Sadaasa 29,2015 Ayyaanni Irreessa Malkaa Soor Odaa Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Kabajame.

Aside

“Qeerroo Wajjiin Taanee Falmachuu ” Barataan,Poolisiin,Qoteebulaan,Warrannis KA’I KA’I !!!! Hawwisoo Qeerroo

Aside

Diddaa Barattoota Oromoo Wallaggaa

FDG Eegale Tokkummaa Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Aside

qeerroo-edit

 

 

 

 

 

 

FDG Eegale Tokkummaa  Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti kufe jedhee guyyaan itti tole jedhee bule hin jiru. Hin jiraatus. Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo gaggeeffamaa asiin gahe keessatti uummatni Oromoo waanjoo garbummaa of irraa buusuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessaa tureera. Addatti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa bara 2011 akka Jaarmayaatti erga of labsee asitti FDG mootummaa Wayyaanee hundeen raasan gaggeessaa turee ammas itti jira. Keessumaa ammoo bara 2014 keessatti uummatni Oromoo tokkummaadhaan diina dura dhaabbatee ‘‘ Haqa Keenyaa fi Biyya Keenya Diinaaf!’’ jechuudhaan wareegama qaqqaalii kaffaleera. Kumaatamaan mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru. Dhibbootaan ammoo irbaata rasaasaa tahuudhaan dargaggootni Oromoo abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf rasaasa dura dhaabatanii ammas itt jiru.

FDG amma Oromiyaa keessatti qabatee finiinaa jiru galmaan geessisuudhaaf gumaatni nama tokkee murteessaa dha. Kanaaf uummatni Oromoo FDG kanatti dabalamuudhaan mirga saba Oromoof falmuun saba keenya “Mootummaa Dhablee” tahee bara baraan itti roorrifamaa jiruu fi qabeenyi biyyaa irraa saamamaa jiru bilisa maasuuf jecha, hiree murteffannaa isaa akka mirkaneeffatuuf dirqamni olaanaan nurra jiraachuu hubachuu barbaachisa. Keessumaa ammoo FDG amma eegale galmaa geessisuudhaaf dirqamoota armaan gadi hojiitt hiikuuf jabaatnee hojjechuun dirqama.

  1. FDG amma eegale namuusa FDG tiksinee galmaan geessisuuf gumaata barbaachisu gumaachuu;
  2. Qajeelfamootaa fi ajaja mootummaa kan dantaa umamta keenyaa tuqu kamuu hojiitti hiikuu diduu fi dura dhaabbatuu;
  3. Tooftaawwan Qabsoo Fincilaa kan karaa caasaa fi bifa adda addaan baafaman hordofuun FDG dhaabbataa gaggeessuuf murannoon socho’uu;
  4. Bakkeewwan garaa garaatti dhaadannoowwan garaa garaa maxxansuu;
  5. Omisha mootummaan dantaa uummataa miidhuuf fayyadamutti dhimmi bahuu dhiisuu;
  6. Mirgi dimokraasii dhugaa fi sagaleen uummataa kabajamee hireen murteeffatnaa hanga argamutti haqaaf jecha wareegama karaa hundaan nu gaafatu baasuu.

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana FDG Oromiyaa bakkeewwa garaa garaa addatti magaalaa Gincii, Amboo, Najjoo, Mandii, Gidaamii fi bakkeewwan birootti finiinuu eegaleera. FDG kun itti fufinsi isaa mirkaneeffamee uummatni Oromoo tokkummaadhaan FDG kanatti makamaa deemaa jira;  mootummaan Wayyaanee guyyaan itti hundeen buqqaatu dhiyaachun mirkana. Kana taasisuuf ammoo nuyi miseensotnii fi deeggartooni Qeerroo Bilisummaa dirqama olaanaa ofitti fudhatnee soho’uun nurraa eegama. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 29 2015

Jiraattota Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu fi Oromiyaa Biratti Irreessi Birraa Malkaa Sootii Guyyaa Boruu Kabajamuuf Jira.

Aside

Sadaasa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Mattuu

Oromoon Kaabaa biyyattiitii dhiibamee as deebi’e gabaroon oromduroo wajjin yeroo ilmaan maccaa sirna lafa babal’ifannaan dhiha Oromiyaa,kaabaafi kibba dhiha biyyattiitti qajeelan Ayyaantuun Oromoo isaan eebbise,Nama Abbaa Gadaa Nagawoo jedhamuunis deemiitii “lafa ilmaan Oromoo keenyaaf mijaataa ta’e ilaali” jedheeni

Abbaan Duulaa Sadoo(sirna?)Gadaas Dhidheessa cehee lafa mijataa jiruuf jireenna oromootiif aanjawaa ta’e ilaalee yeroo deebi’u,Oromooti manaafi lagaan dhidheessarratti adda ba’anii lsaan eegan abbaan duulaafi ayyaantuun oromoos namoota kanaan hanga ayyaantuun Oromoo “isin oofkalchuufi isinii tufutti waan tokkoon waaqi isin rifate jedheeni maali yeroo jedhaniin beeka godhadhaa garuu isinii hinbulin jedheen yeroo kana Ilmaan Tuulamaa fi Macca keessaa ofitti dabalee Tum’een waaqi dhiifama akka nuuf godhu fagaadheen jiraadhaa naaf eebbisi jedheeni

Qaalluun sadoo gadaas hooda ittiin bulan hooda Buuy’oo(buuyyoo)eebbiseefi hanga baaroo _akooboo siif eebbiseera jedhee geggeesse Tum’eenis gara iluu abbaa boor har’aatti godaanee babal’atee ilmaan hedduus godhatee jiraachaa har’a ga’e

Ilmaan Tumee
Salgan Iluu
Arfan Mattuu
Shanan Buunnoo
Shanan Hurrumuu
Ilmaan Tuulamaas aanaa bachoo har’aa irra babal’atanii maccaatuulamni irra jiraatu.Iluun Gootota bebbeekamoo akka Hiikaa Awwaajii
Fatansaa Iluu
Firrisaa Abbaa Waggaa

Hawwata tuurizimiif kan ooltu, Bosonni Yaayyuus keennaa uumamaa addaati.

