Aside

ABO

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname)

Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru. Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Sadaasa 2015

Wallee Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) ABO Waliin Qabsaawaa Jirtu Sababaa Jedhuun Baatii 5 Oliif Mana Hidhaa Ma’ikalaawwiitti Erga Dararaa Baheen Booda Himata Irratti Bane.

Aside

Sadaasa 5,2015 Finfinnee

Because I am OromoMootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Dargaggoota Oromoo Afur(4) irratti yakka sobaa qindeeffachuun baatii 5 oliif erga mana hidhaa Maa’ikallaawwiiti dararaa turee booda yajkka miseensummaa ABOn  himata irratti banee jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee ta’e jedhe miidhaa uummata Oromoo irraan gahu  jabeessuun kan itti fufe jiru, Dargaggoota Oromoo afur (4) Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo irra balleessa tokko malee humna qawween ukkamsee mana hidhaa Maa’ikalawwiitti ji’oota shanii oliif erga daraaraa qaamaa fi qorqalbii irratti rawwachaa ture, booda Dheengadda kana immoo isin FDG bara 2014 keessatti warraa qa’ee guddaa qabudha, Ergama guddaa ABO irra fudhachuun socho’aa jirtu, jedhee mana murtiitti dhiheessee jira.

Dargaaggootni barattootni Oromoo kun Oromoo ta’uu fi Oromummaa qofaan yakka diinummaa fi sanyummaan guutameen himatamaan kun:

1ffaa Barataa Urgeessaa Dammanaa barataa Yuunibarsiitii Rift Valley kan ture
2ffaa Barataa Qajeelaa Galaanaa
3ffaa Barataa Sabakebar Baqalee fi
4ffaa barataa Abdataa Olaansaa kanneen jedhaman irratti yakki sobaa qindeeffamuun abbaa irree Wayyaaneetiin himanni sobaa maqaa ergama ABO fudhachuun uummata mootummaa irratti ijaaruun biyyaa keessatti FDG narratti gaggeessitan, qabeenyaa barbadeesitan, lubbuu dabballoota koo galaafattan jechuun himannaa sobaan guutameen himatamuun dargaggoota  Oromoo kun jibbinsa sanyii irratti hunda’ee dha.
Dargaggoota kanneen keessa Dargaggoo Urgeessaa Dammanaa yeroo garaagaraatti daa’imummaa isaa irraa eegalee Oromummaan yakkamee hidhamaa fi himatamaa kan ture bara darbee 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi gaaffii mormii Master Plan Finfinnee mormuu keessatti ga’ee guddaa qabada jechuun erga hodoofee humna waraanaan ukkamsuun hidhaatti darbatee booda mana hidhaa keessa kaa’ee yakka irraa
dhabnaan mirga wabii qarshii 200,000 dhiyeeffadhu jechuun karaa dalgaan illee horii nyaachuuf karoorfatee, itti milkaa’uu waan dadhabeef yakka sobaa kana qindeeffachuun dargaggoota Oromoo 4’n kana irratti himanna kan bane ta’uu ni hubachiifna. Mootummaan Wayyaanee yakka magaalaa Amboo fi Oromiyaa bakkoota garaagaraatti rawwachaa tureef itti gaafatamuu fi seeratti dhiyaachuun utuu isarra jiruu yakka ofii dalageen dargaggoota Oromoo qaroo hidhatti guuree yakka kan jiru ta’uun beekamadha. Adeemsii wayyaaneen jibbinsa sanyummaan guutameen ilmaan Oromoo irratti dalaguu fi himannaa sobaa dargaggoota Oromoo irratti dhiyaachaa jiru kun kan uummata Oromoo gara qabsoo fi fincilatti galchuu waan ta’eef ilmaan Oromoo keessaa fi duubaan harka walqabannee addunyaa biyya lafaa kanarratti iyyachuu fi mirga keenyaaf falmachuu jabeessinee itti fufu qabna, ilmaan Oromoo yakka sobaan hidhaman kunneenii fi kanneen mana hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti Oromummaan yakkamanii hidhamanii dararamaa jiran haalduree tokko malee akka hiikaman gadi jabeessinee gaafatna jechuun Qeerroon bilisummaa Oromoo uummataa Oromoo hundaaf waamichaa fi dhaamsa dabarsuu itti fufe jira.

SBS: [Amharic] Interview with ABO/OLF’s Ob. Toleeraa Adabaa on the Formation of the Genuinely-Multinational Alliance, PAFD

Aside

https://youtu.be/i_VmLlRfsAU