Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti FDG Jabaachuun Magaala Irraa Gara Qonnaan Bultoota Baadiyaatti Cehaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jaarsoo Sadaasa 27,2015

Godina Wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti FDG haala jabaateen itti fufuun barattooti Oromoo aanichaa mormii master Plaanii Finfinnee fi gaaffii mirgaa Oromoo walii galaaf jecha diddaa sirnichaa jabeessanii jiru. Haala kanaan barattooti Oromoo hedduun waraana Agaazii Wayyaaneen sababaa qabamanii hidhamanii fi haala sochii mirgaa irraan kan ka’e uummati naannichaa fi qonnaan bultooti diddaa jabeessanii hanga yeroo ammaatti dabbaloootaa fi milishoota naannoo aanotaa fi gadoota hunda keessaa arihanii uummatichi ofiin of bulchuu filataa akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

FDG Wallaggaa Lixaa A/Laaloo Asabiitti Dhoween Dargaggootni Oromoo Lama Rasaasaan Rukutaman‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Laaloo Assaabii Sadaasa 27,2015

Qeerroo KaiDiddaan mormii maaster pilaanii Shaggar Lixaatti eegale Wallaggattis qaari’e ammalle ni jabaate wayyaaneen lafa lixxu dhabde waraana uummatra nagaatti bobbaasuun dhukaasa banaa jirti. Gabaasa amma lixa Wallaggaa irraa sochiin Qeerroo akka gabaasetti  har’a lixa Wallaggaa Aanaa hundatti FDG qabatee jira.Addatti FDGn harka qullaa har’a magaala Laaloo Asabiitti ka’een meeshaan uummata irratti dhuka’us uummanni barattootni sodaa tokko malee dura dhabbachun falmii hedduu dhageesisaa dhaadannoos olkaasuun
-Master Pilani ni mormina
-Wayyaaneen nun bittu
-Mirgi uummata keenya haa kabajamu
-Saamichi lafaa haa dhabbatu Jechuun FDG itti qabsiisuun waraanni wayyaanee magaalicha buufatee jiru dhukaasa baneen namootni lama mada’anii hospitaala seenuun gabaasaa jiru.Uummanni hidhaatti guuramaa jira. Kunis FDG qabbaneesse osoo hin taane haala raajeffachiisaadhaan ittuma fufanii jiru.
Rasaasan kan mada’an keessaa Gammachuu Dabalaa barataa yoommuu tahu kan biraa yeroodhaaf maqaan isaa waan nun gahiniif itti deebinee
gabaasa goona.

Goototi Barattooti Oromoo Mana Barnootaa Qophaa’ina Naqamtee Ittisa Humna Tika Wayyaanee Cabsuun Guyyaa Har’aa Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Bahan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamtee Sasaasa 27,2015

IMG_20151127_065121Manni barumsaa Daaloo Sadarkaa duraa barnoota cufanii wayita geggeessaman,qophaa’iinni immo barattooti dareedhaa kaasanii guutuu magaalaa Naqamtee keessatti FDG itti fufanii jiru.

Wayita barattoonni FDG dhageessisan kanatti poolisoonni Oromiyaa suuta jedhanii ilaalaa kan turan yeroo ta’u, boodarran humni kora bittinneessa deeppoo bakka kuusaa peetiriyooliyeemii jiraatan konkolaataadhaan itti fe’amaa turan,haala kana hunda mo’achuun gootonni barattooti Oromoo diddaa isaanii argisiisaa fincila diddaa gabrummaa itti fufaa hiriira bahanii jiru.
Dhaadannoon isaanii
1 .Finfinnee handhuura Abbaa keenyaa murree hin kenninu

2. Ijaarsi marfata konkolaataa bifa Jawween ijaarame”jawween naqamterraa haa ka’u”

3. Uummati Oromoo mana hidhaati haa lakkifamu

4 .Saamichi lafaa hadhaabbatu

5. ABOn abdii fi irree uummata Oromooti.
6. .Hoji dhabdummaan haa furamu
7 .Lammiilee FDG irratti ajjefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatuJechaa kan turan yeroo ta’u,
Barattoonni kun karaa nagaa dhaadhannoo isaanii hanga sa’a gabaasaa kanaatti dhageessisaa jiru

Gumiin Aadaa fi Dagaagina Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa Gutummaatti Cufame.

