Har’a Adoolessa 07,2016 Sa’aa Ammaa Kanatti Goototi Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaanee Agaazii Waliin Wal Qabaa Jiru,FXG Haalaan jabaatee Itti Fufe

Aside

IMG_20160305_144450 IMG_20160305_144550 (1) IMG_20160305_144823 IMG_20160305_144834Finciilli xumura garbummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhaniidiina raasaa jiru.Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon yuunversiitii wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama

Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru

Abootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Diddaa Qoqobbii Diinagdee Mootummaa Wayyaanee Irratti Gaggeessan.

Aside

Hara’a Adoolessa 7,2016 Godina Wallaggaa Lixaa Anaa Jaarsoottii Abboottiin qabeenya aniichaa..gochaa motummaa Wayyanee balaleeffachuun konkolachistoota waliin wal ta’uu…guyyaa har’aa konkolaatan keenyaa hin deemuu yoo jedhan konkolaachistonnis hin hin konkolaataa bobbaafnu jechuun konkolaatan tokko osoo hin deemiin hafee jira.

Diddaan Gootota Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Har’as Itti Fufee Jira.

Aside

received_570869543088971 received_572079532967972 received_572079536301305Adoollessa 07, 2016  Fincilli Xumra Gabrummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhanii diina raasaa jiru.

Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon Yuunversiitii Wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama .Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota Yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru

Oromiyaan bulchiinsa waraanaa saddeet jalatti hiramtee haa jiraattu malee FXGn akka itti fufetti jira!

Aside

Gaabaasi Qeerroo  giddu gala Oromiyaa Adaamaafi magaalaa guddittii lixa Oromiyaa Naqamtee irraa nuun ga’an akka ibsutti,fincilli sirna garboomfattootaa irratti taasisamu akka itti fufee jiru hubachiisa. Torban darbee kaasee hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa waltajjii leenjii Wayyaaneetiif adaamaatti kan walitti qabanii jiran yeroo ta’u,waltajjii kana irratti Abbootii seeraa,abbootii alangaafi abukaatotatu hirmaachaa jira Waltajjii jimaata darbe geggeessame irratti madaalliin manneen murtii godinoota sadii kan geggeeffame yeroo ta’u,godinoonni kunis,Shaggar lixaa,Harargee bahaa fi Wallaggaa lixaa ta’uun ta’uun beekameera Ergamtoonni Wayyaanee godinoota kana sadan keessatti tarkaanfiin manneen murtii fudhatan laafadha yeroo jedhatti abbootiin seeraa fi hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa irraa hojjetan marti akka dheekkaman beekameera, Akka fakkeenyaattis poolisiin Malkaamuu Mitikkuu kan Wallaggaa lixaa Najjootti nama ajjeesee gara bakka dhalootasaa utuu deemuu ajjeefameef mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhan “nami lubbuu namaa seeraan ala baase kun to’annaa jala ooluu dhabuun wal ajjeechaa biraa kan fidu fi godinoota akka fakkenyaatti manneen murtii tarkaanfii uummatarratti fudhachuu dhabaniif komataman kun dhiibbaa siyaasaaf hojiisaa hojjechuu akka hin danda’in itti amanna silaa warri uummata nagaa irratti dhukaase yoona to’annaa seeraa jala jira”jechuun ammaa jalqabee poolisas ta’e nami dhuunfaa nami namni lubbuu namaa baasee seeratti dhiyaachuu dhabee uummata keessa jiruun hanqina bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko jechuun komii isaanii haala wayyaanee afaan qabachiiseen dhiyeessuun isaanii beekameera.

