Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 19,2016 Aside Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Godina Addaa Finfinnee Buraayyuu Naannoo Ashowaa Meedaa Keessaa Ammallee Dachiin Ummata Oromoo Gurguramuu Itti Fufe. Aside Ashawaa meedaa Ashawa meedaa A.Meedaa Saamicha lafaa A.Meedaa Bitootessa 19,2016/ OPDOn ammallee lafa uummata Oromoo gircitee gurgurataa jiraachuun uummanaa fi abbaa lafaa qonnaan bulaa lafa gadhiiseen saaxilamee jira. Suurraan asi irratti argamu kunneen godina addaa Finfinnee Buraayyuu naannoo Ashowaa Meedaa jedhamee waamamutti naannoo sun kan hojii guyyaa hojjetuun beekamu uummata Oromoo lafa isaa dhabe kan manni isaa ijaaramu abbooti tayitaa Wayyaanee fi Tigreeti OPDOn akkaataa kanaan lafa uummata Oromoo bakka hedduudhaa cirsiistee gurgurattee jirti naannoon kun harka alagatti kennamee abban lafaa lafa isaa dhabee rakkoo guyyaatiin saaxilamee jira uummanni Oromoo naannichaa jiru lafa isaa kana waliin tahe akka deeffatu waamichas daballee taasisna kanas dabalatee lafti naannichaa saamamee jiru suuraawwan waraabaman kan Qeerroon dhiyeessaa jiru hedduudha miidiyaa uumataatti haa bahuun dhaamsa goona. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Mootummaan Wayyaanee TPLF Bulchiisa Magaalaa Sabbataa Keessatti Kan Argamu Hoteela Fiqire Yohannis Jedhamu Kontoraata Fudhachuun Waraana Agaazii fi Poolisa Sooruu Jalqabe. Aside Bitootessa 19,2016/ Hotelli Fiqre Yohannis Bulchiifnni magaala Sabbataa kontiraata guutuu qabatee Agaazii fi polisii federalaa itti sooruun barattoota keenya reebsisaa hawaasa oromoo magaala kana hiraarsa jira. Jiraattota baayyee wajjiraa polisii sabataa irra hanga ma’ikalawiitti mannen hidha sadarkaan jiraan keessatti dararama jiru. Keesuma torban kana keessa barattoota mb.sad.2ffaa fi pp. sabbata haala sukkanneessa ta’een waajira opdo waliin walta’uun mankaraarsaa jiru. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Magaalaan Naqamtee Wallaggaa Hoomaa Waraana Wayyaaneen Weeraramtee Uummata Irratti Yakki Hojjetamu Daran Jabaatus FXG Itti Fufe. Aside Bitootessa 19,2016/ Magaalaan Naqamtee hoomaa waraanaan weerararamtee jirti.Humni federaalaa daran humna magaalatii ol baayyachuun uummata magaalaa naqamtee fi naannoo ishee doorsisuu,hidhuu fi mana uummataa irra deemuun manuma keessaa gad harkisanii baratoota fi uumata magaalaa kana irratti reebichi gara laafina hin qabne gidduu kana hammaachaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti meeshaan humna federaalaa kanaaf dabalataan akka naannoo kumsaa morodaallee dhufee seenee jiru maddeen keenya ibsanii jiru. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Mana Adabaa Poolisii Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii Keessatti Sabboontoti Oromoo 60 Ol Dararaa Cimaan Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. Aside Bitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:- Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Barattootni Wallagga Lixaa Magaalaa Najjoo Barumsa Dhaaban Aside Bitootessa 18,2016 /Wallagga lixaa magaalaa Najjootti kan argamu mana barattootni barumsaa sadarkaa 2ffaa “ kan hidhaman haa gadhifaman” jechuun barumsa dhaabanii jiru. Akkasma Boojjii Birmajiitti mana barumsa sadarkaa 1ffaatti barumsii dhaabbatee jira. Akka walii galaatti oromiyaa keesatti ibarumsi guutummaan guututti dhaabbatee jira. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Godina Wallaggaa Qellem Ashii Keessaa Barsiisonni Oromoo Ta’an 3 Ukkaamfaman, Barataan Tokkos Rasaasa Waraana Wayyaaneen Rukutame Aside Bitootessa 18,2016/ Godina Qelle wallaggaa ona Anfilloo ganda Ashii jedhamutti guyyoota muraasa dura FXG uummata fi barattootaan ka’uu Weerroon gabaasee jira. Akka odeessa ammas Qeerroon gabaasee jiruttis humni agaazii jedhamu haga Dafinoo dhufuutti gandicha irra akka qubatee jiraaatuu fi uummatas hiraarsu dirqama fudhatee akka jiruu fi uummanni karaa irra deemuu hin danda’u manaas gadi ba’aa akka hin jirre kan gabaafamee fi barattootni fi barsiistoni hedduun kan ukkaamfamanii fi rasaasaan barattootni lama kan rukutama Qeerroon gabaasee jira. Barsiisaa Jambar Xurunaa -barsiisaa sadarkaa 2ffaa kan tahe kan ganda Ashii Barsiisaa Baayisaa Kabbadee- Barsiisaa sadarkaa 2ffaa ganda Ashii Barsiisaa Faantaa Mankar- sadarkaa 1ffaa kan barsiisu yoommu tahu Baratoota rasaasa wayyaaneen rukutaman keessaa Daawwit Tasfayee kan jedhamu miilla rukutamee amma Hospitaala Dambi Doollootti yaalamaa kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Barattootni hedduunis ukkaamfamani jiru. Kun gabaasa Bitootessa 17/2016ti Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Magaala Baddallee Godina Ilu Abbaa Boor Keessatti FXG Itti Fufe. Aside Bitootessa 18,2016 /Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!! Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoriitti goototni barattootni Oromoo warraaqsa jabeessuun itti fufan Aside Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Bitootessa 18,2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalleetti Warraaqsii FXG Daran Jabaachuun Itti Fufun Aside Bitootessa 18,2016/ Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...