Wallee Warraaqsaa Haaraa, Hirphaa Fayyee

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniverstii Walqixxee Leenjii Siyaasa Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Walqixxee,Onkoloolessa 09,2015

IMG_20151002_170501Gabaasaan Qeerroo Yuunivarsiitii Walqixxee akka ibsutti barattooti sabboontota Oromoo Yuunivarsiitichaa,bifa lamaan mormii bulchiinsa Yuunivarsiitii Walqixxee irratti qabsoo diddaa maqaa leenjii jedhuun duula daguuggaa sanyii Wayyaaneen deemsisftu fi maqaa maasterpilaanii Finfinnee tiin geggeessu irratti barattoota Oromoo amansiisuu fi maqaa Itoophiyaa ijaaruu jedhuun sochii Wayyaaneen taasisu dura dhaabbachuun barattooti Oromoo fi sablammooti kaan diddaa isaanii sagalee jabaan dhageessisaa oolan.

Leenjiin kun guyyaa afurii hanga Onkoloolessa 08, 2015tti kan itti fufu yeroo ta’u,barattooti Oromoo qabsoo sabboonummaa bifa lamaan adeemsisaa jiru kan jedhame, tokkoffaan barattooti keenya gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo gaafataniifi

  1. Maasterpilaanii fi walitti makiinsi magaalota Oromiyaa akka haqamuuf uummata keessaa baaneef gaaffi kana eessattuu,yoomiyyuu  jabeessinee gaafanna.
  2. Yuunibarsiitii Walqixxee irraa bara barnoota 2014 irreessa arfaasaa waan irreeffataniif qofa barattooti Oromoo 12 ari’aman jibbiinsa sabummaan waan arii’amaniif haalduree tokko malee gara barnoota isaaniitti akka deebi’an cimsinee hubachiifna.
  3. Abbaan biyyummaa uummata Oromoo magaalaa Walqixxee, gubuuree akka eegamu ni gaafanna fakkeenyaaf lafti Walqixxee dirree Oromoo fi moggaasa Oromoo ta’ullee uummati Oromoo magaalicha keessa jiraatu akka sabaatti ilaalamuu dhabuun mirga namoomaa keenya kan tuquu fi gubuuree jechuun mataan isaatuu gubuu jecha jedhu fi dirree Oromoo ta’uun utuu beekamuu imaammata TPLF ittiin nudhiituu fi saboota biroon walitti nubuusuuf saganteesse waan ta’eef, saboonni bakkicharra jiraatan akka sabaatti uummata keenya akka kabajanii jaalalaan wajjin jiraataniifi hubannoon kennamuufi qabu jabeessinee gaafanna fi gaaffilee hedduu gaafataa kan turan yeroo ta’u Qeerroon gabaasa.

Tooftaan lammataa immoo walga’ii isaanii barattooti Oromoon hanga guyyaa har’aatti lagatanii turan haata’u malee bulchiinsi Yuunivarsiitii walqixxee maqaa barattoota Oromoo walga’ii hirmaachaa hin jirree maxxansuun,maaliif akka leenjii irraa haftan nutti himaa wayita jedhetti barattooti Oromoo ta’e jedhee mootummaan TPLF  uummata keenya bahaa Oromiyaa irra jiraatan mootummaa naannoo sumaalee liyyuu hayil jedhamu hidhachiisuun fixaa kan jiru yeroo ta’u,bulchiinsi naannoo Oromiyaa immoo ilmaan guddifachaatiin waan bakka bu’amneefi mootummaa akka naannoottillee saba keenyaaf quuqamu waan dhabneef uummata keenya dhumaa jiruuf gadda lammummaa keenyaa nutti dhaga’ameef leenjii dhiisiitii barnootayyuu hordofuuf nutti ulfaateera jechuun leenjicha lagachuu isaanii gabaasaan Qeerroo yuunivarsiitii walqixxee irraa nuqaqqabe hubachiiseera.

Paarlaamaan OPDO Murtii Maaster Plaanii Finfinnee Ifatti Mirkaneesse./Sagalee Qeerroo Bilisummaa Onkoloolessa 6,2015,Qophii Adda Addaa

Aside

SBO Onkolooleessa 07, 2015. Oduu, Ayyaana Irreechaa Horaharsadee Kan Bara 2015 Ilaalchisee Gabaasaa Addaa fi Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

“Hujummoo Isa Diimaaa – Yaa Wayyaanee” Dargaggoota Oromoo Irreecha Bishooftuu 2015

Aside

“ABO-WBO Koo Narra Hin Gortuu” Irreessa 2015 Bishooftuu.