Hirmaattonni wal tajjichaa yeroo dhiyootti komishiniin dhimma kana adda baasee namoota ajjeechaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaachuu qaban taasisu hundeeffamuu akka qabu gaafachuun,loogii siyaasaatiin namni lubbuu namaa baasee seeratti hin dhiyaanneef uummatichi tarkaanfii “gumaa baasuu”aadaadhaan qabu yoo irratti fudhateef seerri wabii lubbuu namaa deebisuu hinjiru kanaaf namoota kana seeratti dhiyeessuun furmaata filmaata biraa hin qabne jechuun akeekkachiisa jabaadhaan kaabinoota wayyaanee akka rifaasisan beekameera Waltajjiin qaamota manneen murtii Adaamaatti ta’amaa jiranii kun jimaata dhufu xumurama Gara dhiha Oromiyaa Naqamteetti yeroo ceenu,magaalaan Naqamatee ji’oota afrna darbanii kaastee jeeqxota kaabaatiin erga jeeqamutti kaatee ooltee bubbulaa akka jirtuufi kunis jiruufi jireenya oromiyaa guutuu akka ta’ee jiru beekamaadha Magaalattiitti halkan guutuu qaama hin beekamneen dhukaasi wal irraa hin cinne adeemsifamaa kan bulu yeroo ta’u guyyoota muraasa darbanii kaasee tajaajilli geejjibaa magaalattiitti akka addaan cite jirus beekamaadha Galgala kana geejjiba kan hin qabne Naqamteen sagaleen dhukaasaa akka irraa dhaga’amaa jirus madden baasaniiru.

Dhaamsi Koo Isin Gahee?/ Walaloo

Aside

Barataa Dachaasaa Deebisaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Abbas haadhas qaba kanan irraa dhufe

Garuu,osoon argee hin quufin abbaankoo na lufe

Osoon arguuf hawwuu abbaakoo arguu dhabus

Haatikoo na hin ganne yoon dhabee hagabus

Nan beeka abbaakoo dirqiin akka baase

Onneef gootummaansaa akka narraa fageesse

Yoon ijoollee ta’es gaafas,ijaanan geggeesse

Innis gurrakootti jedhee waa natti odeesse

Akkan harmee hin ganne dhaamsa natti dhaamee

Du’us gumaa kiyya baasi naan jedhee adeeme

Harmeenkoos gara laafettiinkoo dandeessuun rakkinaa

Injifadhuu gali yoo lubbuun jiraatteef turrus wal arginaa

Jettee………
Waan yeroodhaaf tursu galaas galaafteefii
Dhaamsi Koo Isin Gahee

FXG Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti Eegale Haalaan Cunqursitoota Naasise Bitootessa 6,2016

Aside

IMG_20160304_082655 IMG_20160304_122936 IMG_20160304_122951 (1) IMG_20160304_122951Haalli Mootumma gabroonfataa aarsee kan finiinsef kan obsa fixaxee Uummati Oromoo gabroonfattoota hidhannoof afaan Qawweetti amanan irratti diddaa walirraa hin cinne gamtaan rog-arfan Oromiyaarraan finiinsaa jira.Akkasuma murni bicuu Waayyaanee ajjeechaa uummatarratti akka labsitetti gara jabummaadhaan sabichi akka miidhamu gooterti.Gochi Diina Kunis guyyaa gara guyyaatti haalaan akka guutummaan saba dammaqee mirgasaaf falmatu taasiseera.
Magaalaa Naqamtees gocha wayyaanee balaaleffachurratti xiyyeeffannoo kennee jira.guyyaa lamaa dura duulli dhabiinsa geejibaa kan hojiirra oole har’as Guutummaan magaalattii geejibaa guutummatti dhaabuun falma finiinsaa turan.
Hongeessitoonni Mirga namoomaa(Jaleen TPLF)) Konkolaachiftootaan “maa hojii dhaabdan? konkolaataa maaf hin ooftan?”jechuun yoo gaafatan,deebii Konkolaachiftootaa “Agaaziin dhuftee haa ooftu nuti humna waraanaa ganamaa galgala gaazii imimmanessaa gadi lakkisuuf jiraachuu hin dandeenye”jechuun murannoo isaanii himaniif.Waan kana jedhan qofaaf gabateen konkolaataa hedduun qabamee waajjira
galeera.Kunis maaf deemuu diddanii qofaaf Akkasuma Naqamtee keessatti Yuunibarsiitiin Wallaggaa FXG galgala kanallee akka irra jiran dhaga’ame.Humni Waraanaas Dhukaasa jabaa dhukaasaa jira.
Dhukaasa barattotarratti lakkifamaa jiruun miidhaa guddan dhaqabuu danda’a jedhamee sodaatama.Guutuu gabaasaaakka arganneen gurra isin buufna