Irreessa Hora Adiyyoo Naqamteetti Kabajame

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 12 Sadaasa 2015) Irreessi guddichi  Oromiyaa dhiya Naqamtetti  haala ajaa’ibaa ta’een  kabajame.

FB_IMG_1447282786987Sirna kabaja ayyaana Irreechaa kana irratti sirni garboomfattuu ilmaan Tigiraay fuuldura goruuf humna darbatamaa, basaastuu fi tikeen lukkuuleen diinaa itti bobbaanii turan; garuu jabinaa fi kutannoo dhaloota Qubee  dhorkuu hin dandeenye!

Qeerroon Oromiyaa dhiha Naqamtetti walga’e barattoota yuunibarsiitii wallaggaa, barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa,hojjettoota daldaltooti utuu hin hafi ba’uun walleelee warraaksaa dhageessisuun kabajan.

Wallee warraaqsaa ayyaana kana irratti dhageessifamaa turan keessaa:

FB_IMG_1447282733579Baala adaami shakoo yasariitii
Maanan waamin lafo gaafa xiiqii
Finfinnee ciifti dachaatee
Maqalee itti fakkaatee
Buraayyuuf…iyyuutti kaate
Hoo korma guduruu
Oromoon lafa hin gurguruu
Kashakkashee lolaa
Goonni yoonallee
Hee sayyoo aadaan
Badde galte
Eegee fardaaa
Waaqeffatna kana qabnaa ….jechaa turan.

Mootummaan wayyaanee Tigiraay humna tikaan ayyaanicha dhaabuuf yaakltu ilee itti hin milkaaíin jirti.

Akkuma beekamu oromoon aadaa  irreessaa lama qaba:  innis Irreessa Birraa fi arfaasaati.
Yeroon kun wayita birraa akkuma ta’e oromoon Hora birraa malkaatti,kan arfaasaa immoo tulluutti ba’ee waaqayyoon galateeffata.

Simbirtuu: oduu fi qophii IMALAA. TBDU (PAFD) irratti yaada Dr. Ibrahim Elemoo qaba.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 9 November 2015

Aside

SQ Afaan Oromoo Sadaasa 09 Bara 2015

Aside

PAFD’s Task Group held its first Strategic International Meeting.

Aside

(Qeerroo, 10 November 2015) Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD), comprised of five national organizations has been officially inaugurated on 23rd of October 2015 in Oslo, Norway.

On its inauguration of aforementioned date, high level of professionals have been delegated various tasks for PAFD to accomplish within given time frame. Some of these allocated tasks involve road mapping and strategizing the way forward for PAFD’s strategic and operational goals.

They have been also given responsibilities of conceptualising the way PAFD can decisively operate to create lasting solution in Ethiopia’s 130 years socio-economic and political malignancy

These groups of temporary delegated professionals have been given the roles of showing the means and approach in a realistic manner by devising the necessary strategy for PAFD’s struggle by critically looking at the ways on how to manage the risks and challenges whilst striding towards inevitable changes in Ethiopian politics.

During its establishment, the PAFD has involved the communities of 5 nations for the first time in Ethiopian history whose peoples comprise over 65% of the population through the Oromo, Ogaden Somali, Sidama, Benshangul and Gambela’s political organisations.

The main focus of today’s first meeting was diplomatic aspects, community mobilising from local to international and identifying international and regional targets.

Furthermore, the meeting has also considered challenges and opportunities available at PAFD’s disposal and devised the right tools for the PAFD to effectively and efficiently exploit the opportunities by minimising risks.

Additionally, the delegates have reiterated how the establishment of the PAFD has energised the community at large- from local to international level and the stakeholder’s confidence and preparedness to embark on struggle under the leadership of PAFD.

This kind of meeting will take places on fortnightly basis at international level until General Council of the PAFD takes over the responsibilities of doing so in three months’ time.

PAFD’s international Strategic Task Group

November 08, 2015

Oromiyaa Lixaatti Leenjii Siyaasa kennamaa jiru Ummati Balaaleffate!

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 10 Sadaasa 2015) Oromiyaa Lixaa, aanaa Bonayyaa Boshee, aanaa sibuu siree,Leeqaa dullachaa,waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaa keessatti leenjiin siyaasaa gaggeeffamaa jira; ummatis isaan balaaleffacha jira.

Gabaastoti Qeerroo akka ibsanitti, guutummaa onoota bahaa wallaggaatti leenjiin maqaa karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii marsaa lammaaffaa jedhu adeemsifamaa jira.

Akeeki leenjichaa maqaa KGT marsaa lammaaffaa dawoo kan godhateefi leenjii afuufa TPLF aangoorra tursiisuuf miixatamudhas jedhameera.

Hirmaattoti muudami lafa dhalootaa,lagaafi gandaan Oromoo adda babasanii bulchuuf geggeessamu haadhabbatu kan jedhan dha.

Geggeessitoonni OPDO gamoo waajjira DhUO OPDO ijaaruuf dirqamaan miseensi miindaa ji’aa irraa 30% kanneen miseensa hintaane immoo 15% ijaaruuf dirqamaan kuttu wayita jedhametti, hirmaattoti utuu uummanni kitila kudhashan(15,000,000)beelaan dhumuu dhimmi waajjira ijaaruu dhimma murteessaa miti uummati keenya balaa beelaarra ammas akka baraaramuuf dursa laanna jedhan
Sababa kanaafis namooti yaada kana maddisiisan haala jabduudhaan Leeqaa Dullachaati qorataa akka jiranis beekameera.

