OROMIYAA:- Milkii Irreecha Malkaa Ateetee fi Diddaa Qeerroo Bilisummaa Onkoloolessa 11,2015

Aside

Irreechi Malkaa Ateetee Buraayyuu Sirna Howwaan Onkoloolessa 11 Bara 2015 Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Malkaa AteeteeOnkololeessaa 11/2015 Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee Magaalaa Burraayyuutti haala howaa ta’ee fi Walleelee warraaqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO faarsuu fi Mormii guddaa labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa Caffeen Oromiyaa OPDO’n raggasise balaaleffatan.
Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee akkuma Ayyaana Irreechaa torban har’aa Hora Arsadeetti kabajame haala howaa ta’ee fi dammaqinsa guddaa uummatni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi Labsii master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Caffeen Oromiyaa raggasisee balaaleffachuuf uummatni Oromoo Miliyoonaan lakka’amu ayyanicha bifa adda ta’een kabajate. Keessattuu waanjoo garbummaa uummata Oromootti kallattii hundaan fe’amee jiruu of irraa buusuuf abbaan dhimmaauummatni Oromoo qabsoon dura dhaabbachuuf uummatni dammaqinsa guddaan Ayyaanicha irratti marii gochuun FDG tti seenuun biyya keenyaa f mirga keenyaaf ni falmanna jechuun murtii isaa dabarfatee jira.
Murtiin Uummataa fi dargaggoota Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Barattoota Oromoon fudhatamaa jiru kunis mootummaan sirna EPRDF/TPLF yaaddoo keessa kan galchee fi dheekkamsii uummataa warren fallaa qabsoo bilisummaa Oromoo ijaajjaan hedduu rifaasisa jira. Uummatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Goototni barattootni Oromoo ejjennoo qabsoo FDGf qophii ta’uu Ayyaanaa Irreechaa guyyaa har’aa Malkaa Ateetee Burraayyuutti kabajamee fi Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti waadaa(irbuu) qabsoo
bilisummaa Oromoof qaban haaromsan, Qabsoo bilisummaa Oromoo fi master planii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Labsame murtii dabarfame kun atattamaan hanga haqamutti Qabsoon gamtaadhaan akka itti fufu labsiin uummataa fi dargaggoota ,barattoota Oromoo fi Qeerroo bilisummaa
Oromoon dabarfame. Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Burraayyuutti guyyaa har’aa kabajamee kana irratti barruuleen warraaqsaa mormii master planii Finfinnee fi gaaffii bu’uura mirga Abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabatee uummataaf raabsamaa olee, sabboontootni Oromoo haala hedduu dammaqinsaa Siyaasaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun ABO fi WBO akkasumas gootota Oromoo faarsuun haayyaanicha haalaa ajaa’ibsiisa ta’een kabajatan.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee humna waraanaa guddaa fi poolisoota heddumina qababan bobbaasuun Ayyaanicha ugguruu fi
dargaggootni ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin faarsineef bobbafaman illee tokkummaa uummataa fi jabina dargaggoota Qeerroo
barattoota Oromoo haalan jabaachaa dhufee irraa Wayyaaneen uggura qopheesse itti milkaa’uu hin dandeenye. Basaastootni fi humnootni
waraanaa Wayyaanee dargaggoota dhaadannoo sagalee dheekkaamsaan guutame dhageesisanii fi walleelee warraaqsaa sirban marraa hedduu
uummata keessa seenuun bittinneessuuf yaalan illee itti milkaa’uu kan hin dandeenye ta’uun hubatamee jira… Gabaasaan Ayyaana irreechaa
Malkaa ateetee Burraayyuu waraabbii sagalee fi video fi suuraan deeggarame itti fufinsaan ni dhiyaata.

Miidhaan  barsiisota Oromoo irra gahaa jiru, egeree Oromoo fi Oromiyaa bal’eessuuf  duula geggeeffamaa jiru keessaa qaama tokko.

Aside

 

Leellooo Sabaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Guddina fi egeree biyya tokkoof kanneen murteessoo ta’an keessaa tokkko, humna nama baratee qabaachuu dha. Waan kana ta’eef, humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horatuuf ilaalchi jabaan itti kennamee irratti hojjetamuu qaba. Humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan  horachuuf kanneen ilaalchi guddaan itti kennamuu qabu keessaa tokko, barsiisota ayinaa fi baay’inaan  horachuu fi haala jireenyaa dirqama kana bahuuf isaan gargaaru mijeessuufii dha. Mootummaan tokko, guddinaa fi egeree ummata tokkoof kan yaadu ykn kan hin yaadne ta’uu  kan ittiin madalamuu danda’u  keessaa inni guddichi, humna barsiisotaa ayinaa fi baay’inaan oomishuu,  akkasumas,  guddinaa fi egeree saba tokkoo keessatti qooda isaan qabaniin  kan  walgitu haala jireennaa aanjessuufii  irratti  hojii hojjetamaa jiruu dha.

