Waarraqsi FXG Har’a Yuunibarsiitii Wallaggaa Fi Magaalaa Naqamteetti Dabalate Dhohe Itti Fufe

Aside

Bitootessa 4,2026
Diiddaan Mootummaa abbaa Irree of irraa fonqolchuuf Yuunibarsitiitti dhohe osoo Jarri hin yaadiin Uummata Magaalatti dabalachuun shororkeessitoora Waayyaanee sodaa guddaa keessa galche.Kanas akka waan dhukaasaaf rasaasan dhaamsanii barataa barruuleef qalamaa malee homaa hin qabne irratti dhukasa jabaa dhukaafamaa tureen barataa hedduun madeeffamanii hospitaala jiru.kaansaanimmoo mana hiraarsaa galchanii gidiraa jabaa irraan gahaa jiru. Barattoota madeeffamanii yaalamaa jiran muraasa
1,Yoonas Qana’aa
2,Baayyuu Fayyisaa
3,Galaanaa Guutamaa
4,Magarsaa Tasammaa
5,Xarihun Ammasaa
6,Jaal’ataa Ofga’aa
7,Kuuchumaa Jiraataa
8,Seblee Taammiruu fi hospitaala Naqamtee keessa barataan yaalamaa jiran hedduudha maqaan akka nu ga’een isinii dhaamna Akkasuma baratotni baay’inaan 40tu hidhaan gidirfamaa jira maqaan ammaaf arganne
1,Balaayi Fiqaaduu barataa public administration waggaa 2ffaa
2,Lammeessaa Tasammaa turizim management waggaa 1ffaa fi barattoota hafan akka argannetti isiniin geenya waligalatti barataa afurtama
ta’an hidhaan gidiraa jala jiraachuu Qeerroon magaalaa Naqamtee ifomsa

 

Godina Wallagaa Aanaa Najjoo Magaalaa Warra Jirruu Keessatti FXG Gaggeefameen Sabboontoti Hedduun Hidhaman.

Aside

Bitootessa 04, 03’2016 Fxg ammas jabaachuun godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo Bulchiinsa magaalaa warra jirruu keessatti jabaachuun guyyaa har’aa namoonni heeduun hidhamanii jiru. Hedduminaan kanneen hidhaman keessaa  abbootii ijoolleedha. kanneen hidhaman keessaa:

1,Barsiisaa Waannaa Tarreessaa
2,Barsiisaa Eebbisaa Kooluu
3,Sanbataa Tamasgeen
4,Geeta’uu Tamasgeen Q/bulaa
5,Bultii Jaarraa Q/bulaa
6,Ayyaanaa Xurunaa barataa
7,Taammanee Uummataa Barataa
8,Imaanaa Qananii Q/bulaa
9,Bacaa Dafaa Q/bulaa
Mana hiraarsaa jaraa keessatti akka dararamaa jiran gabaasi Qeerroo
achii addeessa