Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inan qabsiifame daran jabaachuun itti fufe, Manni Barumsaa Giinciis yeroof Adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabuun Cufame jira.‏

Aside

 Sadaasaa 21,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi
Qophaa’inan qabsiifame daran jabaachuun itti fufe, Manni Barumsaa Giinciis yeroof Adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabuun Cufame jira.
Goototni barattootni Oromoo Magaalaa Giincii Yaadannoo sadaasa 9/2005 waggaa 10ffaa sababeeffachuun hanga yoomiitti waraanaan
eegamaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi biyyarraa buqqifama jiranna jechuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa bulchiinsa mana barumsaa Giincii
sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti dhiyeeffachuun FDG kaachisan gaaffiin barattoota Oromoo kunis:
1. Maqaa Master plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa jedhuun karoorri duguuginsa sanyii fi uummata oromoo abbummaa q’ee fi biyyaa
dhabsiisuuf caffee mootummaa naannoo Oromiyaa kan uummata oromoo bakka hin buuneen raggasifame kun guutummatti haqamuu qaba, uummata keenyaa kan midhuu fi karoora badii balleessiidha malee hin fayyaduu waan ta’eef haqamuu qaba. Caffeen karoora kana mirkaneessee seeraatti dhiyaachuu qaba.
2.Ajjeechaa jumlaa bara 2014 sababii mormii Master Plan Finfinnee fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyaateef ilmaan Oromoo
qaroo daa’imaa hanga manguddootti Mootummaan EPRDF fudhateef itti gaafatamuu qaba, kanneen du’aniif beenyaan haa kanfalamu, kanneen
hidhaman haa hiikamuu qabu.
3. Gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa yeroo irraa gara yerootti gaafatamuuf mootummaan EPRDF deebii nu dhorkatee jiruuf deebiin nuuf
haa kennamu.
4. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF yeroo irraa gara yerootti barattoota Oromoo fi ilmaan Oromoo qaroo uummataa ta’an dhukaasee
ajjeesa ture, keessattuu bara 2005 fi bara 2014 ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti karaa nagaa gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa humna
waraana Agaazii n irratti bobbaasuun uummata civil ii irratti waraana banee lubbuun ilmaan Oromoo baroota kana gidduutti bahee kumaan
lakkaa’uuf mootummaan kun itti nuuf gaafatamuu qaba.
5. ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamanii hidhaatti ukkaanfaman gaaffii tokko malee gadhiifamuu qabu.
7.Saamichi qabeenyaa uumamaa fi qabeenyaa uumamaa kanneen akka Bosonaa Godina keenyaa Aanaa Dandii keessa Bosonni ciramee badaa kan jiruu harka mootummaa kanaatiin maqaa investmentii jedhuun ta’uun mirkanadha, manca’insa bosonaa fi saamichaa qabeenyaa uumamaa
gaggeeffamaa jiruuf mootummaan itti nuuf haa gaafatamu.
8. Uummatni Oromoo biyyatti keessatti akka baay’ina isaatti akka baldhina lafa isaatti qoodannaan aangoo siyaasaa inni qabu hin jiruu
yoo jiraatees kan hin madaallee fi saalfachiisa waan ta’eef qoodannaan aangoo siyaasaa uummata keenya bakka hin buune hin fudhannu, kanaafuu
Oromoon mootummaa akka hin qabne hubachuun mootummaan mirga uummata keenyaa kabachiisuu nuuf kabachiisuu ni hundeeffanna!!
9. Mirgootni dimookiraasii fi namoommaa nuuf kabajamuu qaba, maqaa filannoo dimookiraasii sobaan aangoo irra turuun hin danda’amu,ololaa
filannoo sobaa hin fudhannuu, sagaleen uummata keenyaa humna waraanaan waan ukkaanfamee jiruuf filmaata kijibaa 2015 darbee irratti uummaatni keenya wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO hin filanne, afaan qawween sagaleen keenya ukkaanfame, kanaafuu dimookiraasiin sobaa fi filanoon itti fakkessii wayyaanotaa haqamuu qaba. kanneen jedhanii fi dhaadannoolee gaaffiiwwaan armaan olitti eeraman jabeessan sagalee guddaan dhageesisuun daandii konkolaataa Finfinnee gara Ambootti geessuu cufuun hiriira mormii guddaa gaggeessuun dhumarratti humna waraanaa fi poolisii kora bittinneessa jedhamuun kan bittinneeffaman yoo ta’uu hiriira mormii barattoota kanatti uummatni magaalaa Giincii kan itti makaman ta’uun hubatame jira, guyyaa har’aas mormiin kun ittuma fufaawayita jirutti mootummaan wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun magaalaa Giincii gooluu irratti argama, taajajilli ibsaa fi network guyyoota laman kana guutuuf magaalaa gincii irraa balleeffamani jiru. sochiin
uummataa fi barattoota ittifufee jira.

