Irreessa Hora Adiyyoo Naqamteetti Kabajame

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 12 Sadaasa 2015) Irreessi guddichi  Oromiyaa dhiya Naqamtetti  haala ajaa’ibaa ta’een  kabajame.

FB_IMG_1447282786987Sirna kabaja ayyaana Irreechaa kana irratti sirni garboomfattuu ilmaan Tigiraay fuuldura goruuf humna darbatamaa, basaastuu fi tikeen lukkuuleen diinaa itti bobbaanii turan; garuu jabinaa fi kutannoo dhaloota Qubee  dhorkuu hin dandeenye!

Qeerroon Oromiyaa dhiha Naqamtetti walga’e barattoota yuunibarsiitii wallaggaa, barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa,hojjettoota daldaltooti utuu hin hafi ba’uun walleelee warraaksaa dhageessisuun kabajan.

Wallee warraaqsaa ayyaana kana irratti dhageessifamaa turan keessaa:

FB_IMG_1447282733579Baala adaami shakoo yasariitii
Maanan waamin lafo gaafa xiiqii
Finfinnee ciifti dachaatee
Maqalee itti fakkaatee
Buraayyuuf…iyyuutti kaate
Hoo korma guduruu
Oromoon lafa hin gurguruu
Kashakkashee lolaa
Goonni yoonallee
Hee sayyoo aadaan
Badde galte
Eegee fardaaa
Waaqeffatna kana qabnaa ….jechaa turan.

Mootummaan wayyaanee Tigiraay humna tikaan ayyaanicha dhaabuuf yaakltu ilee itti hin milkaaíin jirti.

Akkuma beekamu oromoon aadaa  irreessaa lama qaba:  innis Irreessa Birraa fi arfaasaati.
Yeroon kun wayita birraa akkuma ta’e oromoon Hora birraa malkaatti,kan arfaasaa immoo tulluutti ba’ee waaqayyoon galateeffata.

Simbirtuu: oduu fi qophii IMALAA. TBDU (PAFD) irratti yaada Dr. Ibrahim Elemoo qaba.

Aside