Humni Waraana Wayyaanee Agaaziin Daran Magaalaa Naqamteetti Dabalame

Aside

Bitootessa,4,2016 Kan abboota isaanirraa gocha duguggaa sanyii kan nurratti raawwachaa turan hanga har’atti nutti dhaadataa kajiran akkasuma aangoo dhiiga dhangalaasun argama jedhaanii kan amanan TPLF magaalaa Naaqamteetti yeroo darbe rakkoo geejibaaf Konkolaataa fe’isaa 3f n magaalatti kan seenan ta’uun nii aspartame Har’as Warraaqsi Uummatichaa naasuu muddama keessaa ba’uu hin dandeenye keessa kan galche Wayyaaneen Qawween akka waan tasgabeessituu Agaazii Oralii 3 dabalataan har’a magaalatti seensifteetti.sochiin uummataas guyyaa guyyaan akkuma jarri dabalamaa bultuu olitti cimaa jira

Badii darbe irraa kanneen hin baranne, badii fakkaataaf akka nu saaxilan hayyamuu hin qabnu:Oromoota haga har’aatti dogoggora seenaa irraa hin baranne irratti.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

Badii darbe irraa maal baratnaHariiroon siyaasaa har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’achaa jiru, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, hariiroo siyaasaa mul’achaa tureen kan walfakkaatuu dha.Walfakkeenyi hariiroo siyaasaa yeroosi fi kan ammaa, bifaa fi ayinaan kan wal irraa dhaalame fakkaata.

Fincila ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin, Haayile Sillaaseen oggaa raafamu, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf dhaaboti siyaasaa heddutu ijaarame. Dhaaboti siyaasaa kun hundi, Haayile Sillaasee kuffisuu irratti akeeka tokko yoo qabaatan illee, kufaatii isaa booda, fuuldureen Impaayeratti maal  ta’uu akka qabdu fi Haayile Sillaasee bakka bu’ee eennu Impaayeratti akka geggeessu irratti waldhabbii hundee qabu turan.

Dhaaboti kunneen keessaa, dhaabi EDU (Ethiopian Democratic Union) ykn ammo Gamtaa Dimookraatota Ixoophiyaa jedhee of moggaase, Haayile Sillaaseen nama tigreetiin bakka buufamee sirni abbaa lafaa kan Haayilee Sillaasee akka itti fufu kan barbaadu ture. Dhaaboti akka: Dargii (Koree Qandaalota Waraanaa), EPRP (Ethiopian People Revolutionary Party) ykn ammo Paartii Warraaqaa Ummattoota Ixoophiyaa, fi AESM-MEISON(All Ethiopian Socialist Movement ykn ammo Sochii Soshaalizmii Guutuu Ixoophiyaa ammoo, Haayile Sillaasee irraa aangoo fudhatanii, jijjiirraa xixiqqaa ykn fakkeessaa, kan Haayile Sillaasee kuffisanii aangoo haga qabatanitti fi  hanga aangoo isaanii cimsatan qofatti turu, fiduudhaan tokkummaa impaayeratti olaantummaa Amahaaraa jalatti itti fufsiisuu  kan barbaadan oggaa ta’u, kufaatii mootummaa Haayile Sillaasee fi jijjiirraa xixiqqaa osoo hin taane, impaayerichi hundeedhaan diigamee, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa bilisa ta’anii hiree isaanii murteeffachuun mootummaa walaba ijaarrachuuf mirgi isaan qaban guutuutti akka kabajamuuf kan  bara 1973 ijaarame ammo ABO dha.Badii darbe irraa kan hin baranne

FXG Kaleessa Yuunibarsiitii Jimmaatti Dhoheen Guutummaan Mooraaf Magaalaa Jimmaa Raafama Keessa Oolte

Aside

Bitootessa 4,2016
Uggurtotniif Shororkeessitoonni Waayyaanee kan mooraa Yuunibarsiitii keessa qubsuma godhatee jiru osoo itti hin yaadin sodaa tokko malee
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaa(main cumpus) Kaleessa jechuun Bitootessa,3,2016 dhoheen guutummaan magaalattii rafama guddaa keessa oolte humni diinaa Agaazii magaalaa Jimmaa keessa Akkasuma irra jireessaan mooraa keessa hidhata guutuun socho’aa turan kan na Ajaibe Waanuma dirree lolaatti bobba’an fakkaatu qawwee Logomatanii konkolattota garaagaraa sadiin deemsisaanii har’aa.akkasuma guutummaa aanaalee Godinichaa hundatti raabsamanii tuuta tuutaan magaalaaf baadiyyaa Jimmaa marsaa turan Jimmaan guutummaan guutuutti humna humna Waraanaa diinaan marfamtee oolte Akkasuma barattoota Yuunibarsiitichaa kan ta’an namni 17mana hiraarsaa diinaa kan magalatti keessatti argamu(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa guddaan irra gahaa jira.Barattota kanneen Odessa
1,Tolasaa Nagaasaa law waggaa 5ffaa
2,Biqilaa Guutaa statistics waggaa 2ffaa
3,Yoonas Giidoo computer waggaa 3ffaa
4,Saamuel computer waggaa 3ffaa
5,Ittaanaa Kennaa Computer waggaa 3ffaa mana hiraarsaa diinaatti Dhiira 14fi Shamarran 3 waliigala barattoota 17 dararaa akka jiran
oduun Qeerroon Yuunibarsitichaa dhagaa’amu ifoomsa kanneen hafan itti fufiinsaan gabaafna.

