Yeroo Ammaa Kana Waraanni Agaazii Wayyaanee Magaala Finfinnee Alaa Keessaan Marsaa Jira.

Aside

Bitootessa 21,2016
2016-03-22 00.50.04Magaalli Finfinnee humna waraana agaaziitiin eegamaa jirti. Waraanni kun kutaa bulchiinsa magaalatti fi gandoota keessatti ramadamee
halkanii guyyaa uummata hiraarsaa jira. Keessattuu naannoo buufata Yuuniversitiiwwanii fi koollejjiwwan Finfinnee keessatti argamanitti
buufatee marsee jira humni kuni. Sochiin waraana mootummaa wayyaanee magaala Finfinneetti sodaa fi raafama mootummaa abbaa irree kan ka’een akka saree olii fi gadi kaataa jirti. FXG Finfinneetti ka’a kan jedhamu miirri sodaa guddaatu jira Finfinneen muddama keessa jirti.

Aside

Bitootessaa 21,2016 Warraaqsii FXG’ Haalaan Jabaachuun Uummatni Oromoo Godina Lexa_Shaggar_Amboo fi Godina Kibba_Lixa_Shaggar_Walisoo Kanfaltii Gibiraa fi buusiiwwaan Mootummaa Wayyaanee Nu ajjeesaa Jiruuf Hin kaffalluu jechuun Murtii fudhatee jiruu jabeessuun hojii irraa olchaa jira. Dura Taa’otni gandaa fi Milishootnis Nuti uummata Ni sodannaa, Uummata kana keessa Baanee kophaa jiraachuu hin dandeenyuu jechuun hojii ergama bulchiinsa wayyaanee OPDO dhaabbuun Uummatatti harka kennatani jiru. Waraanni Wayyaanee Konkolaataa poolisii Oromiyaa jeettuu qabachuun Gandoota Baadiyyaa Godinoota kanneenii keessa sodaa guddaan guutamee socho’aa jira.

 Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Dhaabbachuu hin dandeenye kanaan kan hedduu raafamee jiruu mootummaan Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Amboo fi Magaalaa Amboo ukkaamsuuf Waraanni Wayyaanee Yeroo irraa gara Yerootti Magaalaa Amboo fi aanoota Godinichaa Keessa Qubsiifamaa jira.Ilmaan Oromoo Waraana wayyaanee Keessatti argamanis diddaa isaanii tarkaanfiin argisiisuu egaalanii jiru.Magaalaan Amboo fi Walisoos Waraana Wayyaanee Guddaan Qabamtee jirti.