Gochi Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Waraana Waayyaanee Fudhatamaa Jiru Daran Jabaate.

Aside

Bitootessa 25,2016
12671989_582474805252599_8233008863677036693_oGuutummaan Oromiyaa humna waraanaan buluu erga eegalte akkasuma mooraan barnootaa humna waraanaaf Shororkeessitoota Waayyaanneen buluu erga eegaltee ol ba’uuf gad ba’uun yaaddoo ta’us FXG ergasiyyuu hedduu jabaate akka jiru ragaan argaaf dhageetti qeerroo ga’adha

Tibba kanas Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti sochiin Qeerroo hirriba kan dhowwate yeroo gara yerootti barattootaa nagaa karaarraa qabee mana hiraarsaa galchaa jirachuu akkasuma barataan lamaaf isaa oliin mooraa keessa akka hin teenye dhorkaa ka jiru yoo ta’u Barataa Fayyaa kan Maqaansaa Elero’i Fiqaaduu(Abdii) ka jedhamu sababa malee qabuun ukkamsee yeroo duraaf mana hiraarsaa Jimma Alaazar geessun achiis guyyaa muraasa booda gara Meentiinaa kanuma Jimma Magaalaa keessatti argamutti erga hidhanii boodaa,Sababa Oromoo ta’eef qofa hidhamtoota biraa halkan sa’a sagaliin baasanii dararaa guddaa irraan gahaa jiru.

Kana malees mootummaan Wayyaanee beeksisa barattoota Oromoo irratti baasee ture ammas irra deebi’ee kan biro baasuu fi gootota barattoota Oromoo doorsisaa akka jiru beekamee jira.

Aside

flyerimage-03e091ffa291ca3a4d6557bfa18b3d573dfbede9292621481da1ba78c9fe4ae5-V

Iluun Waraana Wayyaaneetiin Marfamee jira. Wallagga Bahaa Aanaalee Hedduun Qeerroon Diina Baasee Dirree Bilisummaa Urgeesaa Jira‏

Aside

Bitootessa 25,2016 Akkuma beekamu godina Iluu Abbaa Booraatti FXG gaggeeffamaa jiru mootummaa haalaan yaaddeessee jira. Qindeessitootaa fi humni FXG boodaan hiriiree jiru akkasuma humni addaa biyya keessa seenee jira kana maleessa WBOn bosona karaa Gambeelan Iluu seene jechuunis waraanni komaandoo achitti ajaja fudhate bahaa jira.

Aanaan Hurumuu, Boorecha,Bachoo fi Baddallee, Mattuu fi Goree keessa humni WBO akka seenetti wayyaaneen maraataa jirti. Manni barumsaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga qophaayinaatti sochiin jiru dhaadannoo WBO fi barruulleen warraqsaa halluu alaabaa fi loogoo Qeerroon machaa’een faca’ee jira. Ijoollee kaabinootaa fi deggertoota irrattis tarkaanfiin barattootaan fudhatama jira. Taphattootni naannoo Gambeelaa irraa dhufan gara FXGtti makaman. Bitooteessa 22 taphani kan gaggeeffame magaala Mattuutti taphattootni garee lachuu wal tahuudhaan waraana wayyaanee irratti fi konkolaataa wayyaanee irrattis tarkaanfii fudhatan dhukaasnis irratti dhuka’e.

Naannolee wallagga bahaa aanaalee Jimmaa Raaree, Jargadaa Jaartee, Guduruu, Ababoo Guduruu, Jimmaa Gannatii, Amuruuu fi Abbaa Coomman keessatti FXG itti fufuun humna diinaas magaalota keessaa uummanni baasaa jira karaanis cucuufamee alaabanis ol bahee aanaaleen kanneen dirree bilisummaa fakkaataa jirti.

