SBO Bitootessa 23,2016. Oduu, Qophiilee Haala Yeroo Irratti Hunda’anii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Abuunaa Gindeberat Keessatti FXG Itti Fufanii Jiru

Aside

Guyyaa har’aa Bitootessa 22,2016 ganamaa irra egale hanga ammatti dhaaddannoo gargaaraa dhaggesisisaa kan ture yoo ta’u.ammaan kana immoo baratoota Sadarkaa 2ffaa fi qopha’iina mana barumsaa Kaachisitti kan jalaqabee barnooni bilisumaa booda jechudhaa dhaddanoo dhaggeesisisa kan olan mana barumsa Kachisii fuulduratti kan jalqabee yoo ta’udha

Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Jaarsoo fi Qeellam Ona Jimmaa Horroo Keessatti Loltooti Wayyaanee Uummata Jeeqaa Jiru.

Aside

Godina Wallaggaa Qellem ona Jimmaa Horroo irraa namootni 4 har’a bakka magaala irraa konkolaataa fi nama hin beekamneen fuudhamani eessa buuteen isaanii dhabameera.
1. Abdulkari Jamal
2. Hasan Jamal –Obboleessa Abdulkarim jaallan kun lamaan yeroodhaa yerootti kan hidhamaniidha.
3. Solomon Guricho
4. Barsiisaa Dimbaashaa Baqqalaa
Har’a Bitotessa 22/2016 har’a ganama irraa konkolaataa Wayyaanee hin beekamneen butamanii kan badan yoommuu tahu uummanni fi dargaggootni ijoolleen kun deebi’uu qabu jechunFXG kaase jira uummanni yeroo ammaa kana daandii cufee jira.

Kana malees Loltootii fi humni poolisa Wayyaanee TPLF Guyyaa har’aa sabboontota Oromoo 4 magaala Jaarsoo Wallaggaa keessaa qabanii hidhaanii jiru.

  1. Dasaleeny Alammayyoo

2 .Barsiisaa Husee

3.Hojeta Motummaa Jabbeessaa Tarreesaa

4.Girmaa

Kanneen jedhamanii fi kaanis keessatti argamu

Godina Jimmaa Magaalaa Limmuu Keessatti Diddaan Sirna Wayyaaneen Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Image-1Marii Panalii gaafa Bitootessa 21/2016 kan gudina Jimmaa magaalaa Limmuu Gannat Obbo Amaanuu itti anaa bulchaa aanaa Limmuu Kossaa fi Obbo Shalamaa mariisifamaa ture irraatti mormiin abbotii qabeenyaa irraa ka’uun walgalicha gara mormiitti jijjiiree jira. Innis yeroo Bakka bu’aan qonnaa buna Horizon (investera Wayyaanee) yaada kennuuf maayikii fudhatutti hirmattonni itti iyyani. “Horozon hattuudha, abban qabeenyummaasaa kan sobaati,qabeemyichi kan abbootii keenyaati, bakka Horizon jirutti waliin hin maryannu” jechuun mormanii akka yaada hin kennine godhaniiru.

Geggessitoonni marichaas yaadni ummataa sirridha jechuun bakka bu’aa Horizon harkaa
mayikiin fudhameera. Kanaanis walqabatee ibsaa ballessuufi basaastota haaraa kan wayyanee gara magaalattiitti erganiiru. Dhimmi mormii Horizon dargaggoota dammaqoo irraa gara abbotii qabeenyaafi unmataatti seeneera.

Guyyaa Har’aa Bitootessa 22/2016 Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Faca’aa Jira.

Aside

12672129_591219321029987_8161975050588775534_o 12819337_591219014363351_1390262068394228145_oGuyyaa har’ as Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Lixaa anaa Jaarsoo keessattii Qeerroon magaalaa Jaarsoo waraqaa Qabsoo hangaa bilisummaattiu hin dhabaatu jedhuf….OPDON ummataa Oromoo bakka hin butuu …ummannii Keenya motummaa namaa nyaata wayyanneef gibiraa akkaa hin kafallee…fi hiidhaafi ajeechaan dubbattii nu hin deebisu jedhu.. gutummaa magaalaa Jaarsoof moraa manneen barnootaa akkasumas waajjiroota adda addaatti Qeerroon faccassuun jala deemtootaa wayyannee nasuu guddaa keessaa olchee jira..

Wallagga Magaalaa Naqamtee Keessatti FXG Daran Hammaate,Mootummaan Aara Gaazaa Dhukaatu Itti Dhimma Bahuun Barattoota Miidhaa Jiru.