Waarraqsi FXG Har’a Yuunibarsiitii Wallaggaa Fi Magaalaa Naqamteetti Dabalate Dhohe Itti Fufe

Aside

Bitootessa 4,2026
Diiddaan Mootummaa abbaa Irree of irraa fonqolchuuf Yuunibarsitiitti dhohe osoo Jarri hin yaadiin Uummata Magaalatti dabalachuun shororkeessitoora Waayyaanee sodaa guddaa keessa galche.Kanas akka waan dhukaasaaf rasaasan dhaamsanii barataa barruuleef qalamaa malee homaa hin qabne irratti dhukasa jabaa dhukaafamaa tureen barataa hedduun madeeffamanii hospitaala jiru.kaansaanimmoo mana hiraarsaa galchanii gidiraa jabaa irraan gahaa jiru. Barattoota madeeffamanii yaalamaa jiran muraasa
1,Yoonas Qana’aa
2,Baayyuu Fayyisaa
3,Galaanaa Guutamaa
4,Magarsaa Tasammaa
5,Xarihun Ammasaa
6,Jaal’ataa Ofga’aa
7,Kuuchumaa Jiraataa
8,Seblee Taammiruu fi hospitaala Naqamtee keessa barataan yaalamaa jiran hedduudha maqaan akka nu ga’een isinii dhaamna Akkasuma baratotni baay’inaan 40tu hidhaan gidirfamaa jira maqaan ammaaf arganne
1,Balaayi Fiqaaduu barataa public administration waggaa 2ffaa
2,Lammeessaa Tasammaa turizim management waggaa 1ffaa fi barattoota hafan akka argannetti isiniin geenya waligalatti barataa afurtama
ta’an hidhaan gidiraa jala jiraachuu Qeerroon magaalaa Naqamtee ifomsa

 

Godina Wallagaa Aanaa Najjoo Magaalaa Warra Jirruu Keessatti FXG Gaggeefameen Sabboontoti Hedduun Hidhaman.

Aside

Bitootessa 04, 03’2016 Fxg ammas jabaachuun godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo Bulchiinsa magaalaa warra jirruu keessatti jabaachuun guyyaa har’aa namoonni heeduun hidhamanii jiru. Hedduminaan kanneen hidhaman keessaa  abbootii ijoolleedha. kanneen hidhaman keessaa:

1,Barsiisaa Waannaa Tarreessaa
2,Barsiisaa Eebbisaa Kooluu
3,Sanbataa Tamasgeen
4,Geeta’uu Tamasgeen Q/bulaa
5,Bultii Jaarraa Q/bulaa
6,Ayyaanaa Xurunaa barataa
7,Taammanee Uummataa Barataa
8,Imaanaa Qananii Q/bulaa
9,Bacaa Dafaa Q/bulaa
Mana hiraarsaa jaraa keessatti akka dararamaa jiran gabaasi Qeerroo
achii addeessa

Aside

12772100_1731876947049390_6073919628503553568_o 12778738_1731876943716057_3024529562138190953_o (1) 12801356_1731840357053049_6422942438463292153_nGuyyaa har’aa adoolleessa 4’2016 fincilli xumura garbummaa haal ho,aan yeroo ammaa kana magaalaa Naqamtee keessaaa fi Yuuncersiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan mootummaa faashistii Wayyaanee balaaleffachaa jiru.
Mootummaan wayyaannees riffannaa guddaa keessa seenuun yeroo ammaa kana hoomaa waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun uummataafi baratoota irratti dhukaasa bannuun namoota baayyees miidhaa irraan ga.eera.Daandiin naqamtee irraa ka.uun gara finffinneetti deemsisus guutummaan guututti naannoo yuunvesiitii wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti cufameera.