Gabaasa Haala Hidhamtoota Ilmaan Oromoo Mooraa waraana wayyaanee Xoollayitti Guuramanii hidhama jiran ibsu‏

Aside

oromo in ethioBitootessaa 20-24,2016 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDO’  Duula_Duguuginsa_Sanyii_ (Genocide) kan yeroo kamiiyyuu Caalaa  ulfaataa uummata Oromoo Irratti Jabeessuun ilmaan Oromoo 4600 olitti lakka’aman Waraana Agaaziin Uukkaamsee Mooraa_Leenjii_Waraanaa_fi_tikaa kan ta’ee  Xollaayitti jumlaan guuree hidhee jiraachuu Odeessii qabatamaan mooraa waraana Xollaayi keessa bahee jiru mirkaneesse jira. Ilmaan Oromoo Godinaalee Oromiyaa hunda irra haalaa kanaan guuramuun yeroo amma kana bakka maatii fi Firootni isaanii illee arguu hin dandeenyeetti   Mooraa_Waraanaa_Gammoojjii_Xoollaayi_kan_Godina_Jimmaa keessaatti argamuu  keessatti waraanaan ukkamsee guuraa jira. Keessattuu  Godinaalee_Oromiyaa_Lixaa_fi_Gidduu galeessa Oromiyaa fi Gama Godina Bahaa_Oromiyaa_Harargee_fi_Arsii irraa ilmaan Oromoo Manneen hidhaa sadarkaa Aanaa fi Godinaatti duraan hidhamanii turan  jumlaan Waraanaan waraanaan dirqisiisee ukkaamsuun  gara dabarfama jiru.  Shirri ulfaataan Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiruu kun Seenaa Aaddunyaa biyya lafaa kanaaf isa jalqabaa fi ulfaatadha. Odeffannoon qabatamaan Maddeen keenya Godina Lixa Shaggara Aanota garaagaraa irra nu qaqqabe akka ibsutti.

Aanaa Amboo irraa  ilmaan Oromoo 125, Aanaa Ilfataa irraa ilmaan Oromoo 65, Aanaa Jalduu irraa ilmaan Oromoo  48, Aanaa Midaa Qanyii irraa ilmaan Oromoo 62, Aanota Tokkee Kuttaayee fi Gudar irraa ilmaan Oromoo 54 , Aanaa Gindabarat Abunaa fi Kaachiis irraa ilmaan Oromoo 87, Aanaa Giincii irraa ilmaan Oromoo  40,Aanaa Adaa’aa Bargaa fi Meettaa Roobii irraa ilmaan Oromoo 52, Aanaa Calliyaa fi Iluu Galaan irraa ilmaan Oromoo 36 dabalatee Godina Lixa Shaggar Amboo fi Naannoo ishee qofa irraa ilmaan Oromoo 760 olitti lakkaa’aman humna waraana Agaazii wayyaaneen Ukkanfamuun gara Mooraa Waraana Xollayitti geeffamani.

Godina Orroo Guduruu wallaggaa irraa ilmaan Oromoo human Agaaziin  gara mooraa waraana wayyaaneetti ukkaanfamuun dabarfaman :

Aanaa Jartee Jardagaa  irraa ilmaan Oromoo 38, Aanaa Amuuruu irraa ilmaan Oromoo 30,Aanaa Abbaayi coomaan irraa ilmaan Oromoo 18, Aanaa Hagamsa irraa ilmaan Oromoo 24, Aanaa Jimmaa Gannatii irraa ilmaan Oromoo kan barsiisotni keessatti argaman ilmaan Oromoo 14 Walumaa galatti ilmaan Oromoo 250 olitti lakkaa’aman human waraana Agaazii wayyaaneetiin ukkanfamuun gara mooraa waraana wayyaaneetti dabarfaman.

Godina Kibba Lixa Shaggar Walisoo fi Aanoota Godinichaa irraa ilmaan Oromoo 267 olitti lakkaa’aman  waraana wayyaanee Agaaziin ukkaanfamuun ibsame jira.

Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Neqemtee fi Aanotaa Godinichaa garaagaraa irraa walumaa galatti ilmaan Oromoo 650 olitti lakkaa’aman waraana Wayyaaneetiin ukkanfamuun gara mooraa waraana wayyaanee Xoollaayitti geeffamuun hidhamuun mirkanaa’era.