Aside

IMG_20160317_174932 IMG_20160321_172217Fincilli xumura garbummaa har’aa Bitootessa 22/2016 baratoota mana barumsaa qopha’inaa  Naqamteen ,mana barumsaa biiftuu Naqamtee ,Aaskiifi mana barumsaa Waachaa Mikaa’l jedhamu keessatti finiinaa jira.

Baratoonni heedduun yeroo ammaa kana humna federaalaan reebamaa jiru naannoo hoteela Faanaatti.humni federaalaas baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaaffachaa jiran irratti aarra ija immimmaanessu yeroo ammaa kana irratti darbachuun baratoonni heedduun kukkufuun of wallaalanii gara Hoospitaala Naqamteetti guuramaa jiru.

Baratoota baayyinni isaanii hin beekamnes yeroo baqatanii mana uummataatti seenan humni federaalaas manuma uummataa keessaa gad guuramanii akka malee reebamaa jiraachuu Qeerroon gabaasa

Aside

qeerroo-edit

Ummatni Oromoo Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessa jiraatan Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin marii Fincila Xumura Gabrummaa caalatti finiinsu akeekkate geggeffatan. Fincilichi akka injifannoon xumuramuuf gahee isaanii gumaachuuf qophii ta’uu isaanii kan mirkaneessan jiraattonni magaalewaan kun ibsa ejjennoo Qabxii 7 of keessa qabu baafachuun marii isaanii milkiin gaariin xumurataniiru.

  1. Mootummaan garboonfataa TPLF shororkeessituu, farra dimookiraasii, farra nageenyaa fi farraa mirga namummaa ta’uu isaa yakka waraana Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruun addunyaaf saaxilameera. Saaxila kana dhokfachuuf malli inni qabu tokkittin Oromiyaa humna Waraanan ukkaamsee bulchuuf wixxifachuu waan ta’een yakka daangaa hinqabne raawwachaa jiraachuun isaa ifaadha.Gartuun mootummaa jedhee of waamaa jiru TPLF diina sabootaa fi Sab-lamootaa Cunqurfamoo biyyatti hundaa afaan qawweetiin bulchuuf carraaqaa jira. Gartuun kun Dimokraasii fi Olaantummaa Seraatti tasa waan hinamanneef sochii Warraaqsa FXG keenya yoomiyyuu caalaa jabeessuun waajiba ta’a. Ummatni Oromoo fi Ummatootni cunqurfamoon harka wal qabatanii gartuu kana aangoo irraa qaarisuuf yoom iyyuu caalaa yeroon amma barbaachisadha. Isa kana gochuuf nuti jiraattonni Magaalota Addaa Naannoo Finfinnee Qeerroo Bilisummaa irraa abdii guutuu waan qabnuuf, sochiin isaan FXG finiinsuuf godhaa jiran, akkasumas wareegamaa qaalii uummatni keenya godinaalee Oromiyaa Cufa keessatti kanfalaa jiru qoodachuuf qophii ta’uu keenya hubachiifna.
  1. Yakkoota suukanneessoo – ijoollee fi dubartoota jumulaan ajjeesuu, hidhuu, dirqisiisanii gudeeduu fi ilmaan Oromoo akka bineessatti adamsuu kan Waraanni wayyaanee Oromiyaa keessatti geggeessaa jirtuuf itti gaafatama kan fudhatu gartuu TPLF. Gartuu kana keessaa kannneen ajaja dabarsanii yakkoota kana raawachiisanii fi raawwatan hundi atattaman akka seeratti dhihaatanii dalagaa farra-namummaa geggeessaa jiran kaneeniif gaafatamumma akka fudhatan gaafanna.
  1. Tajaajila daldala midhaan Nyaataa, Zayitaa, loowwan gaafaa, Hoolaa, Re’ee, lukkuu fi Hanqaaquu, akkasumas bu’aawwaan jiruu fi jireenyaaf barbaachisaan Oromiyaa irraa Magaalaa Finfinnee akka hin seennee fi tajaajillii daldalaa fi gabaa lagachuu akka guutummaatti eegalamuuf murteeffannee jira. Daandiiwwaan konkolaataa kallattiiwwaan hundaan akka Finfinnee hin seennee fi Oromiyaatti gadi hin baanee itti fufinsaan cufuun tajaajila geejjiba waraana wayyaanee dhaabuuf karaa dandeenyu mara carraaquuf murteefanne.
  1. Kaffaltii gibraa fi buusiiwwaan galii mootummaa abbaa irree fi shororkeessa, kan lammii keenya fixaa jiruuf bakka kamitti iyyuu akka hin kanfalamnee murteeffanneerra.
  1. Xuriin Magaalaa Finfinnee keessa bahuu nageenya naannoo keenyaa guutummaatti summeessuun yeroo amma kanatti lubbuun ilmaan Oromoo fi jiraattootni naannawaa Finfinnee akka malee galaafatama jira. Nuti jiraattootni Magaaloota Akka Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Burraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Aqaaqii Qaallitti, Duukam, Galaan, Bishooftuu bakka Xuraawwaan itti gatamu taanee jirra, faalama (Summaa’uu) qilleensaa nurratti rawwatamaa jiruuf wareegama qaalii kanfaluun  tarkaanfii mataa keenyaa  fudhachuun of irraa ittisuuf qophii ta’uu keenya ni ibsina.
  1. Maqaa Ijaarsa Manneen Waliin jireenyaa – Kondomiiniyeemii, Investimentii, Liizii jedhuun qonnaan-bultoota  Oromoo irraa qabeenyi isaanii Lafti fudhatamee qotee bulaan Oromoo  qe’ee isaatti waardiyyaa ta’ee cabee jiraachuun haqa hin haalamnedha. Saamichaa lafa Oromoo dhaabsisuuf qonnaan bultootaa Oromoof Lafti isaanii atattamaan deebi’uu qaba, Manneen kondomiyeemii gadi gadhiifamuufii qabu. Abbummaa lafaa fi qe’ee uummataa keenyaaf mirkaneessuuf yeroon gamtaan falmannu amma ta’uu sagalee tokkoon waliif galleera.
  1. Rakkoo siyaasaa wal-xaxaa biyyattiin keessa seentee jirtuuf furmaatni bu’uuraa wayyaanee aangoo gadhiisuu qofa waan ta’eef gartuun TPLF biyyattiin laaqama kana caalu keessa osoo hinseenne atattamaan angoo akka gad-dhiisan gaafanna. Sirna siyaasaa ummata irraa fudhatama dhabe humna waraanaan tursuun gonkumaa waan hindanda’amneef osoo baddin kana caalu biyyattii hinmuudanne furmaata siyaasaa itti gochuun haalaan barbaachisaadha. Haala kana mijjessuuf mootummaan ce’umsaa daddaffiin akka hundeefamu fi hidhamtootni Oromoo hundi hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafanna. Kanuma waliin tumsi nuti FXG finiisuuf goonu hanga mirgiabbaa biyyummaa ummata keenya guutumaatti mirkaneefamuutti dachaa dachaan kan itti-fufu ta’uu isaa diinaafis firaafis ibsuu feena.

