(Qeerroo, Giddaa Ayyaanaa, 19 Sadaasa 2015) Qeerroon Barattootaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa rakkoo bulchiinsa gaarii, Hoji dhabdummaa, fi Saamicha mootummaa mormuun hiriira adeemsisan.

Hiriira kana irratti Mormii maaster pilaanii irratti qabanis dhageessifatanii jiru.
Keessayyuu, adamoo eenyummaa Oromoo irratti adeemsidamu kamuu dura dhaabbanna jedhanii jiru.
Hiriira mormii adeemsisan kana irratti mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo akak bakka hin buune ifatti dubbachuun ejjannoo qaban mul’isanii jiru.
Hiriirri kun gaafa 16/11/2015 kan geggeeffame yeroo ta’u, hanga ammaas barnooti dhaabbatee akka jiru beekameera.
Hiriira mormii kanatti kan rifate wayyaaneen barattooti, hawaasillee magaalattii keessatti korfaayee akka hin deemne humna poolisiin eegamaa jira.
Hiriira kana irratti sagaleen akkana jedhu dhageessifamaa ture.
Giddaa gidduu namaa
Gaafa dhiphuu namaa
Injifañnoon keenya
Hajabaannu barana!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk