Guyyaa har’aa adoolleessa 4’2016 fincilli xumura garbummaa haal ho,aan yeroo ammaa kana magaalaa Naqamtee keessaaa fi Yuuncersiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan mootummaa faashistii Wayyaanee balaaleffachaa jiru.
Mootummaan wayyaannees riffannaa guddaa keessa seenuun yeroo ammaa kana hoomaa waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun uummataafi baratoota irratti dhukaasa bannuun namoota baayyees miidhaa irraan ga.eera.Daandiin naqamtee irraa ka.uun gara finffinneetti deemsisus guutummaan guututti naannoo yuunvesiitii wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti cufameera.
Daily Archives: March 4, 2016
Dhaamsa Hatattamaa Hoggantootaaf Jiraattota Jimmaa Muraasaaf
Aside
“Oromiyaan tan Oromooti” Wallee Haaraa Artist Ibroo Ibsaa
Aside
Fincilli Xumura Gabrummaa Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Fi Yunibarsiitii Wallaggaatti Dhohe Hanga Har’aatti Finiinfamaa Jira
Aside
Bitootessa 4,2016
Warraaqsi Yunibarsiitii Wallaggaatti finiinfamaa ture ummata magaalattiif naannooshee dabalatee Wayyaanota Muddaa kan jiru ta’uu
gabaasaan achii nu dhaqabe nii addeessa. Guyyaa har’aas FXG haala ho’aa ta’ee Magaalaa Naqamtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan moitummaa fashist Waayyaanee balaalefachaa jiru.dhaadannowwaan
#OPDO n maxxantuudha nu hogganuu hin dandeessu
#Humni Waraanaa fashist Wayyaanee Kan magaalaa Naqamteef Gutummaa uummata keenyaarratti bobbaafame Biyya nuuf gad-dhiisu
#Biyyi abbaa qaba Nutis Abbaa qabna abbaan keenya ABO nuu haa bulchu
#Gumaa xinnaaf guddaa keenyaaf itti gaafatamaan mootumicha
#Gumaa dhiigaa dhiigatu baasa….jedhu magaalattii keessaa dhaga’amaa hit a.
Mootummaan Fashist Waayyaaneef Jalee taatee kan hojjettuuf OPDO n rifannaa guddaa keessa seenuun hoomaa waraanashee Uummata nagaa
irratti bobbaasuudhaan waraana Uummata harka qullaarratti dhukaasuudhaan Uummataa fi barattoota hedduurra miidhaan gahamaa
jira.Daandiin Naqamteerraa ka’uun Finfinneetti deemsisu Guutummaan guututti naannoo Yuunibarsiitii Wallagaa hora Hadiyyaa jedhamu cinatti
cufameera.
GABAASA QEERROO KIBBA OROMIYAA.
Aside
Hiriira Aanaa yaaballoo
Magaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera
Barattuu Xumme Jaarso
“ulee harka qabdu buusi, atis qawwee harka qabdu buusi “jettee agazi shimala mataat cabsite rasaasaan rukutamte yero amma hospitaala yaaballoo ciifti
Qeerroo Eelawayyee fi Qabso Ummata
Magaala kana keessa hidda diina ari’atani
Qabsoo itti fufaa jiru, akkuma iddoo bira gabaanis hinjiru
Barata Goolicha Kan FXG irraatti Tarkaanfiin Gara Jabeenya irratti Raawwate
FXG godina boorana Aanaa Areeroo
Mormii kanaan company Midrock kan badda Areeroo keessa Albuuda dhagaa babbareedaa ykn gemstone jedhamuufi ilinxo Ykn shekla qotatu birmannaa ummataafi qeerrootiin godaansifame
Oduu Ammee
Hiriira
“Godina boorana Aanaa Dirree Magaala Dubuluqitti Hiriirri diddaa garbummaa geggeeffamaa jira Dhukaasis Ummataa fi barattootat banamaa jira ragaa booda dhiyeessina”
Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.
Aside
Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.Hidhattootni milishoota ta’an namootni 60 uffataa isaanii of irraa baasuun ibiddaan gubuun sirnicha ganuun uummata cina hiriiruu uummataaf mirkaneessan. halkan edaa guutuu Aanaa Midaa Qanyii gandoota baadiyyaa hedduu keessatti sagaleen dhukaasaa jabaan dhagaa’ama bulee, Dhukaasaa Waraanni uummata irratti godheen hanga ammaatti ilmaan Oromoo lama Wareegamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame jira. maqaa namoota wareegamanii adda baasuun isiniif dhaamuuf jirra. Namni tokko Ganda Guddaataa Gabaa Lagaa irratti wareegamee jira. Network Midaa Qanyii irraa balleeffamee jira, halli gara sana jiruu gutummaatti waan waraanni baname waan fakkaatuuf hedduu yaaddessa ta’ee jira,guutummaa gabaasa kanaa fi maqaa ilmaan Oromoo maddeeffamanii fi Wareegamanii qabannee isinitti deebina.
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.
Aside
Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru
Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.