Magariistummaa dachee keenyaatiif kan nu irraa adda ba’uu hin barbaanne bulchiinsi koloneeffattoota Kaabaa erga Oromiyaa cabsanii qabamuu Jimmaan dura hoggansa Raas Tasammaa Naaddootiin Gootichi Fatansaa Iluu erga ajjeefamee booda Oromoon Tummee Qaalluu Buuyyootiin,Oromoon Leeqaa immoo Qaalluu Hooda Duumessootiin buluun isaanii hafe. Akkaataan itti haasawu fi yaaduu dalagaa dalaguu illee habashoota taasisuuf waan dirqsiisaniif kunoo Iluun har’a illee garbummaa jibbisiisaa keessa dabartee godinicha keessatti Afaan Oromoo akka Afaan lammaffaatti dubbatamuuf deema. Bulchiinsi garboomfataa godinicha iddoo lamatti adda baasuuf kan haal duree xumureefi Godina Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa jedhamuuf akka jirus hubatneerra .Ammaan kana Malkaa Soor irra Kan jirru yeroo ta’u, Oromoon marti ba’e dargaggoofi barattooti kolleejjii barsiisotaa Mattuu,Barattoonni Yuunibarsiitii mattuu hawaasi bal’aan irratti argamuun walleelee warraaksaa dhageessisaa tikaa wayyaanee jabaa jalaa didee itti fufee jira

Gaaffii Mirgaa fi Mormii Maaster Plaaniin Finfinneen Wal Qabatee Godina Lixa Wallaggaa Aaanaa Jaarsoo Keessa Barattooti Oromoo 21 Hidhaman.

Aside

Sadaasa 28,2015 Jaarsoo
JaarsooGaaffii mirgaa fi diddaa Mormii master Pilaanii magaalaa Finfinnen  wal qabatee G/Wallaggaa  Aanaa Jaarsoo keessa bartonnii 21 ta’aan qabamanii manaa hiidhaa anaanichattii darbatamanii jiru. Barattootii fi jiraattoti naannichaa mana barnootaa dhaabuun dhadatnoolee adda addaa qabatanii gaaffi dimokiraasii fi mirga namoomaa irratti hundaayeen mormii sirna abbaa irraa Wayyaanee yeroo dhageessisanitti,loltooti mootummaa Wayyaanee heddumminaan naannciha qubachuu irraan kan ka’e barattootatti dhukaasuunii fi reebichaan naannicha irraa adda tamsa’anii yeroo yaalanitti gootonni barattooti Oromoo diddaa itti fufuun walleen warraaqsaan ABO fi WBO,Qeerroo faarsaa magaalichatti naannwaa akka turan gabaasi Qeerroo addeessa.
Haaluma kanaan qonnaan bultooti Oromoo   Gandaa Baaboo Garjoo fi Ganda Haro biruu jedhamu keessattiis FDG haalan jabbeessuun kaabinootaa fi dabballoota Wayyaanee naannoo isaanii irraa akka bahanii fi hidhatnoo isaanii hiikkatanii nagaan saba isaanii Oromoof akka qabsaawan akeekachiisanii jiraachuun beekame.

Qonnaan Bulaa, Guddaataa Dhuunfaa Jedhamu Wallagga, Laaloo Asabii Irraa Rasaasaa Loltoota Wayyaaneen Rukutame Mirga Sabummaaf Jedhcha Wareega Kafale.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 28,2015 Gimbii

Oromian resistanceOdeessa Qeerroo Wallagga lixaa Laaloo Asabii irraa FDG yeroo ammaa kana godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti finiinaa jiruun mootummaan wayyaanee humna waraana uummata nagaatti bobbaasuun rasaasaan reebuu jabeessaa jiruudha. Haatau male gaaffiin, dhaadannoowwan barattootaan, uummataan taasifamaa jiru godina Wallaggaa lixaa keessatti kan jabaatee itti fufeedha.

Sadaasa 28,2015 FDG Wallagga lixaa aanaa Laaloo Asabiiitti ka’een qonnaan bulaan tokko rasaasaan rukutame har’a buufata fayyaa magaalaa Gimbiitti addunyaa kana irraa godaanuu Qeerroon gabaasee jira.
Qonnaan bulaan kun Guddataa Dhuunfaa kan jedhamu gaaffii abbaa biyyummaa qabatee barattootaa fi uummata waliin dhaadannoo dhageesisaa osoo jiru waraana humna Agaaziin rasaasaan rukutamuun gara buufata fayyaa godina Wallaggaa lixaa Gimbiitti dabarfamuu Qeerroon gabaasee ture. Guyya har’aa qote bulaan kun hafuu akka hin dandeenye lubbuun boqochuu Qeerroon gabaasera. Akkasuma anaama kana keessatti kan gurri rasaasaan rukutamee irraa citee fi miidha gurguuddaan irra gahe akka jirus Qeerroon gabaasee jira. Dhimma kana ilaaluun odeessa dabalataan kan walitti deebinu yoommuu tahu FDG kan wal irraa hin cinneen itti fufe hanga galii isa gahutti kan dhaabbanne dhaadannoo fi sirboota qabsootiin wal deggeree jabeeffamee itti fufee jira.