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Gadaan gadaa Bilisummaati!

Bitootessa 21/2016

Tikaa fi Poolisa Yuuniversitii Wallaggaa Kan Ta’e Rabbirraa Assaffaa Kelkay Namni Jedhamu Uummata Midhaa Hamaa Barattoota Irraan Gahaa Jiraachuu Beekame.

Aside

Bitootessa 22,2016

FB_IMG_1458595853715Namni  kun Maqaan isaa Rabbirraa Assaffaa Kelkay jedhama.(sabaan immoo Tigireedha) .

Yuunversiitiin Wallaggaa Yeroo  hundeeffamerraa kaasee ajajaa poolisoota Yuunibarsiitii Wallaggaati.Rabbirraan Yuunibarsiitii kana keessatti nama mootummaa kana wajjin waliigaluun dur irraa kaasee hanga ammaatti deeninattii(tika) kaampasii kana galchuun dhiiga baratoota oromoo dhangalaasisuu,hiisisuufi  ajjeesisaa nama  jiruudha.akkasumas jalqaba irraa ka,uun nama Yuuniversiitii kana keessatti uummata Oromoo qomoo qomoodhaan qoqooduun wallitti buusaa tureedha.FB_IMG_1458595847692

Yuunversiitii Wallaggaa keessattis nama biyya biyyaan qooduun gita hojii irrattis nama ramadaa kan jiruudha.Nami kun yeroo ammaa haalaan barattoota Oromoo fi uummata Oromoo rakkisaa waan jiruuf uummanni magaalichaa haalaan hadheefatee waan jibbeef innii fi fakkaattonni isaa daran Oromoo rakkisuu filmaata godhatanii jiru.

Aside

flyer

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 21, 2016

Aside