Barattooti Oromoo Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffiileen Mirga Uummata Oromoo Kabajechiisu Bulchiinsa Mooraatti Dhiheessatan

Aside

Sadaasa 6,2015 Naqamte

Qeerroo JimmaaAkkuma beekamu barri itti dhalannee fi umurii irra jirru kun uummata keenyaaf biyya keenya Oromiyaadhaafis bara itti garbummaa fi roorroo alagaa jala jirru ta’uun ni beekama.
Garbummaa itti fufee fi fincila walirraa fuunee adeemsisaa jirruun hanga Bilisummaa,walabummaafi birmadummaatti kan itti fufu ta’uunis imaanaa goototaa fi jaalleewwan kaleessa kufaniiti. Haata’u malee diinni bara dhufee darbu dhiiga keenya dhangalaasu,nama keenya lubbuu baasu, qabeenyaa biyya keenyaa saamu kunoo qaanii tokko malee miseensa isin godhadha jedhee mooraa yuunibarsiitii wallaggaa keessa oliif gadi jooruun tokko shanee maqaa jedhuun afaan nufaajjessaa jira.
Akeeki mootummaa ash-kabeera kanaa uummati keenya biyya waloo akka hin ijaarranneef namoota ga’umsaa fi dandeettiillee hinqabne,eenyummaa isaanitti kan hin boonne,uummatichaaf kan hin quuqamne,firaafi alagaa uummata Oromootti hidhachuun bara bittaashee dheereffatuuf akka carraaqxu fi ittis jirtu beekamaa dha .Akkuma mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessa warri jirru arginutti namooti tokko shanee kanatti ijaaraman nama shan tiksaa,hojii basaastummaatti kan bobba’an yeroo ta’u, guyyaa jimaataa torbaniin gabaasaa wayyaanee fi jala deemtotasheef akka dhiyeessan beekamaadha.
Yeroo ammaa kana Yuunibarsiitiin Wallaggaa Yuunibarsiitota marsaa lammaaffaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jira jechuun kan beekamaa jiruuf jijjiirama ajaa’ibaa fidee utuu hin taane,
1, Bara 2011 geggeessitooti mooraa barnootichaa ilma Oromoo rasaasaan ajjeesanii
2, Baruma 2011 barataa Tolaa damee barnoota afaan ingiliffaa waggaa sadaffaarraa dabarsanii kennuun qaallitti maqaa ABO tiin hisisanii barnootasaarraa hanga har’aatti ari’uun
3, Bara 2013 keessa maqaa hidha abbayyaa jedhuun nyaati barataa,bajatii yuunibarsiitichaa citee barataan ji’a tokko hanqisee barnoota addaan kutee gara maatiitti yeroo galu kunis bajatatu nu hanqate jedhanii yeroo ta’u, wayita baasiif galiin waggichaa hojjetamu kaasanaa mootummaatti miliyoona dhibba tokkoof soddomii afur deebisuun
4,Bara 2014 mormii maasterpilaanii finfinnee tiin wal qabatee yuunibarsiitiin Oromiyaa keessaa poolisa federaalaa mooraa seensisuu ifaan yoo eyyamuu didan  Pr Fiqaaduu Bayyanee Alaqaa  dhalootaan Habshaa waan ta’eef looggii taasisuun  uummatichallee gandaan walitti buusaa jiraatu,gara laafina tokko malee humna waraanaa itti ajajuun barattoota caccabsiise,kanis lubbuu galaafachiisun
Gameeyyii fi barattooti qaroon kan barnootarraa ari’aman,kan biyyaa bahan,kaanis dararaa maa’ikelaawwi,jaatoo Naqamtee, waajjira tikaa Naqamtee,fudhachiisuun  Bara 2015 keessa barattoota Oromoo irratti filmaata sobaa adeemsisamu irratti sodaa qabaniif jecha boombii dhukaasuun barattooti Oromoo shan garmalee gaaga’aman moorichi tika barbaachisu gochuufi utuu irraa eegamuu barattoota kan doorsisa garagaraa irratti geggeessuun qaama isaanii miidhameef beenyaa kaffalafiin haahafuutii wayita Hospitaala ciisanitti illee waan nyaataniif qaami isaan deeggaru waan hin jirreef barattooti Oromoo qofti kan itti waliif dhaabnachaa turan dhaabata hojii barnoota dalagurra hojii mana hidhaa diinaa dalagu ta’uun 5 hanga har’aatti gumii aadaafi dagaagina afaan Oromoo cufuun bakkasaa habashootaaf immoo “aarti club” maqaa jedhuun habashoota gurmeessuun amanammummaa Wayyaaneerraa argateen malee sadarkaa qulqullina barnootaa jedhamuun utuu hin taane tika barattoota Oromoo irratti raawwateen ta’uun ifaadha.
Geggeessitooti mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa akka adurree aannan bartee afaan mi’eeffatan, miseensummaa OPDO/TPLF Tigiraayitti makuuf afaan nufaajjessan akka hatattamaan nurraa dhaaban,guddina siyaasaatiin nuburjaajessurra guddina qabatamaa,barnoota qulqullina qabu akka nuuf laatan Moorichi mooraa siyaasarraa walaba ta’ee barnooti itti qixaan nuuf kennamu akka ta’u hubachiifna .

Dhumarrattis gocha qaanessaa fi salphina ta’e kanatti nama ijaarurraa fi warra didan warri tikasan gaafatama seenaa jalaa akka ofbaasan waamicha isaaniif goona

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Sadaasa 5, 2015 /Keessummaa SQ Dr, Rundasaa Isheetee

Aside

Aside

ABO

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname)

Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru. Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Sadaasa 2015

Wallee Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) ABO Waliin Qabsaawaa Jirtu Sababaa Jedhuun Baatii 5 Oliif Mana Hidhaa Ma’ikalaawwiitti Erga Dararaa Baheen Booda Himata Irratti Bane.

Aside

Sadaasa 5,2015 Finfinnee

Because I am OromoMootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) irratti yakka sobaa qindeeffachuun baatii 5 oliif erga mana hidhaa Maa’ikallaawwiiti dararaa turee booda yajkka miseensummaa ABOn  himata irratti banee jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee ta’e jedhe miidhaa uummata Oromoo irraan gahu  jabeessuun kan itti fufe jiru, Dargaggoota Oromoo afur (4) Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo irra balleessa tokko malee humna qawween ukkamsee mana hidhaa Maa’ikalawwiitti ji’oota shanii oliif erga daraaraa qaamaa fi qorqalbii irratti rawwachaa ture, booda Dheengadda kana immoo isin FDG bara 2014 keessatti warraa qa’ee guddaa qabudha, Ergama guddaa ABO irra fudhachuun socho’aa jirtu, jedhee mana murtiitti dhiheessee jira.

Dargaaggootni barattootni Oromoo kun Oromoo ta’uu fi Oromummaa qofaan yakka diinummaa fi sanyummaan guutameen himatamaan kun:

1ffaa Barataa Urgeessaa Dammanaa barataa Yuunibarsiitii Rift Valley kan ture
2ffaa Barataa Qajeelaa Galaanaa
3ffaa Barataa Sabakebar Baqalee fi
4ffaa barataa Abdataa Olaansaa kanneen jedhaman irratti yakki sobaa qindeeffamuun abbaa irree Wayyaaneetiin himanni sobaa maqaa ergama ABO fudhachuun uummata mootummaa irratti ijaaruun biyyaa keessatti FDG narratti gaggeessitan, qabeenyaa barbadeesitan, lubbuu dabballoota koo galaafattan jechuun himannaa sobaan guutameen himatamuun dargaggoota  Oromoo kun jibbinsa sanyii irratti hunda’ee dha.
Dargaggoota kanneen keessa Dargaggoo Urgeessaa Dammanaa yeroo garaagaraatti daa’imummaa isaa irraa eegalee Oromummaan yakkamee hidhamaa fi himatamaa kan ture bara darbee 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi gaaffii mormii Master Plan Finfinnee mormuu keessatti ga’ee guddaa qabada jechuun erga hodoofee humna waraanaan ukkamsuun hidhaatti darbatee booda mana hidhaa keessa kaa’ee yakka irraa
dhabnaan mirga wabii qarshii 200,000 dhiyeeffadhu jechuun karaa dalgaan illee horii nyaachuuf karoorfatee, itti milkaa’uu waan dadhabeef yakka sobaa kana qindeeffachuun dargaggoota Oromoo 4’n kana irratti himanna kan bane ta’uu ni hubachiifna. Mootummaan Wayyaanee yakka magaalaa Amboo fi Oromiyaa bakkoota garaagaraatti rawwachaa tureef itti gaafatamuu fi seeratti dhiyaachuun utuu isarra jiruu yakka ofii dalageen dargaggoota Oromoo qaroo hidhatti guuree yakka kan jiru ta’uun beekamadha. Adeemsii wayyaaneen jibbinsa sanyummaan guutameen ilmaan Oromoo irratti dalaguu fi himannaa sobaa dargaggoota Oromoo irratti dhiyaachaa jiru kun kan uummata Oromoo gara qabsoo fi fincilatti galchuu waan ta’eef ilmaan Oromoo keessaa fi duubaan harka walqabannee addunyaa biyya lafaa kanarratti iyyachuu fi mirga keenyaaf falmachuu jabeessinee itti fufu qabna, ilmaan Oromoo yakka sobaan hidhaman kunneenii fi kanneen mana hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti Oromummaan yakkamanii hidhamanii dararamaa jiran haalduree tokko malee akka hiikaman gadi jabeessinee gaafatna jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo uummataa Oromoo hundaaf waamichaa fi dhaamsa dabarsuu itti fufe jira.

