Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Bitootessa 5, 2016

Aside

Godina Wallaggaa Magaalota Hedduu Keessatti FXG Gaggeefamaa Oole.

Aside

Godina Wallagga Horro Guduruu aanaa Guduruu magaala Baaroo keessatti Guraandhala 4-5 /2016 kaleessaa irraa kaasuudhaan har’a FXG kan itti fufan barattootni fi jiraattootni aanichaa olaantummaa ABO fi Qeerroo faarsaa ooluu Qeerroon gabaasee jira. Daandiwwan diinatti cufuudhaan uummanni alaabaa qabachuun FXG finiinsaa jiran. Godina wallagga bahaatti Jimmaa Raaretti magaala Goobban har’a kaleessaa irraa kaasuun barattootni walitti dhufanii sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageesisaa oolan har’a bakka jiranii barattootni walitti dhufuuudhaan diina dura harka qullaa dhaabbachuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa jiru.
Aanaa Amuruutti manneen jireenyaa kaabinootaa 3 humni addaa tarkanfi fudhatu uummata keessa goruudhaan barbadeesseee jira. walumaa galatti godina Horroo Guduruu fi Baha wallaggaatti magaalota kanneen akka Shaambuutti daandiwwan hedduun cufamani jiru. Uummanni kana booda mootummaa Wayyaanee ofirra kaasuu qabna jedhee murteeffatee ka’eera. Humni diinaa oromyaa keessa buufatee jiru comaandi post jedhamu magaala Naqamtee fi kanneen akka Amuruu, Shaambuu fi kkf keessatti ramadamee uummata irratti dhukaasa banuun ammallee akka hin dhaabne Qeerroon gabaasee jira. Dhaabbilee barnootaa hedduu keessatti barattootni hedduun ukkaamfamaa jiru.
Kana malees Godina Wallaggaa lixaa Magaalota akka Gimbii, Najjoo, Warra Jirruu, Goorii, Qilxu kaarraa fi Magaalaa Mandii keessattis fxg daran jabaachuurraan kan ka,e mootummaan wayyaanee raafama guddaa keessa seenee jira.Duulli geejiba dhaabuus haala jabaa ta’een itti fufuun guutummaan guutuutti dhaabbatee jira.Mootummaan faashistii wayyaanees sodaa fincila kanarraan kan ka’e uummata nagaa doorsisaa jiraachuun maddeen keenya argane Magaalaa Naqamteekeessatti jabaachuun guyyaa har’aa kanas Konkolaataa dhaabuu Konkolaachiftoota magaalaa Naqamtee keessa jiraniin jaabaatee itti fufee jira.Duuli taakssii dhaabuu fi baajaajotaa kun guyyaa lammaffaaf itti hojiirra oolee jira.
Guyyaa har’aa 05,03,2016 konkolaachistonnii magaalaa Naajoo wal ta’uun konkolaatan gara kamiitu akka hin sochoneef…konkolaachisu dhabanii jiru. Kalleessa galgalaa magaalaa naajoottii dargagonnii gara manaa hiidhaatii gurrama jiru….Kana malees Dargaggoo Eliyaas jedhamu barruu Qeerroo Bilisummaa facaafte uummataaf raabsiteetta sababa jedhuun haalaan reebamee jaallan isaa kaan waliin mana hidhaa keessa jira.

SBO Bitootessa 06,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi Qophiilee haala yeroo irratti xiyyeeffatan

Aside

Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa

Aside

Dhiiga Oromootaa
Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,
Hundi ilmaan Oromoo,magaalaa fi baadiyaa,
Jirra galata Rabbii,yaadaa halkan guyyaa,
Dhiigni lammii kootii,diinaan dhangalayaa,
Dhugaan ukkaamamtee,seenaan haqaa booyaa,
Jabaadhaa lammii koo,numatu milkaayaa!!!!!!!!!!!

