Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee – Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee –   Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.

Bitootessa 9,2016

Ummatni Oromoo qabsoo hadhooftu gootowwan ilmaa isaa biyya isaanii keessatti gegeessaa jiraniin qarqara Bilisummaa isaa ga’ee jira. Har’a mirgi abbaa-biyyuummaa ummata keenya sadarkaa haalamuu hindandeenyerra ga’ee jira yoo jenne soba hinta’u. Wareegamni gootummaa ilmaan isaa gumaachaa jiran, mootummaa Wayyanee rommisiiseera, of-irrummaa ishees addunyaa guutummaaf saaxileera.

Yeroo akkaan murteessaa sabni keenya keessa jiru kanatti, gaheen dhaaboota siyaasaa Oromoo ulfaataa ta’uun waan wal nama gaafachiisu miti. Dhaabotni Oromoo wal-qoodmaa tokko malee Qeerroo isaanii cinaa hiriiranii Mootummaa TPLF, kan gar-malee ummata keenya dararaa fi biyyaa keenya Oromiyaa ammoo diinummaan saamaa jirtu kana of irraa fonqolchuun, gabrummaa jaarraa tokko oliif Saba keenyatti fe’amee jiru kanatti xumura gochuun yeroon isaa amma.

Dirqama seenaa kana raawwachuuf, waan hundaa dura Dhaabotni Oromoo humnoota alaas ta’e keessaa Hiree Murteeffannaa Sabootaa morman waliin hariiroo bifa kamiyyuu gochuu irraa of eegachuun waajiba ta’a. Hariiroon humnoota akkasii waliin godhamu qabsoo gootowwan keenya wareegama lubbuu isaaniitiin nu dhalchisan sharafuu waan ta’eef, dhaabotni Oromoo gaafatamni itti dhagahamu marti sochii isaanii keessatti of-eegannoo cimaa akka godhatan cimisinee beeksifina. Keessattuu, yeroo ammaa kana humnoota mooraa Oromoo gargar-baasuun qabsoo sabicha dadhabisiisanii angoo siysaa fudhachuu kanneen abbalan waliin hiriiruun badii seenaan dhiifama hingoone dalaguu waliin wal-gituu isaa hubatanii, dhaabotni keenya gochaa bifa kana irraa akka of-eeggatan Qeerroon dhaamsa qabsoo dabarsaaf.

Galmee seena irraa akka hubanutti, diinonni keenya qabsoo saba keenya faffacaasuun milkawaa as gahan. Ammas toftaa adda-addaatti dhimma bahanii humna keenya facaasuu irraa of duuba deebu jenne yaaduun muuxannoo keenya kaleessaa irraa barnoota gaha argachuu dhabuu keenya agarsiisa. Kanafuu, humnoota toftaadhaan tokkummaa qabsoo saba keenya diiguuf imaammatan, keessattuu kanneen Hiree Murteeffannaa saboota dura dhaabbatan waliin hariiroo siyaasaa tolfachuun ammatti bu’aa inni fidu caalaa badiin isaa guddaa ta’uun beekamuu qaba jenna. Humnoota bifa sana waliin yeroo qabsoo keenyaa qisaasuu irra, dhaabotni keenya walii isaanii jidduutti waliigaltee jabeeffachuun, Sochii Qeerroo kan mootumicha yaaddessuu bira taree wal nyaachisaa jiru kana daddaffiin gama injifannoo maayiitti tarkaanfachiisuu irratti gahee isaan irraa eegamu akka gumaachan gaafatna.

Guutummaan Ibsa Kanaa:-  Dhaabota Oromoo Ilaalchisee Ejjennoo Qeerroo Bitootessa 09 2016

Aside

fund_raising_11x17-11

FXG Barattoota Yuuniversiti Kiiloo 6tiin Itti Fufee Jira, Barattotni 7 Ukkaamfaman‏

Aside

stBitooteessa 9,2016 barattootni mooraa yuuniversitii kiiloo 6 diina mooraa marsee afaan qawwee baatee hiriiree dhaabbatutti harka qullaa bahuudhaan dhaadannoowwan hedduu dhageesisaa turaniiru. Gabaasuun keenyas ni yaadatama. Barattootni kun qindoomina FXG akka barattoota oromoo moorichaatti wal tumsa fi qindoominaan bahuu irraa ariitiidhaan tahullee barattootni muraasni Imbaasii Ameerikaa fi mooricha gidduutti hiriira bahaniin “ gaaffiin keenyaa gaaffii Master Pilanii qofa miti amma abbaan biyyummaa keenya haa mirkanaa’u, ajjechaan haa dhaabbatu, oromiyaan haa walaboomtu, humni waraanaa oromiyaa keessaa haa bahu, hidhaan haa dhaabbatu..” jechuun dhaadannoo dhageesisaa kan turan tahuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Yeroo san ykn kaleessairraa kaasuun humnoonni badii mootumaan wayaanee meeshaa itti hiree barattoota nagaatti bobbaase hanga ammaa kanatti mooricha marsanii jiru. Haatahu malee basaastoni fi lukkeewwan wayyaanee barattoota fakkaatuudhaan mooraa keessaa fi ala deddeebi’uudhaan barattoota sabboonummaa fi kaleessa hiriira kana irratti
argaman butanii dhabamsiisaa jiru. Barattoota muraasni maqaan isaanii nu gahe jiru keessaa kan qabamanii harka diinaa jiran

