SBO Sadaasa 15,2015. Oduu, Qophilee Garagaraa Sadaasa 9 Guyyaa FDG Waggaa 10ffaa Isaa Irratti Akkasumas Qophii Hirira Mormii Lammilee Oromoo Biyya Jarman Jiran Bahan Irratti Kan Fulleeffatu.

Aside

Sirni Wayyaanee Barattoota lama barumsa dhorke; 19 akeekkachiise.

Aside

(QEERROO, NAQAMTEE, 14 Sadaasa 2015) Barattooti Oromoo 19 Yuunibarsiitii wallaggaa irraa akeekkachiisaman; lama immoo ari’aman.

Qubsuma, beekumsaa, buufataa fi dawoo ogummaa ilmaan Oromoo ta’aa kan jirtu Yuunibarsiitiin wallaggaa, barattoota Oromoof ardaa rakkinaa ta’aa jira.

Akka kanaa guyyaa FDG gootota wareegamanii yaadachuu isaaniitiif, barattooti lama barumsa irraa aryataman. Isaanis,
1. Barataa Waaktolee Raggaasaa Gamteessaa barataa Joornaalizimii waggaa Sadaffaa

Ababaawu Kabbadaa barataa Veterinary Laaboraatoorii Waggaa Sadaffaa

Ababaawu Kabbadaa barataa Veterinary Laaboraatoorii Waggaa Sadaffaa

2.  Ababaawu Kabbadaa barataa Veterinary Laaboraatoorii Waggaa Sadaffaa akka taán beekameera.

Kana malees, Barattooti accounting Waggaa lammaffaa baratan 19 irratti akeekachiifni kenname.

Barattoota 19n akeekkachiisi itti kenname keessa muraasi
Barattuu Iftuu Margaa
1.  Barataa Caalaa Tarfaa
2. Barataa  Caalaa Baqqalaa
3. Barataa Dachaasaa Biddiiqaa
4. BArataa Kennawaaq
5, Barataa Caalaa Dhugumaa akka taán beekameera.

Yeroo ammaas barattooti hedduun diddaa isanii itti fufanii akka jiran beekameera.