SBS: [Amharic] Interview with ABO/OLF’s Ob. Toleeraa Adabaa on the Formation of the Genuinely-Multinational Alliance, PAFD

Aside

Ummanni Salaalee Magaalaa Kuyyuu Mirga Sarbamuun Nu Gahe Jechuun Diddaa Sirna Wayyaanee Kaasan.

Aside

Sadaasa 4,2015 Kuyyuu

diddaa9Godina Salaalee magaala Kuyyuu keessatti FDG jabaachuu irraan kan kahe  guyyaa har’aa Sadaasa 4,2015 kana waliiti bu’uumsa uummata fi poolisii mootummaa Wayyaanee gidduutti ganama irraa eegalee itti fufee oole.

Sababa walitti buhiinsa kanaan namooti hedduun kan reebamanii fi poolisooti hedduun kan reebaman yeroo ta’u hanga ammaatti poolisiin poolisiin Waayyaanee hedduun Hospitaala galanii jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa. Gabaasa guutuu qindaayee dhihaata.

Yakka Wayyaanee EPRDF Uummata Oromoo Irratti Raawataa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yunvarsiitii Mattuutti Yakka Ajjeecha Gara Jabeenyaa  Barataa Sabboonaa Oromoo Tarreessaa Safaraa Irratti Rawwatamee fi Ukkamsaanii Gara Dhabsiisuu Hayyoo Oromoo  Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo Irratti  Rawwateef Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Itti Gaafatamu Qaba.

Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLFn yakka ilmaan Oromoo qoroo hawaasaa ta’an irratti fudhatuu jabeessee itti fufuun, Onkolooleessa 23,2015 Sabboonaa barataa Oromoo balleessaa tokko malee barataa Oromoo Tarreessaa Safaraa barataa Injineriigii Waggaa 1ffaa kan ta’ee fi  Hayyuu Oromoo Abbaa Liibaan Dabbasaa Guyyoo biyya Keeniyaa kan jiraachaa turan torbee darbee keessa shirri Wayyaanee kan keessatti muldhatu humnoota hin beekamneen ukkamfamuun eessa buuteen  isaanii  dhabamuutti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Barataan Oromoo Tarreessaa Safaraa asiin dura Oromummaa isaan  Yakkamee Waggaa 9 oliif  mana hidhaa biyyatti keessatti argaman Maa’ikalawwii,fi  qaallittii  dararamaa kan ture badii tokko malee humnoota tikaa wayyaaneen ukkamfamuun fannifamee kan ajjeefameef mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba!!