1. Bilisummaa Horanoo Araarsoo-Economics waggaa 2ffaa

2. Mohamad Ero Yusuf-Accounting waggaa 3ffaa

3. Ijjiguu Qabataa Ayyaanaa-Economics waggaa 2ffaa

4. Dabala Fayisa Gonfaa-Civil Engineering waggaa 4ffaa

5. Ahimad Mahamad Sani- Electrical Engineering waggaa 4ffaa

6. Shalamahu Gammachuu Damee-Economics wagga 2ffaa

7. Hundee Bultoo Sanbataa-IT waggaa 2ffaa

Barattotni kunneen yeroof qabamanii dhabamuun isaanii Qeerroon gabaasee jira. sochiin barattootaa mooricha ammalee kan itti fufee jiruu fi FXG
yeroon isaa amma kanaan booda barumsi dhaabbatuu qaba nuti teenyee ajjeefamuu hin qabnu uummata keenya dhumaa jiru barumsa barachuu hin qabnu jechuun waraqooleen mooraa keessaa fi alatti bittimfamaa jiru. Naannichi humna nageenya uummataa dhorkuu wayyaaneen raabsiteen guutamee jira.

Godina Wallaggaa Aanota Adda Addaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufe,Naqamte Keessatti Ammoo Barattooti Oromoo Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Dhaanamaa Jiru.

Aside

Bitootessa 09,2016, Yuunivarsiitii Wallaggaa fi mana barnootaa qophaa’inaa keeysatti FXG jabaatee wayyaaneen tarkaanfii sukkaneessaa barattoota irratti fudhatte. FXG kun mana barnootaa qophaa’inaa, Koollejjii barsiisotaa fi Yuunivarsiitii keeysatti gamtaan eegale. Koollejjii barsiisotaa keeysattis wayyaaneen
tarkaanfii fudhatteen barataa Misgaanuu Masarat kan jedhamu wareegameera. Fincilli kun yuunivarsiitii keeysatti ol ka’ee walitti bu’insi olaanaan waraana agaazii fi baratoota oromoo gidduutii dhalate.  Barattootni 20 ol tahanis madaa’ani. Isaan keeysaas
1.    Barataa Tolosaa Guutuu
2.    Barataa Alamuu Maaramaa
3.    Barataa Maatiyoos Tufaa
4.    Barattuu Sablee Taarikuu
5.    Barataa Misgaanaa Addisuu
6.    Barataa Addisuu Barasaa
7.    Barataa Magarsaa Tasammaa
8.    Barataa Taammiraat Zallaqaa
9.    Barataa Yoonas Qana’aa
10.    Barataa Saamu’eel Solomoon
11.    Barataa Maarihuun Ammasaa
12.    Barataa Girmaa Naadoo
13.    Barataa Rooberaa Bal’inaa
14.    Barataa Baayyuu Fayyisaa
15.    Barataa Toleeraa Guutuu
16.    Barataa Galaanaa Ibsaa
17.    Barataa Sintaayyoo Alamaayyoo
18.    Barataa Ayyaanaa Oljirraa
Kan jedhaman hospitaala Naqqamtee seenuudhaan waldhaansa yeroo argatanis miidhamni olaanaan irra gahe. Miidhamni xixiqqaan barattoota
30 ol tahan irrattis gaheera. Kana malees wayyaaneen wallaggaa lixaa keeysatti barattootaa fi uummata irratti rasaasa roobsite. Boojjii coqorsaa bakka jedhamuttis qeerroo oromoo Isayyas Gabayyoo jedhamu wayyaaneen rasaasaan ajeesuu qeerroon ona kanaa gabaaseera.

Wallee Warraaqsaa Gootota Artistoota Oromoo Caalaa Bultumee fi Jaafar Yuusuf – Injifannoon Galuun Baranuma/Bitootessa 2016

Aside

Har’a Bitootessa 09,2016 Humni Kora Bittinneessaa Jedhamu Waraanni Wayyaanee Heddumminaan Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Weerare.

