Barattooti Oromoo FDG Oromiyaa Keessatti Eegalan Sadaasa , 2015

Aside

Breaking News : Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Adda Ata’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo

ambo

Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.

Guyyaa har’a ganama sa”aa 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!

Barreessaan Kitaaba UDDEELLAA Kan Ta’e Dargaggoo Galataa Caalaa Baayyisaa Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Ganjii

GalataaGodina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii irraa barreessaan kitaaba UDDEELLAA, kan ta’e Galataa Caalaa Baayisaa jedhamu tika Wayyaaneen qabamee bakka buuteen isaa dhabamee jira. sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 magaala Ganjiitii qabamee waajira poolisii aanichaatti geeffamee ergasii dhabamuu Qeerroon gabaasee jira. Barataa leenjii barsiisota Naqamtee waggaa 3ffaa yoommuu tahu kitaaba Uddeellaa mata
duree jedhu barreessuu fi gabaa irra kan jiruu dha. Ilaalcha siyaasaan wal qabsiisuudhaan waajjjira poolisii godina wallagga lixaa aanaa Ganjiitti namni isa waliin harka diinaa gale Obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaaliny Bantii Baayisaa kan jedhamu yeroo ammaa kana Oromoonni kun bakka buuteen isaaniii dhabamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Wayyaaneen yeroo ammaa ilmaanOoromoo sabboonumma qaban yakka malee hidhatti guuraa jira. Maqaa sodaa ijaarsa uummataa mootummaa irratti jedhuun dargaggoota oromoo sabboonoo tahan irratti wayyaaneen xiyyeeffannoo gattee doorsisaa fi hidhaatti naqaa akka jirtu gabaasni Qeerroon oromiyaa bakka garagaraa irraa addeessee jira.

Uddeellaa