Aside

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar  Amboo: Aanaa #Midaa_Qanyiitti warraaqsii FXG itti fufuun walqabatee Waraanni Wayyaanee Barattoota Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa irratti Boombii dhoosuun #Yakki_waraanaa Barattoota Oromoo irratti raawwatame jira.

 barattoota hedduu madeessuu fi hedduu immoo humna waraanaan ukkamsee hidhaatti guuraa jira, Aanaa Midaa qanyii Keessatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti jiran guutummaatta cufaman. guyyaa har’aa magaalaan Baallammii Waraana Wayyaaneen goolama jirti,

Salaalee Yuuniversitii Fiichee FXG Har’a Barattoota Oromoon Ka’e.‏

Aside

Bitootessa 18,2016/ Salaalee Fiichee Yuuniversitiitti barattootni har’a FXG gaggeessun nyaata lagatanii jiru. Barattootni mooraa kana gara FXGtti bahuuf sababa kan tahe kanaan dura kan beeknu nuti yuuniversiti Finfinnee jala turre yeroo darb miiidiyaan yoo dubbatu YUUNIVERSITII SALAALEE jechuudhaan dubbate nuti kan beeknu yuuniversitii Finfinnee jala jiraachuu miidiyaan kandubbatu akka Yuuniversitii of danda’aatti kun karaa ittiin uummanni mootummaa babal’inavbarnootaa irratti hojii hojjetaa jiruuf sammuun uummataas tasgabbaa’u akka waan uummanni kun bulchiinsa gaaritti lakkaawatuun gaaffii amma qabate jiru kana dhiisuutti yaaduu waan taheef sobuma wayyaneetti baanee mootummaa kana kuffisuu qabna jechuun FXGtti barattooni yuuniversitii kanaa barumsa dhaabanii jiru.

Manneen barnootaa Shaggar lixaa fi kibba lixa Shaggar dhaabbatee jira torbanootas lakkaawe‏

Aside

Bitooteessa 18,2016 /Godina lixa Shaggar aanaa Incinniitti gandoota 3 keessattu waraqoonni Qeerroodhaan bittimfamanii jiru. Halkan kaleessaa waraqaan balaliituun bittimfamee bules
– Namni kamuu gibira kan kaffalu yoo tahe tarkaanfii barbaachisaa isin irratti fudhanna
-Walgayii mootummaa irrattis kan hirmaatu kamuu adaba jala jira
-Mootummaa namni deggeru kamuu dhiiga dhangala’etu itti laaqamee jira
warra gumaa keessatti hammatamuu keessan of beekaa!
Jedhu halkan edaa bittimfamee bule har’as bifuma kanaan waraqaan kun magaala Incinnii keessatti sabboototni dargaggoonni Qeerroo bittimsanii jiru. Amma yeroon kun waraanni wayyaanee walgahuu hankaakeetu jira. Aanaadhuma kana keessatti dargaggootni 10 tahan mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kan tahe seenuun alaabaa Itoophiyaa buusuun ibidda itti qabsiisuun diina gara gubanii jiru. Itti fufuudhaan guyyaa har’aas aanaa Gindabarat magaala Kaachis keessatti mana narumsaa sadarka 2ffaa fi qophayinaatti dhaadanooleen armaan gadii barreffamaanis tahu dhaadannoodhaan barattootni
– OMN maaliif cufame??
– Kan hidhaman haa gadhiifaman
– Wayyaaneen dhiifama gaafachuun tooftaadha
Jedhuun dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Dabalatan aana Calliyaatti ganda Jaarsoo konklaataa hojii projektii daandii irratti tarkaanfii fudhatameen guutummaatti tahuu baatus humni wayyaanee qaqqabee oolfatee jira. Aaanaaleen godina shawaa lixaa hedduun kanneen akka Meettaa Roobii sadarkaa 2ffaa hojii baruuf barsiisuu dhaabanii kan jiran bubbuluu fi “ Hidhamtootni Haa Gadhiifaman” kan jedhu qabatun barumsi dhaabbatee jira. Bilisummaan dhiyaatte FXGs daran jabaatee itti fufeera.

Godina Harargee Aanaa Mi’eessoo Keessa Daandii Cufame Torban Gaheera Jedha Gabaasi Qeerroo‏

Aside

Bitootessa 18,2016/ Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo magaala Mi’eessoo keessa daandii kutee darbu torban tokkoo ol tahuun erga cufamee Qeerroo ona Mi’eessoo irraa gabaasee jira. Odeeffannoon kun akka nu gahetti torban kana guutummaa irraa kaasee FXG Harargee lixaatti gaggeeffamaa jiruun humnootni agaazii godinicha keessa buufatee jiru ammallee uumata naga airratti miidhaa gaggeessaa waan jiruuf haala tarkaanfiin ummataa fi barattootaa haalaan bal’ate itti fufee jira. caasaan mootummaa kamuu godina oromiya kamuu keessa akka hin jraanntarkaanfin uummataa haalaan bal’atee itti fufee jira jedha qeeyroon godina hararge mi’eessoo irraa. Oromiyaa keessa hidhamtootni konkolaataadhaan fe’amanii gara itti geeffaman hin beekaman haga ammaatti hordoffiin godhamuu qabuun jala bu’amaa jira. uummanni keenya harka diinaa galan hedduun badaniiru.