Aside

Sadaasa 27,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

IMG_20150503_021619Qeerroon yuunibarsiitichaa ka Caffee godina Oromiyaa keessa tokko bakka bu’uun tajaajilaa ture akka jedhetti Sanbataduraa boriitti sagantaa simannaa barattoota yuuni barsiiyichaaf qopheessan akka dhaabbatu ta’uusaa himeera. Dargaggoon kun akka jedhetti Waajjira Itti aanaa Yuunibarsiitii Wallaggaa wayita dhaqnee eyyama gaafannetti guyyaa duraa eyyama erga argannee booda,Baankota fi abbootii qabeenyaa akkasumas namoota guddina aadaafi Seenaa uummata Oromoo barbaadan Ispoonsara gaafanne namoota fi dhaabbilee heddurraas deeggarsa arganne.

Deeggarsa argame kanaanis,mana nyaataa dhuunfaa tokko deemnee  qarshii kuma kudhaniin nyaataa Aadaa Oromiyaa guutuu akkasumas meeshaalee Aadaa fi Seenaa ,uffata dabalatee waan uummata keenya ibsu mara qopheessinee turre.

Artiistota muraasa,Barsiisota aartii Afaan Oromoo fi barsiisota Afaan oromoo,Abbaa Gadaa Maccaa Duraanii Ilma Gooticha Dhugumaa Jaldeessoo Abbaa Gadaa Maccaa Obbo Dooris Dhugumaa, jaarsolii biyyaa dabalatee affeeramanii turan.Haata’u malee, Dr Hasan Waajjira biiroo itti aanaa Yuunibarsiitii Wallaggaa “isin Jaarsolii fi Qeerroo ABO nurratti sirbisiisuufi akkuma 2014 Fincila qopheessuuf waan deemtaniif,ammaa kaasee Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti GADOn kan hin jirre ta’uu beekuu qabdu jechuun dhangaa uummati Oromoo ittin wal arguuf,walbaruuf saganteeffame kana busheesse

Caffeen GADO Yuunibarsiitii wallaggaas, kanaan booda waa’ee guddina aadaa fi seenaa uummata keenyaa waadaa fuunee hojiitti seenne humni mootummaa fi ergamtooti diinaa hojii waan nudhorkaniif
1 Barattooti fi Uummati gaaffii abbaa biyyummaatti dabalee akka falmaa godhu
2 Dhangaa hawaasa keenya tortortuu OPDOtiin alaa’e kana Yuunibarsiitiin wallaggaa itti gaafatama fudhatee akka qabeenya bade nuuf deebisu
3 Yuunivarsiitichi jala deemtota maqaa Oromootiin daldalan ijaaruu waan maluuf ijaarsa gama moorichaan geggeeffamu akka hin fudhanne

FDG Wallagga Lixaa Laaloo Asabiitti Ka’een Kora Bittinneessaa Federaala Irraa Ergame Irratti Tarkaanfii Jabaan Fudhatame, Barattootni Lamas Madoo Ta’an‏

Aside

Gabaasa Qeerrooo Sadaasa 27,2015
diddaa9FDGn wallagga keessatti sadaasa 27/2015 kaasee haala wal irraa hin cinneen gaggeeffamaa jiru oromoon dachee irra jiru quba qaba.FDG har’a wallagga Lixaa aana Laaloo Asabitti dhoween uummata, barataa, hojjetoota mootummaa garagaraa kanneen gaaffii uummataa deggeran, poolisoota oromiyaa kanneen uummataaf naatoo qaban waliin diddaa jabaan sa’a 4-6 keessatti gaggeeffameen dhukaasni uummata irratti dhuka’e. Barattootni lama
1.Guddataa Dhuunfaa kan jedhamu rasaasaan miilli rukutame
2.Gammachu Dabalaa kan jedhamus rasaaraan rukutame lachuu buufataa fayyaa kan jiran yoommu tahu
Humni hin beekamne uummata keessa goreen kora bittinneessaa wayyaanee lama irratti tarkaanfii fudhateen hojiin ala taasisee jira. Reebichi hamaan humna wal qindeesse uummata keessaa ijaarameen tarkaanfii boonsaa fudhatee hojii boonsaan hojjetamuu gaaffii fi dhaadannoon uummataa haamilee jabaa kan dargaggootaa fi jaarsolii xiqqaa fi guddaa osoo hin jannee hirmaachiseen oolee jira.
Ammaa jabaatee fufaa jira.