FXG Godinaalee Oromiyaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

stBitootessa 8,2016 Dhaabbileen barnoota yuuniversitii fi koollejjin torbee kana waamicha barumsa dhaabuu irratti sochii taasisaa jira. torbanoota laman darban kana Yuuniversiitiin Finfinnee humna waraanaa eegamaa baate. Inni kunis soda jiru irraan kan ka’eedhani. Har’a barattootni Yuuniversitii kiiloo 6 tahan dhibbaan kan lakkaawaman FXG finiinsaa oolaniru. Korri bittinnesssaa Wayyaanees naannichatti kan argame ijumaan fincila barattootaa kana kan ilaalee dhiise tahuunis hubatame humni waraanaa wayyaanee FXG kan jabeessu malee tasgabbii wayyaaneen jettuus furmaata kan tahe miti. Galgala kana sa’a 10 irraa kaasee mooraan Yuuniversitii Finfnnee kiiloo 6 hudhaa waraana Wayyaanee jala jirti. Haluma kanaanis magaala Amboo keessatti waraqoonni magaala fi baadiyaa keessatti bittimfamaa jiru. Kaleessa Bitootessa 7/2016 irraa kaasudhan Amboo fi Miidaqanyitti waraqaaleen ergaa kanaa gadii ofirratti qabatee jiru bittimfamee jira.

– Lafti keenya maqaa Investimentiin saamame haa deebi’u ykn murtoo keenyan deeffanna

– Mannen hidhaa hunduu haa gubatana hidhamtootnis haa gadhifaman

– Galgala uummanni bakka jirutti daandiiwwan gurguddaa akka cufamu waamicha

– Qoqqobbii geejjibaa shufeeronni akka taasistan jabeessine isin beeksisna

– Hawaasni kamuu gibira mootummaa akka hin kaffalle

– Gabaan kana booda hin gaggeeffamu

– Manneen barnoota kamittu sirni baruu fi barsiisu haa dhaabbatu tokko baratee tokko hin taahin

– Hojjetaan mootummaa kanaan dura hojii gaggeessuu irratti qoqqoobbii haga eegamu hin taasifamne kanaan booda garuu hojjetaan
mootummaa kamuu tarkaanfii kanatti seenuu qaba.

Haaluma kanaan tarkaanfii fi FXG Amboo fi Miidaqany itti fufee jira. Humni ittisa biyyaa miidaqany keessa jiru dargaggoota irratti dhukaasa banuun ajjeesuun ammallee akka hin dhaabbanne qeerroon kan gabaasaa jiruudha.

Aside

habtamuGuyyaa Har’aa Bitootessa 8,2016 sa’a kanatti barattootni Yuuniversitii Finfinnnee dhibbaan lakkaawaman gara Embaasii Ameerikaa deemuun dhaadannoo dhageesisaa jiru, ammalle itti fufuudhaan naannoo gaar Inxooxxoo qabate qonnan bulaan gama Sulultaas bahuudhan daandi cufee mootummaa EPRDF hin barbaannu ofiin of bulchina, ABOn kallacha qabsoo keenyaati jechaa jiru.

Godina adda naannoo Lagaxaafottis qonan bulaan humna waraana karaa darabsu dhorkate jira. Yeroo amma kana yuuniversitiin Fifninnee kiiloo 4,5 fi 6 humna wayyaanetu dhokatee marsee jira. Barattootni barruu warraqsa guyyaama kana moora keesa facaassa jiran. FXG kunoo jabaatee hamam
dhufamtti itti fufe.

Guyyaa Har’aa, Dararaa Agaaziin barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhate‏

Aside

received_572676316241627 received_572676319574960 received_572676322908293Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :

1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa

2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa

3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa  Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa

6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa

7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa

8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa

9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.

SBO Bitootessa 09,2016. Oduu, Gabaasa FXG Oromiyaa fi Qophiilee Biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Nagaa Dhurkuun Wal Qabatee Tarkaanfiin Ummanni Osoo Hin Jaallatiin Waraana Of Irraa Ittisuutti Seene.