Yaa miseensa diinaa,ilmaan bineensotaa,
Yaa warra abbaa garoo,sanyii Goobanootaa,
Minaasee W/Goorgis ilmi,ilmaan Wayyaanotaa,
Muktaar Kadiir fa’a,ergamaan saamtotaa,
Hooggantoonni gufuu,diinni Oromootaa,
Guyyaan sitti dhiitee,amma akkam taataa???

Dhaabni maqaa Oromootiin,tasa lafa dhiitaa,
Dagaagsituun diinaa,kopheen Wayyaanotaa,
Nu gurguraa turtee,lammii koo ajjeeftaa,
Oromoon dammaqee,barsiisaa fi barataa,
Tokkummaadhaan ka’ee,fira kee lagataa,
Diinni galuuf jiraa,ati hoo eessa seentaa????

Seenaa fi seera gattee,Oromiyaa muraa,
Diinni waamte,galte,sirratti tirtiraa,
Lammii kee ajjeessee,biyya qaxxaamuraa,
Si shakkee,si tumaa,hidhatti si guuraa,
Dimookiraasii sobaa,afaaniin siif hiraa,
Biyya kankee saamee,alagatti gurguraa,
Maqaa misoomaatiin,sirratti wal jijjiiraa,
Mee natti himi gadhee,nagaa maaltu jiraa???

Silaa ati eenyuu,eenyummaa kee beektaa,
Nama moo bineensaa,namni nama nyaataa,
Kan kee raajjii dhaa,maaf sobaan garmaamtaa,
Maaf dhiiga dafqaan bulaa fi qacalee ijoollootaa,
Maaf qareeyyii biyyaa,gootowwan goototaa,
Maaf Qaallitti buufte,galmee qabsaa’otaa,
Maaf karaa deebiftee,barsiisaa fi barataa,
Maaf dhugaa dagattee,Shiraan lafa guuttaa,
Seenaan galmeesseeraa,dhiiga Oromootaa!!!!!

Guyya mirga kan kee,alagaan to’ataa,
Gaafa lammii kan kee,si biratti tuffataa,
Gaafa irree cabsee,gaashiretti darbataa,
Gaafa eenyummaa kee,ofumaa dagattaa,
Gaafa dhiiga lammii,qawween dhangalaaftaa,
Ati du’uu kan kee,seenaan of yaadattaa????
………………………………………………………………………..

Gabroomsaan ni kufa,
Qabsoon itti fufa,
Bilisummaan ni dhufa!!!!

Bitootessa,2016
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti diddaan Uummataa dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira, uummatnis mormii isaa itti jabaate jira.‏

Aside

Bitootessa 5,2016 ,Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Diddaan Uummataa Dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira.loltootni Wayyaanee afaan hin beeknee Magaalaa Baallaammii irra qubsiifamuun Qonnaan bultootaa fi sabboontoota Qeerroo dargaggoota Oromoo irratti tarkaanfii reebichaa fi humnaan ukkamsuun hidhaatti darba jiru, kanneen rukutamanii madeeffaman illee gara mana yaalaa utuun hin geeffamiin waraanaan dirqisifamani hidhaatti darbama jiran keessa
kanneen maqaan nu qaqqabee jiru:
1. Barataa Taarikuu Gusoo reebamee midhaa guddaan kan irra ga’e,
2. Barataa Eebbisaa Nagaasaa barataa 10ffaa waraanaan rebamee midhaa guddaan kan irra ga’ee jiruu fi mana yaalaa dhorkatame jiru.
3. Barataa Abdii Taarikuu reebichaa humna olii warananni abbaa isaa waliin irratti raawwate.
4. Obboo Taarikuu Baayisaa waraanaa wayyaaneen reebamee du’aa fi jireenya gidduu jira.
5. Barataa Gurmeessaa Cimdii waraanaan reebamee milla isaa irra akka malee madeeffamee kan jiru.
6. Barataa Sisay Lammeessa
7. Barataa Muldhisaa Taakkalaa
8. Barataa Geetuu Taakkalaa obbolaa laman
9. Barataa Iddoosaa Xuurii
10. Barataa Baay’ataa Mirreessaa kanneen jedhaman dabalatee yeroo amma kana ilmaan Oromoo 40 Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallaammii Wajjiraa Poolisii fi Buufata Waraanni Wayyaanee keessa qubatee jiru keessatti hidhamuun dararaan ulfaataan irra ga’aa jiraachuun madden keenya gabaasan.
YAADACHISA: Sirni gaggeessaa Sabboonaa daldalaa Oromoo dheengadda Waraana Wayyaanee uummatarratti banameen wareegamee Obboo Birhaanuu Xaafaa Baqqalaa abbaa ijoollee lama har’a Bakka dhaloota isaa Ganda Guddataa Gabaa Lagatti rawwata uummatni hedduminaan gara gaggeessa isatti socho’aa jira, Waraanni wayyaanee immoo ganamuma kanaan dhukaasa dhageesisuu egalanii jiru. Olmaa isaan walitti deebina.
Aanaa Midaa Qanyii gandoota akka Goosuu Wangee ,Baaroo Bidaaruu fi Guddataa Gabaa Lagaa dirree waraanaa fakkatee jira. Qonnaan bultootni
hedduun waraana wayyaaneen shoroorkeeffamaa jiru. Sagaalee dhukaasaa utuu wal irraa hin citiin waraanaa wayyaanee irraa guyyaa sadii dhukaafamaa jira.