Godina Wallagga Lixaa fi Qeellaam Wallaggaa Aanoota  garaagaraa irraa ilmaan Oromoo 450 Humna waraanaa  Agaaziin ukkaanfamuun Gara Mooraa Waraana wayyaanee Xoollaayitti dabarfamani.

Godina Bahaa Oromiyaa Godina Harargee Lixaa,Harargee Bahaa ,Arsii Lixaa, fi Arsii Bahaa  irraa Walumaa galatti Ilmaan Oromoo 870 Olitti lakka’aman  humna waraanaa Agaaziin ukkaanfamuun gara Mooraa Waraana Wayyaanee  Xoollaayitti akka hidhamanii jiran, hubatamee jira. Walumaa galatti ilmaan Oromoo  4600 olitti lakka’aman Godinaalee Oromiyaa hundaa irraa waraana wayyaaneen butamuun gara Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollayi jedhamutti dabarfamuun ukkanfamanii akka hidhamanii jiran Odeessii qabatamaa Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollayi irraa nu qaqqaba jiru ifa godhee jira. Fuldurattis haala ilmaan Oromoo Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollaayitti argamu kanatti dabarfamanii hidhaman jala bu’uun hawaasa Oromoo fi Aaduntyaaf kan gabaafnu ta’a.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Hiraarsaa Mootumman Wayyaanee Bulchiinsaa Yuunibarsiitii Jimmaa waliin ta’uun Barattoota Oromoo 102 irratti beeksisa baasuun rawwachaa jiru.

Aside

10403625_1712196485686544_2354749385489523132_n  Bitootessaa 24,2016 Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti karaa Nagaa fi Haaqaa gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa deebii argachuu qaba jechuun itti fufuun wal qabatee  Bulchinsii Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Mooraa Yuunibarsiitii Keessa Qubsiisuun  Barattoota Oromoo reebuu, ukkaamsee hidhuu fi Madeessuu irra Darbee torbee kana keessa qofaa Barattoota Oromoo 102 Olirratti beeksisaa maxxansuun , Gootota Barattoota Oromoo Waajjiraa poolisaa Mooraa Yuunibarsiitiicha keessa jirutti Waamuun Arii’uu fi Hidhuuf Qophii ta’uu itti himuun barattoota Oromoo kanaan yoo barbaadnees isin fixuun salphadha jechuun humnootni Tikaa Wayyaanee  fi Ajajaan Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kaliid Abbaa Tamaamii fi hoogantoota Waraana Wayyaaneen Dursnamuun ibasame jira. Barattootni Oromoo kuni Mooraa Yuunibarsitii Jimmaa Main Campus irraa Barattoota Oromoo 48 fi Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaa irraa immoo Barattoota  Oromoo 54 irratti Beeksisa diinummaa Maxxansuun Yakki Shororkeessummaa qajeelfama waraana wayyaanee fi humnoota tikaa wayyaanee rawwatamuun ifa ta’ee jira. Yuubibarsiitii Jimmaa irraa barattootni Hedduunis humnoota tikaa fi waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamnee jiraachuu fi barattootni waraanaan reebamuun yakki ulfaataa ilmaan Oromoo irratti rawwatama jira. Rakkoowwaan akka Mooraa yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota Oromoo irra qaqqabaa jiruu fi Hanga gochii duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu sababeeffachuun Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Murtii dhumaa fi Waliigalaa dabarfatanii jiru!!

   Murtii gabaabaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa11220789_1548332892130715_412590956977739064_n

1.       Bulchiinsa waraanaa fi Shoroorkeessaa waraanaa Oromiyaa  keessatti uummata keenya irratti gaggeeffamaa jiruu fi yakka duguuginsa Sanyii (genocide) mootummaan Wayyaanee uummata keenyaa fi nurratti gaggeessaa jiruu gadi jabeessuun ni balaaleffanna!!