Aside

Bitooteessa 7,2016 Godina Lixa Shaggar  Amboo: AANAA MIDAA QANYIItti  Waraanni Wayyaanee Maqaa Waraana ABOtu Uummata keessa galee nurratti fincilchiisaa jira jedhuun uummata Shororkeessuu itti fufuun guyyaa har’aa Waraanni wayyaanee hedhannoo isaa guutuu qabatee Aanaa Midaa Qanyii ganda Garaadoo kan qarqara  Aanuunuutti argamtuu sakkatta’uuf sochii godhee Humni  Ittisaa Uummata Oromoo(HIUO) uummata isaa  irraa diina Ittisuuf tarkaanf uummataan walta’uun Diina uummata gooluuf adeemtuu irratti tarkaanfii Boombii F1 irratti dhoosuun fudhateen Waraana wayyaanee madeessuun salphina guddaan akka baqaan of duuba deebituu gochuun  sodaa hamaan of irra deebisuu danda’ee jira.  Akkuma Waraanni Wayyaanee kun Rifatee Of irra deebi’een Uummatni walitti Yaa’uun ganda Garaadoo keessatti sirbaa olee, Waraanni Wayyaanee dirqamaan nu hin bulchuu nuti waraana mootummaa sanyiin nu duguuguu Obsa ittiin dhaggeeffannuu hin qabnu Waraanni Wayyaanee hatattamaan Aanaa Midaa Qanyii gadhiisee bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan, hanga galgala kanaatti illee Uummatni walitti yaa’ee sirba gootaa sirbaa jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Bitootessa 7, 2016

Aside

Aside

Guyyaa hara’aa Adoolessa 7,2016 Godina Wallaggaa magaalaa kanneen akka Najjoo,Gimbii,Jaarsoo fi biroo keessatti abbootiin qabeenyaa konkolaataa isaanii bobbaa irraa dhaabuun sirna mootummaa Wayyaanee irraa diddaa qaban muldhisan.Qabsoon diinagdeen mootummicha irra gahu itti fufee jira.

12019388_584340178384568_645021328_o 12675014_584355788383007_1662367522_o (1)

Adoolessa 7,2016 Gootonni Qeerroon Bilisummaa Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Aadee Galchaa keessatti Ficila Xumura Gabrummaa haala jabaa ta’een itti fufuun mootummaa gabaroomfataa Wayyaanee mormaa oolan.

Aside

Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.

Aside

Adoolessa 7,2016  Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo keessatti abiddi warraaqsaa Qeerroo Bilisummaan qabsiifame Wayyaanneen dhaamsuu dadhabdee rifannaa guddaa keessa galtee jirti.
Warraaqsi biyyoollessaa Qeerroo bilisummaan qabsiifame aammallee wayyaanee dhaamsuu dadhabuurraan kan ka,e uummata nagaa goollaa jirti.Godinuma kana jala kanneen jiran kanneen akka magaalaa warra jirruu fi Magaalaa Goorii keessattis Fxg bayyee jabaachuurraan kan ka’e qeerroon tarkaanfii boonsaa basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee kan ta,an irratti tarkaanffii qabeenyaa qeerroon fudhateen manni barsiisaa girshaa kan jedhamuuf mana Dura ta’aa gandaa kan ta’e Gammachis Hodee jedhamu guutummaan guutuutti barbaddeesaniiru. Manni barnootaas edda addaan citee naannoo kudha afurii ta.e jira.Yeroo ammaa kanas mootummaaan wayyaanee fincila kanaan rifannaa keessa seenuun uummataaf baratootaan gara barnootaatti deebi’aa jechuun uummataan immoo ijoollee keessan dirqamaan akka mana barnootaatti ergitan jechuun uummatasf baratoota doorsisaa jiraachuu Qeerroon gababase.
Kana malees Godina Sahaggar Anaa ABUNAA Gindabaratti guyya kalleessa jechuu gaafaa guyya 27/6/08 halkaa keessaa sa’aa 2:30-4:00 tti waraqqaallee gargaaraa maxaansaa kan turee magaaala bakkee qalaxee keessatti ganamaaa isaa bartootni Anaa saan barnoota osoo deemaa jirni,bartoota fi jirtoota irratti reebichaa cimaa irran ga’aa kan ture humni garboonfaatan gara moormiitti jijjiramee ummani fi bartootni wali ta’an qabsoo cimaa irra kan jiran yoo ta’u.yero amma immo gibiraa mootuma kanafuluu didan jechudha ummata reebbaa kan jiranjdha.