Seife-Nebelbal Radio: [Amharic] Interview with Mr. Dawud Ibsa, Chairman of OLF [Oromo Liberation Front]

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/seife-nebelbal-amharic-interview-with-mr-dawud-ibsa-chairman-of-olf-oromo-liberation-front

Dr. Tasfaayee barsiisa College horsiise bulaa Oromia yaaballoo Humna tika Wayyaaneen ukkaamfame Eessa buuteen isaa dhabame”

Aside

TasfaayeeDr. Tesfayeen President Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo (GAAO) Yuniversitii Hawasaa ta’uudhan kan tajaajila ture yoo ta’u Qabxii olaanadhan eebbifame garuu Sabbonummaa fi Oromumma isaatif qofa Hojii Mootumma dhorkame ture. Hawaasa isa barsiisee tajaajiluudhaf Hanga Ukkamfame achi buuteen isaa dhabametti  dhaabbata NGO SOS Sahel, jedhamu irra gogummaa isaan osoo hojjetuu loltoota Wayyaaneen butamee hanga ammaa bakka buuteen isaa hin beekamu.

Humni Waraana Wayyaanee Agaaziin Daran Magaalaa Naqamteetti Dabalame

Aside

Bitootessa,4,2016 Kan abboota isaanirraa gocha duguggaa sanyii kan nurratti raawwachaa turan hanga har’atti nutti dhaadataa kajiran akkasuma aangoo dhiiga dhangalaasun argama jedhaanii kan amanan TPLF magaalaa Naaqamteetti yeroo darbe rakkoo geejibaaf Konkolaataa fe’isaa 3f n magaalatti kan seenan ta’uun nii aspartame Har’as Warraaqsi Uummatichaa naasuu muddama keessaa ba’uu hin dandeenye keessa kan galche Wayyaaneen Qawween akka waan tasgabeessituu Agaazii Oralii 3 dabalataan har’a magaalatti seensifteetti.sochiin uummataas guyyaa guyyaan akkuma jarri dabalamaa bultuu olitti cimaa jira

Badii darbe irraa kanneen hin baranne, badii fakkaataaf akka nu saaxilan hayyamuu hin qabnu:Oromoota haga har’aatti dogoggora seenaa irraa hin baranne irratti.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

Badii darbe irraa maal baratnaHariiroon siyaasaa har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’achaa jiru, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, hariiroo siyaasaa mul’achaa tureen kan walfakkaatuu dha.Walfakkeenyi hariiroo siyaasaa yeroosi fi kan ammaa, bifaa fi ayinaan kan wal irraa dhaalame fakkaata.

