Bitootessa 12/2016 FXG Yuunversiitii Wallaggaa keessatti ittifufe.Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.Duulli barnoota dhaabuu kun edda jalqabee gu har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Guyyaa hara,a kanas ganama irraa ka,uun waraqaan Qeerroo guutummaa yuunversiitichaa keessa raabsamaa waan ooleef yeroo ammaa kanas hoomaan waraanaa Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaanmooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonnifederaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akkadoorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .
Daily Archives: March 12, 2016
Rakkoo Bishaan Dhugaatii Godina Addaa fi Finfinnee Mudatee Jiru
Aside
Bitootessa 12,2016 Godina Addaa Buraayyuutti rakkoon bishaan dhugaatii uummata jiraattota qabatee jiruun oromiyaan dachee badhaatuu taatee utuu jirtu har’a mootummaa gabroonfataa kanaan rakkoo kanaan uummanni saaxilamee rakkina guddaa keessa seenee jiraachuu Qeerroon har’a gabaasee jira. Uummannis waan nyaannuu fi dhugnu dhabne mootummaadhumti kun nurraa ka’uu qaba jedhee sagale isa olkaasee jira. Rakkoon bishaanii dhugaatii fi nyaataan wal qabatee godina addaa qofa osoo hin taanee magaala Finfinnee guutummaattis jiraattota magaalittii irra gahee jira. Kanaan uummanni gaaffi isaa qabatee wayyaanee morma qabee hudhee jiraatuun bakka hundaatti mul’ataadha. FXG oromiyaalee godinoota garagaraa keessatti har’a adeemsifamaa jiru gabaasa Qeerroo irraa dhiyaatuun kan gabaasnu taha.