Aside

11154822_1733603130210105_7700038345805393714_o 12795177_1733603126876772_7452920832184187264_o 10368896_1733603133543438_5851869700970081434_oGuyyaa har,aa bitootessa 09,2016 ganama kana humni kora bitinneessaa jedhamu guutummaan guutuutti Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee weeraree jira.
Humni kora bitinneessaa jedhamu kunis halkan edaa sababii ijoolleen doormii gadi lakkisanii gara magaalaatti imaluu jalqaban baratoonni heedduun immoo mooraamatti hafuun fincila daran finiinsuun mootummaa gabroonfataa wayyaanee boqonnaa dhorkaa bulanii jiru.Baratoonni mooriicha keessa jiranis kalleessa ganama irraa ka’uunishanga har,aa kanatti hunduu nyaata lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Yeroo ammaa kanas sababii isin humna degersaa yookiinimmoo ABO tu naannoo kana jira jechuurraan kan ka,e humni kora bittinneessaa akkasumas makalaakiyyaa warri jedhamanis heedduminaan mooraa yuunversiitichaa keessaa fi ala isaa guutummaan guutuutti dhuunfatanii jiru.Haaluma kanaan baratootaanis guyyaa har,aa kana ganama irraa ka,uun olseenuu malee gadi ba,uun hin danda,amu jechuun baratoota nagaa dhorkaa jiraachuun maddeen keenya ifa godhu.

FXG Gootota Qeerroo Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Magaalaa Jaartee/Adoolessa 09,2016

Aside

jaret jarteee jaarte

FXG Godinaalee Oromiyaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

stBitootessa 8,2016 Dhaabbileen barnoota yuuniversitii fi koollejjin torbee kana waamicha barumsa dhaabuu irratti sochii taasisaa jira. torbanoota laman darban kana Yuuniversiitiin Finfinnee humna waraanaa eegamaa baate. Inni kunis soda jiru irraan kan ka’eedhani. Har’a barattootni Yuuniversitii kiiloo 6 tahan dhibbaan kan lakkaawaman FXG finiinsaa oolaniru. Korri bittinnesssaa Wayyaanees naannichatti kan argame ijumaan fincila barattootaa kana kan ilaalee dhiise tahuunis hubatame humni waraanaa wayyaanee FXG kan jabeessu malee tasgabbii wayyaaneen jettuus furmaata kan tahe miti. Galgala kana sa’a 10 irraa kaasee mooraan Yuuniversitii Finfnnee kiiloo 6 hudhaa waraana Wayyaanee jala jirti. Haluma kanaanis magaala Amboo keessatti waraqoonni magaala fi baadiyaa keessatti bittimfamaa jiru. Kaleessa Bitootessa 7/2016 irraa kaasudhan Amboo fi Miidaqanyitti waraqaaleen ergaa kanaa gadii ofirratti qabatee jiru bittimfamee jira.

– Lafti keenya maqaa Investimentiin saamame haa deebi’u ykn murtoo keenyan deeffanna

– Mannen hidhaa hunduu haa gubatana hidhamtootnis haa gadhifaman

– Galgala uummanni bakka jirutti daandiiwwan gurguddaa akka cufamu waamicha

– Qoqqobbii geejjibaa shufeeronni akka taasistan jabeessine isin beeksisna

– Hawaasni kamuu gibira mootummaa akka hin kaffalle

– Gabaan kana booda hin gaggeeffamu

– Manneen barnoota kamittu sirni baruu fi barsiisu haa dhaabbatu tokko baratee tokko hin taahin

– Hojjetaan mootummaa kanaan dura hojii gaggeessuu irratti qoqqoobbii haga eegamu hin taasifamne kanaan booda garuu hojjetaan
mootummaa kamuu tarkaanfii kanatti seenuu qaba.

Haaluma kanaan tarkaanfii fi FXG Amboo fi Miidaqany itti fufee jira. Humni ittisa biyyaa miidaqany keessa jiru dargaggoota irratti dhukaasa banuun ajjeesuun ammallee akka hin dhaabbanne qeerroon kan gabaasaa jiruudha.

Aside

habtamuGuyyaa Har’aa Bitootessa 8,2016 sa’a kanatti barattootni Yuuniversitii Finfinnnee dhibbaan lakkaawaman gara Embaasii Ameerikaa deemuun dhaadannoo dhageesisaa jiru, ammalle itti fufuudhaan naannoo gaar Inxooxxoo qabate qonnan bulaan gama Sulultaas bahuudhan daandi cufee mootummaa EPRDF hin barbaannu ofiin of bulchina, ABOn kallacha qabsoo keenyaati jechaa jiru.

Godina adda naannoo Lagaxaafottis qonan bulaan humna waraana karaa darabsu dhorkate jira. Yeroo amma kana yuuniversitiin Fifninnee kiiloo 4,5 fi 6 humna wayyaanetu dhokatee marsee jira. Barattootni barruu warraqsa guyyaama kana moora keesa facaassa jiran. FXG kunoo jabaatee hamam
dhufamtti itti fufe.

Guyyaa Har’aa, Dararaa Agaaziin barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhate‏

Aside

received_572676316241627 received_572676319574960 received_572676322908293Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :

1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa

2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa

3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa  Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa

6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa

7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa

8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa

9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.