2.       Hiraarsaa fi dararaa Sammuu fi Qamaa (Psychological and physical torture) Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa ergama mootummaa abbaa irree hojii irra olchuuf jechaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti rawwachaa jiruu fi yeroo amma kana immoo barattoota Oromoo 102 irratti beeksisaa baasuun dararaa qor-qalbii gaggeessa jiru gadi jabeessuun kan  balaaleffannuu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa fi humnootin tikaa fi Waraanaa yeroo kanatti Jimma irra qubatee jiruu itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa yakka isin hin baafnee dalagaa jiraachuu gadi jabeessuun hubachiisuun, gochaa diinummaa fi abbaa irruummaa mootummaa faashistii wayyaanee irra deeddeebiin ni balaaleffanna!!

3.       Mootummaan wayyaanee hatattamaan ilmaan oromoo sababaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaaf ukkaamsee ariifatee gadi lakkisuu qaba, kanneen wareegamanii fi madaa’aniif gumaa kanfaluun qaamota aangawoota qajeelfama dabarsaan Hayileemriyaam Dassaleenyii , Abbayi Tsayee, Muktar Kadir, Aster Maammoo, Getachoo Radda, fi Ajajootni waraanaa fi tikaa wayyaanee Seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu!!

4.       Waraanni Wayyaanee Oromiyaa keessa baafamuu qaba, bulchiinsii waraanaa kaafamee mootummaan wayyaanee aangoo uummata keenyaaf gadi lakkisuu qaba!!

5.       Mootummaan Wayyaanee sadarkaa duraattii gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebii kennuu diduun Oromiyaa Bulchiinsa waraana jala galchee uummata keenya lafarra fixaa waan jiruu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaas waraanaan hogganamuun barattoota Oromoo 102 Irratti Beeksisaa baasuun Shororkaa umaa Waan Jiruufi barattootni Oromoo hedduu Yuunibarsiitii Jimmaa fi Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran hundarraa ukkaanfamaa Waan jiraniifi Hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitii keessa qubachuun dararaa humnaa olii barattoota Oromoo irraan ga’aa waan jiruuf Nuti Barattootni Oromoo Hundii yoo Mootummaan Wayyaanee Qabxiilee 1-5 kaasnee jirruu kanaaf furmaata atattamaa hin kennuu ta’ee guutummaatti Barnoota dhaabuun gara maatii keenyaatti deebii’uuf Murtii walii gala dabarfannee jirra!!

FXG Itti Fufee Daandiileen Konkolaataa Baadiyyaa Cufamaa Jiru. Irreen Uummata Oromoo Injifatnoo Goonfataa Jira.

Aside

12476537_651216835016549_1721972920_nBitootessaa 25,2016 Waarraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG‬, Jabaachuun daandiin Konkolaataa kibba Lixa Oromiyaa irraa Gara Finfinneetti seensisuu fi Gara Oromiyaatti baasu Magaalaa_sabbataa‬ irratti Ganama irraa eegaluun cufamuun konkolaataan kamuu akka socho’uu hin dandeenyetti danqamee rakkoon guddaa wayyaanee mudachaa jira. uummanni Oromoo ajjeechaa fi Huulaa Hidhaa waraanni Agaazii rawwachaa jiruun sochii isaa irraa dhaabbachuu hin danda’u, Wareegamaa qaalii kanfaluun Injifannoo boonsaa of harkatti galchee jiruu kanas irratti dachaan wareegama malee duubatti kan irraa deebi’u akka hin taane hubachiise. 12900048_651216838349882_1758925486_n
Murtii uummatni Oromoo Magaalota addaa naannawaa Finfinneetti argamaan qeerroo waliin dabarfatan irraa mootummaan wayyaanee raafama caaluu keessa seenuun magaalaa Finfinnee eeggichaa waraanaa guddaa jala galchee kan jiruu fi Kellaawwaan Finfinnee irratti sakkatta’insa gaggeessa kana jiruu fi magaalaa Finfinnee keessatti namni Afaan Oromoo dubbatuu heddummataa dhufuu irraa Finfinneen ija Shakkii Guddaan ilaalama jiraachuun hubatame jira. Guyyaa Har’aa kanas Sakkatta’insi guddaan Daandii sabbataa Gara Finfinneetti seensisuu irratti guyyaa guutuu gaggeeffama jira.

Beeksisa Qeerroo Bilisummaa Idil-Aduunyaa

Aside