Jiraattootni fi Dargaggootni Burraayyuu Namni 7 Humna Wayyaaneen Ukkaamfaman‏

Aside

Gabaasa Qeerroo godina addaa Oromiyaa Burrayyuu irraa, Sadaasa 21,2015 

Because I am OromoWayyaaneen wayita kana kaayyoo isaa Maaster Pilaanii dura ijoollee oromoo dhaabbataniif shakkii kan qabu godinaalee addaa keessatti dargaggoota oromoo doorsisuu fi hidhuutti fuullefatee ka’ee jira. Uummanni jiraattotni naannoo godina addaa oromiyaa fi magaalota oromoiyaa keessaa saamicha lafa oromoo fi mormii maaster pilaanii dura dhaabbachuuf waamicha FDG dabarsaa jiran mootummaan wayyaanee dursee waan hubateef ijoollee oromoo sabboonummaa qaban fi adda durummmaadhaan namoota 7 ukkaamsuudhaan bakka buuteen isaanii dhabamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma godinaalee addaa Sulultaa, Laga xaafoo, Sabbataa keessatti kora bittinneessan wayyaanee ramadamee akka sababni isaas mormiim waan MP waan jabaataa jiruuf ijoollee barattoota qabuu, uummata nagas qabuun hidhuu irratti wayyaaneen argamtee jirti. Yeroodhaaf kan nu geenye maqaan namoota 7 magaala Burayyuu irraa ukkaamfaman biroo ni baha.

Guyyaan Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa Golee Oromiyaa Hundaa Keessatti Qabsaa’ota, Qeerroo Dargaggoota Barattoota Oromoo fi Sabboontota Oromoon Haalan Kabajamuun Walqabatee Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa Oromiyaa Irra Qubsiisa Jira.

Aside

waagga 1offaa FDGGuyyaan Yaadannoo FDG  sadaasa 9,2005 Bifa hedduu howwaa ta’een Goototni Qeerroon dargaggootni  Barattoota Oromoo, sabboontoota uummataa Oromoo fi qabsaa’ota Bilisummaa Oromootiin kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti haala ho’aa ta’een Sadaasa 08/2015 jalbultii isaa irraa eegaluun kabajamuu kan eegalee Sadaasa 9/2015 sabboontootni Uummatni Oromoo, Qeerroowwaan dargaggootni barattootni Oromoo fi qabsaa’otni Oromoo barii lafaa irraa eegaluun dungoo Diimaa Magariisaa Diimaa halluu Alaabaa ABO qabu qabsiifachuun ilmaan Oromoo Sadaasa 9/2015 Qabsoo FDG irratti wareegamaniif yaadannoo gaddaa  daqiiqaa muraasaa erga taasisaanii booda, guyyaa guutuu hojjetaan hojii dhaabuun, barattoonni barnoota dhaabuun, daldalaa fi sabboontootni uummatni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoof falmachaa jiranii fi deeggaraa jiraan hunduu hojii idilee isaanii dhaabuun kayyoo ilmaan Oromoo goototni keenya irratti wareegamaan galmaan ga’uu qabna irree keenyaa caalatti jabeeffachuun yeroon gamtaan dirree qabsootti seenee falmannuu amma jechuun bakkoota hedduutti toftaalee fi Maloota Qabsoo Warraaqsaa FDG itti finiinsuun barbaachisuu irratti marii baldhaa gaggeeffachaa kan olaanii fi Irbuu qabsoo bilisummaa Oromoof qaban irraa deebi’uun waliif haaromsuun, Suuraawwaan Gootota qabsoo FDG irratti wareegaman illee akka kennaatti waliif kennaa kan oolanii fi Suuraawwaan kunis  uummataa Oromoo hundaaf itti fufinsaan akka raabsamuu fi Yaadannoon FDG Sadaasa 9/2005 Itti fufinsaan Godinaalee Oromiyaa Cufaa irratti Sadaasa 9/2015 irraa eegaluun torbee tokko Oliif Iyyuu itti fufinsaan akka yaadatamuu fi Maarii fi tooftaa sochii warraaqsaa FDG fulduratti itti jirruu irratti akka itti fufinsaan marii’atamuu Qeerroon bilisummaa Oromoo murtii guyyaa kana ilaalchisuun dabarseen hubachiise jira.waggaa 10ffaa FDG

Haaluma walfakkatuun guyyaan Seena qabeessi Sadasa 9,2005 kun Godinaalee Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Yuunibarsiitii Amboo,  Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa, Godinaa Bahaa wallaggaa Neqamtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa, Godina Dhihaa Wallaggaa Gimbii, Godina Qeellam Wallaggaa Dambii Doolloo, Godina Iluu Abbaa Booraa Mattuu fi Baddallee, Godina Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa, Godina Kibba Lixa Oromiyaa Walisoo , Magaalaa Gudditti Oromiyaa Finfinnee Fi Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee, Godina Bahaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Adaamaa fi Adaamaa, Yuunibarsiitii Dirree Dawaa, Yuunibarsiitii Harammayyaa, Yuunibarsii Hawaasaa, Yuunibarsiitii Arbaa Minchii, Yuunibarsiitii Bulee Horaa Yuunibarsiitii Maddaa Walaabuu , Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa,Mattuu, Neqamtee fi  Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa  Oromiyaa garaagaraa fi sabboontoota uummataa Oromoo hedduun haalaan kabajamee fi itti fufinsaan Kabajamaa Jiraachuu Maddeen keenya dirqama kana rawwachiisuuf socho’an Gabaasaa walfakkaataa kallattii hundaa irraa nuuf ergaa jiran irra kan dhiyeessinedha.Sadaasa 9