SBO Sadaasa 11,2015. Oduu, Sadaasa 9 Guyyaa FDG Irratti Ibsa ABO Fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Gabaasa Sadaasa 9 Guyyaa FDG Irratti Akkasumas Qophii Afaan Amaaraa.

Aside

SBO Sadaasa 08,2015. Oduu, Ibsa ABO, Qophii Sadaasa 9 Guyyaa FDG Fi Gaaffii Fi Deebii Garaagaraa.

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(GFDG) Waggaa 10ffaa, 2015

Aside

FDGBara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.

Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.

Addatti bara 2014 darbe keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata!

Kanaaf Sadaasni 9 (November 9) Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2015 kanaa Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaa bakka Oromoonni itti argaman keessatti haala o’aa ta’een ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo kanneen lubbuu isaanii wareegan kana yaadachuu, hojii qaalii isaan dalagan faarsuun yaadatamee fi kabajamee oola. Qeerroo fi Qarree Oromoo, barattootaa fi sabboontota keenya FDG keessatti bilisummaa sabaaf jecha lubbuu isaanii aarsaa godhan haa yaadannu! Kabajaa Gootota Sabaaf Qabnu Agarsiisuun Dirqama Lammummaa Oromoo ti! Obbolootaa fi lammiiwwan keenya hidhaa gabroomfataa keessatti gidirfamaa jiranis haa yaadannu! Yaadachuu qofas osoo hin taane, karaa ittiin FDG caalaatti jabeessinu, QBO finiinsinuu fi gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasnu irratti ejjennoo lammummaa qabannee murtii marii keenyaa hojiitti haa jijjiirru.

Oromoon of irratti amantaa godhatee sagalee tokkoon, irree gamtoomeen yoo ol ka’ee diddaa mul’ise halkan tokkotti hidda gabroomfataa isa xaxee jiru cicciree, irree cunqursitootaa isa irra ciisee gadi isa qabe of irraa darbee bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu akka danda’u FDGn 2014 keessa geggeeffamee fi ammallee geggeeffamaa jiru caalaatti nama hubachiisa.

Fincila kanaan Oromoon akkasumas ilmaan isaa dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sabboontotni dallaa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuun humna Oromoon qabu diinattis firattis mul’isaniiru. Bilisummaan Oromoo, walabummaan Oromiyaa lubbuun itti bahee, dhiigni itti dhangala’ee, lafeen itti caccabee kan hin hafnee fi bakka gahu ta’uu hojii fi gootummaan mul’isaniiru; mul’isaas jiran.

Kanaaf muuxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoon argaman kuufachaa, fincilaa fi diddaa caalu, qabsoo roga maraa kan bilisummaa balbala geesse ol seensisutti nu geessuuf of qopheessuun, bakkayyuutti irree tokkoomee fi gamtoomeen diina dura dhaabbachuun, akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu kitimaa godhanii bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu.

Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman bara baraan ni yaadatamu!

Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo Irratti Wareegaman Bakkaan Ni Geenya!

Sadaasni 9 Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Bara Baraan Ni Yaadatama!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maqaa leenjii karoora guddinaa fi tranformation jedhuun aanaalee Oromiyaa hunda keessatti OPDO dhaan kennamaa jiru irratti mormii guddaan muudachaa jira.

Aside

Sadaasa 5,2015 Adaamaa,

diddaa9Akkuma beekamu mootummaan Wayyaanee karoora master pilaanii Finfinnee qotee bulaa Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisu hojii irra oolchuuf dhama’aa jirti. Maqaa leenjii jedhuun yeroo darbe magaala Adaamaa fi godina addaa Oromiyaa magaala Holotaatti kaadiree fi ergamtoota isaa walitti qabuun hololaa turte guyyaa kaleessaa Sadaasa 4,2015 irraa eegalee Aanaalee hunda keessatti kaaabinee gandaa, hojjattoota qonnaa, hojjattota fayyaa fi qotee bulaa keessaa namoota muraasa walitti qabuun holola garaagaraa gaggeessaa kan jirtu yoo tahu hirmaattota irraa mormii guddaan muudatee jira.

Gaaffilee hirmaattota irraa kahuun dabballoota OPDO aanaa muddama keessa galchaa jiran:

  1. Dhimmaa karoora mastaar pilaaniitiin qotee bulaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqahuu hin qabu!
  2. Gaafii mirgaa gaaffannee deebii argachaa hin jirru!
  3. Karoora master pilaanii karaa dhoksaa ta’een hojiirra oolchuf fiiguun haa dhaabbatu!
  4. Miidiyaan OMN miidiyaa uummata Oromooti malee miidiyaa sobaatii miti maaliif miidiyaa sobaa jechuun uummata keessatti ololtuu?
  5. Afaan Oromoo afaan federaalaa fi afaan hojii ta’uu qaba!
  6. Daangaan magaalaa tokko daangaa baadiyyaatiin gargari waan taheef akkamitti magaalli daangaa isaa darbuun qotee bulaa baadiyyaa qe’ee isaa irraa buqqisa?
  7. OPDO’n dhaaba Oromoof dhaabate osoo hin taane dhaaba uummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuuf dhaabateedha! Haala kanaan Yaadaa fi gaaffiin garaagaraa ballinaan ka’uun ergamtoota Wayyaanee leenjii kennuuf dhihaatan afaan qabsiisaa jiru.