Har’a, ragaaleen adda addaa akka mirkaneessanitti, ayinaan barnootaa, sadarkaa tokkoffaatti bakki inni itti kufee jiru Oromiyaa dha. Kanaaf sababi inni guddaan, humni Oromoo barate akka hin guddanneef shira adda addaa hojjechuun, guddinni fi egereen Oromiyaa akka dhabamuufi,  miidhaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa barsiisota Oromoo irraan gahaa jiruu isa tokkoo .Miidhaan barsiisota Oromoo irratti raawwataa jiru

SBO Onkolooleessa 11,2015. Oduu, Gaaffii Fi Deebii Namoota Adda Addaa Waliin Taasifnee Fi Qophiilee Adda Addaa…

Aside

OROMIYAA- Irreecha Hora Arsadee Bishooftuu 2015

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Onkoloolessa 8, 2015

Aside

SAAMICHI MAQAA “ABO”,,,,,,Kutaa 3ffaa

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!WARRI MAQAA GEGEDDARAN MAAL BARBAADU ? SIYAASI BILCHAATAA FI DHEEDHII JEDHAME QOODAMU JIRAA ? BILCHINA SIYAASAA MOO, BILCHINA TOFTAATU NUUF FARDIIDHA ?????

SEENAA  Y.G (2005)

Barreeffama kutaa 2n dhiheesse keessatti, maqaa saammchuuf fiigichi taasifamu, Kaayyoo saammchuu akka hin taanee, ragaa waliin dhiheessuu yaaleera. Maqaa qofaaf arreeduun ammoo, akka fixeensa ganamaa mul’atanii baduu akka hordofsiisu ibseera. Kana irraa ka’uun,  Ummata biraa deeggarsa dhabuu jechuun, Ummati waan afarfamu sana keessaa akka fedhii hin qabne mirkaneessu ta’uu tuqeera. Maqaa qofa saammchuuf badaduun kan beekamu, humni isaan maqaa saammachuu irratti bobbasanii fi humni Hojiin mul’atanii argamuuf bobbaafamu, akkasumas,diina irratti ibsa tokkollee odoo hin baafnee, yeroo foii obbolaa ofii hadheessuuf sochiin taasifamu, waaqaa fi lafa ta’uu isaa katabeera. Ummati Oromoo, kana caalaa waan maqaa isaan hojjatamu ykn gaggeeffamuu hundaa irratti , waan miidiyaa irraa lallabamu qofti  akka  bakka isa hin bu’iin ifatti ibsachutti ce’uu akka qabu, kana irra dabree, Siyaasa salphinaa Maqaa saammachuu duuba jiru of irraa dhaabee, humnoonni jiran xiyyeeffannaan isaanii diinoota Ummata isaanii fixan irratti akka xiyyeeffatan, Ummatis hojiin qofaa akka isaan madaalu itti himuu akka barbaachisu ibsuuf yaaluun, summii facaasuu odoo hin taanee, dhugaa jiru walitti himuudha. Waan wal hin sobnee tokko , dhugaa ifatti dubbachuun kanneen suuqa keessatti siyaasa foorjidii hojjatanii ittiin dhimmaa fi kaayyoo diinaa raawwachiisuu barbaadaniif, summii ta’uu isaa hubachuun dansaadhaSAAMICHA MAQAA ABO….kutaa 3ffaa

New Oromo Music:Didi Didi! By Ittiiqaa Tafarii October 2015

Aside

Irreecha Hora Arsadee 2015 Irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof Daran Qabsaawuuf Waadaa(Irbuu) Qabsoo Walii Haaromsan.

Aside

Ayyaana Irreechaa Onkololeessa 4/2015 Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun shira ulfaata ‘Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa irratti Wayyaaneen qopheessitee ‘Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamu fi OPDO’n mirkaneessuun Uummata Oromoo irratti seenaa badii balleessii raggasifamee jiru kutannoo fi murannoon kan dura dhabbatan ta’uu ifaan bakka aangawootni mootummaa Wayyaanee fi basaastootni mootummaa abbaa irree jiranitti ifatti murtii qabsoo dabarfate. Magaalaan Bishooftuus guyyaa keessa Sa’aa 7:00 booda dirree Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuun dhuunfatamtee sagaleen Warraaqsaan dhuunfatamtee turte.

Mootummaan Wayyaanees uummata garbummaan garaa gubee keessa isaatti dhiigaa dubbatu dura dhaabbachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoos absoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamu cina dhaabbachuun mirga isaaf kan falmatu ta’uu diinaafis firaafis mirkaneesse jira.

Lubbuun Ummata Oromoo fi Dachiin Oromiyaa, Walabummaa Oromiyaa Qofaan Tikfamti.

Aside

Leelloo Biyyaa Irraa

barruuOromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba  dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.

Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan  ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and  Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee  saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee  irratti raawwataa jiruu dha.

Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun  qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium)  keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe. Lubbuun ummata Oromoo fi dachiin Oromiyaa (1)