Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaarraa Qabamanii Turan Hanga Ammaatti Dararamaa Jiru

Aside

Bitootessa 11,2016
Gochi shororkeessitootaa kan itti fufe dararaaf hammeenya diinummaa hanga har’aatti kan itti fufe yoo ta’u Gootummaan Qeerroon Oromoo osoo duuba hin deebine falmasaa jabeesseetuma jira.
Akkasuma torbee darbe keessa barattoonni FXG Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaatti ka’een wal qabatee Barattoonni dhiira 14 fi Dubara 3 qabanii mana hiraarsaa Jimmaa(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa erga turanii Booda dhiira shan baasanii kaansaanii ammallee dararaa jiraachuu keessayyuu rakkoowwan irra gahamaa jiran keessaa rakkoo nyaataa akka mudatee jiru akkasumallee Raagaa sobaa irratti kan fuudhamee jiru ittuu nama takkaallee arganii hin beekneen ragaan sobaa irratti funaanamaa jira gochi kunis barattoota Moorichaa Aarii guddaa keessa seensisee akka jiru dubbatu barattoonni moorichaa.

Aside

stFXG Magaala Dirre Dawwaatti har’a Bitootessa 11,2016 ganama irra kaasee barattoota manneen barnootaa garagaraatin itti fufanii jiru. Aaddatti Qeeyroon mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaan fxg oofaa jiru. waranni sirna nama nyaataa wayyane daa’immaan harka qalama baatani gaaffi isaanii sagaledhan olkaasanii dhageesisan irratti dhukaasa bane jira. Ijoollen madoo taate jirti. Kan hdhaman kanbreebaman baayedha. Yeroo kana uummannis gara barattota isaatti fiige fxg kanatti makamat kan jiru.
Dirreedawaa keeysii dhukaasatu jira jedha qeeyroon ammaan tana.
fxg ammas barattootaan jabaate kan itti fufe jiru tahuun oromiyaa mara irraa qeeyroon gabaasa ergaa jira

Har’a Bitootessa 11,2016 Fincilli Xumura Gabrummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Keessatti Itti Fufe.

Aside

received_1734245433479208 received_1734245436812541Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Duulli barnoota dhaabuu kun guyyaa edda jalqabee har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.

Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaan mooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonni federaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akka doorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) QophiiBitootessa 10, 2016

Aside