Aside

Goota Meeqa dhabne, Caccabee Lafeenii,Ittuma Fufa Hin Hafu Qabsooni!!- Qeerroo Bilisummaa Irreessa Bishooftuu 2015

Aside

“ABOn Finfinnee Galee” Irreessa Bisooftuu 2015,Diddaa Qeerroo Bilisummaa

Aside

“ABO-WBO Nuu Wayya Nuufoo” Diddaa Qeerroo Bilisummaa fi Irreecha Bishooftuu 2015

Aside

Onkolooleessa 4,2015 Ayyaanni Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadeetti Uummataa Oromoo Miliyoonotaan irratti Argamuun Kabajate Diddaa Sirna Abbaa Irree Wayyaaneef Qabu Dhageesisuun Dirree Qabsoo Bilisummaa Fakkeessuun ABO FI Qabsoo BILISUMMAA OROMOO Leellifachuun Kabajatan!!‏

Aside

Hora

Onkolooleessa 4,2015 Ayyaanni Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadeetti Uummataa Oromoo Miliyoona guddaan kan irratti argamuun kan kabajamee fi Addaatti Uummatni Oromoo Sagalee diddaa guddaa Sirna Abbaa Irree Wayyaaneef qabu dhageesisuun Dirree qabsoo bilisummaa fakkeessuun ABO FI QABSOO BILISUMMAA OROMOO Leellifachuun kabajatan!!
Uummatni Oromoo ulee garbummaaf harka hin kennine Ayyaana Irreechaa kana irratti Miliyoonota hedduun walitti dhufuun Wayita Ayyaana Irreechaa kabajachuuf socho’anitti Shirrii ulfaataan aayyanaa Irreechaa ugguruuf mootummaan Wayyaanee dalaguus tokkummaa fi gootummaan dura dhaabbachuun akeekaa fi kaayyoo mootummaan wayyaanee cabsuun Ayyaanni irreechaa dirree qabsoo fakkachuun kan durii irraa bifa qindaa’ee fi tokkummaa fi jaalala guddaa qabuu fi mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qaban ifatti calaqisiisuun uummatni Oromoo Ayyaana Irreechaa Kabajachuu danda’ee jira. Labsiin Caffeen mootummaa OPDO fi Wayyaanee waliin ta’uun ‘’ Maqaa Master planii Finfinnee fi Magaalotaa oromiyaa irratti raggaasifamee uummata oromoo miliyoona guddaa guyyaa kana Ayyaana irreecha irratti argamaniin ifatti balaaleffatamuu eegalee jira, uummatni keenyaa Qabsoo hadhawaa gochuun labsii kana fashaleessuun mirga isaa kabachiifachuuf murtii dabarfate jira.

Ayyaanni irreecha baranaa kan hawwannaa fi simannaa uummata Oromoo hundaa argate kun Seenaa Oromoo keessatti isa jalqabaa fi isa qaroomina Aadunyaa keessatti bakka guddaatti galmeeffamuu qabu ta’uu uummatichi miliyoonaa hedduun ba’ee kabajatee sagalee isaan
mirkaneessuu irra darbee Uummata bilisummaa dhabee bilisummaa barbaaduu fi uummata yoom iyyuu abbootii irreef harka hin kenninee, Uummata dhaaba isaa tokkicha ABO waliin qabsoo bilisummaatti jiruu ta’uu ifaan ifatti bakka aangawootni fi loltootni mootummaa abbaa irree wayyaanee jiranitti ifatti ABO waliin jiraachuu fi uummataa qabsootti jiruu, uummata mootummaa mataa isaa barbaaduu fi uummataa sirna bittaaf harka kennaa hin jirre ta’uu mirkaneesse jira.

Ayyaa Irreecha guyyaa kaleessaa hora Arsadeetti kanbajame kana irratti uummatni Oromoo gamtaan gootummaa guddaa Argisiisuun shira guddaa mootummaan abbaa irree qopheesse tokkummaa uummata keenyaa fi Qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromoon fashalaa’uu danda’ee jira. Uummatni Oromoo Murtii diinummaa fi abbaa Irrummaa Caffeen Oromiyaa dhimma Master Plaanii Finfinnee fi Magaaloota addaa Oromiyaa raggaasisen wal qabatee arii fi dheekkamsa guddaan keessi isaa kan guggubate walitti dhufuun Oromummaa,eenyummaa, sabboonummaa cimsachuun Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf jaalalaa fi kabajaa guddaa qaban ifatti muldhifachuun ABO, WBO fi Qeerroo bilisummaa Oromoo faarfachaa kan Oolan yoo ta’uun ibsame jira.
Addatti dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo fi sabboontootni fi Qabsaa’otni Oromoo walitti dhufuun dhimmoota Labsii murtii duuguuginsa Sanyii Caffeen Oromiyaa Uummata Oromoo irratti dabarsee irratti marii adda adda waliif gochuun Adeemsi diinaa kun qabsoo bilisummaa Oromoo kan finiinsuu malee duubatti kan hin deebifne ta’uu waliif dhaamuun sagalee Guddaan dhaadannoo Labsii Master Planii Finfinnee balaaleffatuu fi mootummaa abbaa irree garboomsaa wayyaanee balaaleffatu dhageessisan. Walleelee Warraaqsaan ABO, WOB faarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hiriiruu fi jabeessuun, waraana Bilisummaa Oromoo jabeessuu ijaaruu, fi jalatti ijaaramuun dhimma murteessaa ta’uu jala muruun diinaafis ta’ee firaaf walleelee warraaqsaa fi dhaadannoolee garaagaraan ibsatan. Guutummaan Gabaasaa kanaa waraabbii vedio,audio, fi Suuraan Deeggaramee waan jiruuf itti Fufinsaan torbee tokko guutuu itti fufa…….