Fincila ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin, Haayile Sillaaseen oggaa raafamu, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf dhaaboti siyaasaa heddutu ijaarame. Dhaaboti siyaasaa kun hundi, Haayile Sillaasee kuffisuu irratti akeeka tokko yoo qabaatan illee, kufaatii isaa booda, fuuldureen Impaayeratti maal  ta’uu akka qabdu fi Haayile Sillaasee bakka bu’ee eennu Impaayeratti akka geggeessu irratti waldhabbii hundee qabu turan.

Dhaaboti kunneen keessaa, dhaabi EDU (Ethiopian Democratic Union) ykn ammo Gamtaa Dimookraatota Ixoophiyaa jedhee of moggaase, Haayile Sillaaseen nama tigreetiin bakka buufamee sirni abbaa lafaa kan Haayilee Sillaasee akka itti fufu kan barbaadu ture. Dhaaboti akka: Dargii (Koree Qandaalota Waraanaa), EPRP (Ethiopian People Revolutionary Party) ykn ammo Paartii Warraaqaa Ummattoota Ixoophiyaa, fi AESM-MEISON(All Ethiopian Socialist Movement ykn ammo Sochii Soshaalizmii Guutuu Ixoophiyaa ammoo, Haayile Sillaasee irraa aangoo fudhatanii, jijjiirraa xixiqqaa ykn fakkeessaa, kan Haayile Sillaasee kuffisanii aangoo haga qabatanitti fi  hanga aangoo isaanii cimsatan qofatti turu, fiduudhaan tokkummaa impaayeratti olaantummaa Amahaaraa jalatti itti fufsiisuu  kan barbaadan oggaa ta’u, kufaatii mootummaa Haayile Sillaasee fi jijjiirraa xixiqqaa osoo hin taane, impaayerichi hundeedhaan diigamee, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa bilisa ta’anii hiree isaanii murteeffachuun mootummaa walaba ijaarrachuuf mirgi isaan qaban guutuutti akka kabajamuuf kan  bara 1973 ijaarame ammo ABO dha.Badii darbe irraa kan hin baranne

FXG Kaleessa Yuunibarsiitii Jimmaatti Dhoheen Guutummaan Mooraaf Magaalaa Jimmaa Raafama Keessa Oolte

Aside

Bitootessa 4,2016
Uggurtotniif Shororkeessitoonni Waayyaanee kan mooraa Yuunibarsiitii keessa qubsuma godhatee jiru osoo itti hin yaadin sodaa tokko malee
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaa(main cumpus) Kaleessa jechuun Bitootessa,3,2016 dhoheen guutummaan magaalattii rafama guddaa keessa oolte humni diinaa Agaazii magaalaa Jimmaa keessa Akkasuma irra jireessaan mooraa keessa hidhata guutuun socho’aa turan kan na Ajaibe Waanuma dirree lolaatti bobba’an fakkaatu qawwee Logomatanii konkolattota garaagaraa sadiin deemsisaanii har’aa.akkasuma guutummaa aanaalee Godinichaa hundatti raabsamanii tuuta tuutaan magaalaaf baadiyyaa Jimmaa marsaa turan Jimmaan guutummaan guutuutti humna humna Waraanaa diinaan marfamtee oolte Akkasuma barattoota Yuunibarsiitichaa kan ta’an namni 17mana hiraarsaa diinaa kan magalatti keessatti argamu(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa guddaan irra gahaa jira.Barattota kanneen Odessa
1,Tolasaa Nagaasaa law waggaa 5ffaa
2,Biqilaa Guutaa statistics waggaa 2ffaa
3,Yoonas Giidoo computer waggaa 3ffaa
4,Saamuel computer waggaa 3ffaa
5,Ittaanaa Kennaa Computer waggaa 3ffaa mana hiraarsaa diinaatti Dhiira 14fi Shamarran 3 waliigala barattoota 17 dararaa akka jiran
oduun Qeerroon Yuunibarsitichaa dhagaa’amu ifoomsa kanneen hafan itti fufiinsaan gabaafna.