Abbaan Liibaan Dabbasaa Guyyoo hayyuu Oromoo aadaa,Sirna Gadaa, Afaanii fi eenyummaa Oromummaa  uummata isaanii barsiisaa turanii fi Addunyaa biyya lafaa kana irratti Gadaan Oromoo hundee bu’uura dimookiraasii addunyaa kanaa ta’uun akka beekamuuf biyyoota addunyaa hedduu irra naanna’uun kan barsiisaa turanii fi aaddunyaatti bulchiinsa dimookiraasii sirna gadaa kan argisiisaa turan yakka tokko malee eessa buuteen isaanii dhabamee jiruuf mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 4,2015

Waggaa 10ffaa FDG Sababeeffachuun Abidda Warraaqsaa Oromiyaa Guutuutti Qabatuuf Deemu Ilaalchisee Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waggaa 10ffaa FDG Sababeeffachuun Abidda Warraaqsaa Oromiyaa Guutuutti Qabatuuf Deemu Ilaalchisee Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa(GFDG) Sadaasa 9 kan kabajjuuf deemnu bara kana 2015 sadaasa 9,2015 irratti wagga 10ffaa ta’uu isaati, Waggoota kurnan darban keessatti qabsoon bilisummaa Oromoo warraaqsa FDG gaggeessaa ture keessatti qoodi qabsaawota Oromoo wareegama kafalanii sadarkaa ol aanaa ta’uu eenyuunuu hin mamsiisu,gootonni barattooti Oromoo addatti FDG gaggeessuuf jecha hidhaa,ajjeechaa,dararama qor-qalbii fi biyyaa arihatamuun irra gahee jira.Qonnaan bulaa fi hojjetaan Oromoo hedduunis mudati gabrummaa fi hacuucaan isaan irra gahe kan kanaa alaa miti.

Nuti sochiin dargaggoota Oromoo kan bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroon Bilisummaa) erga seera walta’aa fi caasaa taliiga qabuun bara 2011 keessa of caasessinee Oromiyaa guutuu keessatti hojjechuu jalqabnee kunoo wagga 5ffaa qabannee jirra, deemasa kana keessatti sochiilee muldhatoo haalaan jajjaboo ta’an Oromiyaa guutuu keessatti deemsisuu fi jaarmiyaan cimaa fi hundee jabaa qabu guutuu biyyaa keessatti dhaabbatee warraaqsa biyyoolessaa kan takkaa duubatti hin deebine akka qabiisuuf hojii gurguddaa fi qophii wal irraa hin cine raawwataa turre. Egaan haalli amma itti jirru Sadaasi 9,2015 guyyaan FDG itti kabajnu wagga 10ffaa waan ta’uuf yaadatnoo guyyaa kanaa fi itti baha 2016 keessatti barummaa hundeen buqisuuf Warraaqsa Oromiyaa guutuu keessatti qabsiifnee abidda Warraaqsaan hundee of tuullummaa abbootii irraa biyya keenyaa irraa kaafnee Oromiyaa abbaa biyyaa taasisuuf jecha qophiin Qeerroon Bilisummaa taasise gahaa dha.

Kanaaf uummanni Oromoo biyya keessaa fi  biyyoota alaa jirtan qaamaa fi qalbiin of qopheessitanii abidda warraaqsaa Oromiyaa keessatti qabachuuf deemuuf deggersi keessan wal irraa hin cine akka nu cinaa dhaabbattaniif ammaan dhaammatna.

Wareegama ta’uu fi aarsaa Qeerroon Bilisummaa kafaluuf gatii itti kennaa mirgi uummattootaa akka kabajamuuf qabsoon isin taasiftan murteessaa waan ta’eef waamicha lammummaa makama warraaqsaa isiniif dhiheessina.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!

Hoggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sadaasa ,2015

 

Daughter of the Late Oromo Artist Usmayyoo Mussaa, Saartuu, to Release Music Video for Her Single, “Abbaa Khoo”

Aside

Selfless Oromo Artist Usmayyoo Muussa was in jail for 8 years in a harsh Woyyaane prison. He sustained severe torture and contracted all deadly diseases in jail. He was released from prison only when the regime was sure that he won’t survive. Usmayyoo died on November 18, 2006 in Ciro town and his funeral took place on November 19, 2006 in Ciro with a large crowd with Oromo tradition.

Though an Oromo nationalist and artist Usmaayyoo Muusaa is rest in peace, his legacy is beyond his grave and he passed on the torch of freedom to be pursued by millions of Oromo, including his children.

Like Usmayo Oromo citizens have fallen as the result of victim of torture of TPLF; many are fallen silent in the hands of this murderer’s government agents.

Usmayo’s daughter, Artist Saartuu Usmayoo, is releasing the first song dedicated to her father, “Abaa Khoo”.