Dhaamsa Hatattamaa Hoggantootaaf Jiraattota Jimmaa Muraasaaf

Aside

Bitootessa 4,2016
Akkuma argaa jirtan FXG kaleessa galgala Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha keessatti dhoheen barataan miidhamee kaan yaalamaa jiraachuu argaas dhaga’aas jirtu.har’a garuu,yoo ganamaan duunkaana hidhattanii kabaja Ayyaanaa jechuun OPDO ofisheeyyuu akka sa’aa namaan harkifamtu cina teessanii nyaataaf dhugaatiif walitti yaataan garaan keessan isin haa taajjabu.
Saree guddisanii yoo mana bade barbaacha hin dhaqani OPDO hamma kana unuuf Keessattu magaalaa Jimmaa keessatti gochii isin gochaa jirtan seenaa jala waan dhokatu miti.Hormi nurraa gala nutu walitti hafa namni walitti hafu wal hin tuqu walirraa hafa isin garuu xiqqoo dhuma of sakatta’uu dadhabdanii yoo haadhoon keenya madaa’ee caccabee ciisutti kabaja ayyaanaa jechuun walitti yaa’aa jirtu.Homaas miti Akkuma Oromoon”Titisarraa damma hin eegan”jedhu waan isinirraa eegnu hin qabnu.Garuu,otoo hin beekinis ta’ee osoo beekuu kan isinii wajjiin Ayyaana keessan kabajuuf jedhu uummata Oromoo Jimmaaf Dhiiga Oromummaa waliin qabnu sanaa jedhaanii adaraa yoo nu cina dhaabbachuun itti ulfaate Soorrata keessan kan dhiigaan faalamerraa of haa qusatan. Oromiyaan Dhiiga Ilmaansheen Nii Bilisoomtti

“Oromiyaan tan Oromooti” Wallee Haaraa Artist Ibroo Ibsaa

Aside

Fincilli Xumura Gabrummaa Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Fi Yunibarsiitii Wallaggaatti Dhohe Hanga Har’aatti Finiinfamaa Jira

Aside

Bitootessa 4,2016
Warraaqsi Yunibarsiitii Wallaggaatti finiinfamaa ture ummata magaalattiif naannooshee dabalatee Wayyaanota Muddaa kan jiru ta’uu
gabaasaan achii nu dhaqabe nii addeessa. Guyyaa har’aas FXG haala ho’aa ta’ee Magaalaa Naqamtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan moitummaa fashist Waayyaanee balaalefachaa jiru.dhaadannowwaan
#OPDO n maxxantuudha nu hogganuu hin dandeessu
#Humni Waraanaa fashist Wayyaanee Kan magaalaa Naqamteef Gutummaa uummata keenyaarratti bobbaafame Biyya nuuf gad-dhiisu
#Biyyi abbaa qaba Nutis Abbaa qabna abbaan keenya ABO nuu haa bulchu
#Gumaa xinnaaf guddaa keenyaaf itti gaafatamaan mootumicha
#Gumaa dhiigaa dhiigatu baasa….jedhu magaalattii keessaa dhaga’amaa hit a.
Mootummaan Fashist Waayyaaneef Jalee taatee kan hojjettuuf OPDO n rifannaa guddaa keessa seenuun hoomaa waraanashee Uummata nagaa
irratti bobbaasuudhaan waraana Uummata harka qullaarratti dhukaasuudhaan Uummataa fi barattoota hedduurra miidhaan gahamaa
jira.Daandiin Naqamteerraa ka’uun Finfinneetti deemsisu Guutummaan guututti naannoo Yuunibarsiitii Wallagaa hora Hadiyyaa jedhamu cinatti
cufameera.

GABAASA QEERROO KIBBA OROMIYAA.

Aside

Hiriira Aanaa yaaballoo

YaabellooMagaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

Barattuu Xumme Jaarso

Xummee Jaarsoo

Barattuu Xummee Jaarsoo

“ulee harka qabdu buusi, atis qawwee harka qabdu buusi “jettee agazi shimala mataat cabsite rasaasaan rukutamte yero amma hospitaala yaaballoo ciifti

Qeerroo Eelawayyee fi Qabso Ummata 

Magaala kana keessa hidda diina ari’atani
Qabsoo itti fufaa jiru, akkuma iddoo bira gabaanis hinjiru

Barata Goolicha Kan FXG irraatti Tarkaanfiin Gara Jabeenya irratti Raawwate

Barataa Goollicha

Barataa Goollicha

 FXG godina boorana Aanaa Areeroo

Mormii kanaan  company Midrock kan badda Areeroo keessa Albuuda dhagaa babbareedaa ykn gemstone jedhamuufi ilinxo Ykn shekla qotatu birmannaa ummataafi qeerrootiin godaansifame

Oduu Ammee

Hiriira

“Godina boorana Aanaa Dirree Magaala Dubuluqitti Hiriirri diddaa garbummaa geggeeffamaa jira Dhukaasis Ummataa fi barattootat banamaa jira ragaa booda dhiyeessina”