduu kana naannoo Oromiyaatti humna waraanaa erguuf dhaadatetti magaalaa Naqamteetti har’a Humna ciccimoodha jedhee abdatu kan Aanga’ota TPLFn (Tigirootaan)durfamu konkolaataa 3f sadetii ol qubsiisee jira wayiita ammaa kana Magaalattiin Humna waraanaan dhuunfatamteetti.Uummatis sochiisaa ka duriirra bifa haaraan eegaluuf qophii xumureera

Aside

Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda buttujjii Qassoo mana barumsaa baabbaa kofalee sadarkaa duraatti guyyaa har’aa fincilli barattooti geggeessan uummata guutummaatti makachuun geggeessamaa oole

Odeessi nu qaqqabe akka agarsiisutti uummati gamtaan ka’ee poolisoota barattoota reebaa turan itti yaa’uudhaan facceedhaan faffalaxee of keessaa hari’uun isaanii beekeera.

Guyyaa dheengaddaas ganda buttujjii Qassoo keessatti kan argamtu magaalaa Qassoo keessatti uummati konkolaataa poolisootaa caccabsuun kan yaadatamu yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana ganda Baadiyyaa kana poolisootni lafoo seenan faccee fi bodee,bashirii fi shaanfoo qabuun uummati kaan irratti tarkaanfii fudhate kaan isaanii tufatanii baabbaa kofalee keessaa akka ba’an beekameera

SBO Bitootessa 02,2016. Oduu, Ibsa Gumii Sabaa ABO fi Waamicha Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside