Barataan Buzaayyoo Garramuu Injineeringii Waggaa 2ffaa Dabalatee Miseensonni Gumii Guddina Aadaa fi Afaani Mooraa Yuuniversitii Haromayaa 20 Wayyaaneen Ukkaamfamuu Dhagahame.

Aside

Onkoloolessa 29,2015 Haromaayaa

BuzeeMootummaa Abbaa irree Wayyaaneen wayita kana akkuma beekamu ilmaan oromoo sabboonummaa qaban dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti adamsuudhaan gocha ajjechaa, ukkaamsaa, hidhaa fi barumsa irraa ariyuu ejjennoo godhatee akka itti fufee jiru uummata oromoo jalaa kan dhokate miti. Haaluma Kanaan bara barnootaa kana keessatti sochiin barattootni dhaabbilee barnootaa keessatti yeroo ammaa taasisaa jiran dura dhaabbannaa Maaster Pilaaniin kan wal qabate tahullee kunimmoo mootummaa wayyaanee haalaan yaaddeessuun isaa qabatamaadha. Kanaaf mootummaan Wayyaanee kan barsiifatee fi kaayyeffate ilmaan Oromoo adda durummaadhaan gaaffii mirgaa kabachiisuu, mormii MP kana jabeessuun mooraa barnootaa keessatti sochii taasisan ukkaamsaa fi ajjeesaa jira.

Torban lama kan hin guunne keessatti Yuuniversitiiwwan garagaraa irraa barattootni ukkaamfamaa jiru, gocha garaa nama nyaatu barataan Tarreessaa Samaraa jedhamu Yuuniversitii Mattuutti tikoota Wayyaaneen ajjeefamuun isaa kan hubatameedha. Kanumaan wal kan ilaalu Yuuniversitii Haromayyaatti gumiin guddina aadaa,afaanii fi seenaa Oromoof sababa tahan Gumiin dhaabbatee jiru miseensota gumichaa fi gumicha keessattis qooda olaana kan bahan ijoolleen 20 ol tahan ukkaamfamuu dhaga’amee jira.

Haaluma kanaanis barattootni hedduun ukkmaafamaa, barnoota irraas ariyamaa kan jiran gabaasni Qeerroo mooricha irraa addeessaa utuu jiruu barataan Buzaayyoo Garramuu, barataa Injineeringii waggaa 2ffaa baratu yoommuu tahu tikoota Wayyaaneetiin wagga darbe erga mormii dhimma Master Pilaanii Oromiyaa keessatti FDG finiinee kaasee barataan kun yeroodhaa yerootti doorsifamuun gabaafame. Kanumaan wal qabsiisuudhaan maqaa ABOtiin, ijoollee barattoota Yuuniversitii qindeessuu jedhuun, kana dabaluunis ODAA uffatte kun babal’ina siyaasa ABOti jechuunis daandii irra osoo deemuu qabamuudhaan ID Card mooraa Yuuniversitii irraa fuudhameen booda barumsa irraa akka ariyamu tahee ammas bakka buutiin isaa hin beekamniin jira.

Barataan kun SABBOONUMMAA QABAACHUU FI OROMUMMAA isaaf qofa irraa kan hafe yakkaa fi badii tokko malee barumsa irraa ariyamuun gabaasonni dhufan kan ibsaniidha. Akkasuma gochi isa fakkaatu barattoota hedduu mooraa sana dabalatee Yuuniversitii biroo keessattis kan mul’ataa jiru tahuu maddooleen Qeerroo gabaasu.

 

VOA: “Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha,” Jedhu H/D ABO (Ob. Dawuud Ibsaa)

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/kan-nageenya-didee-humna-waraanaa-fi-qawwee-filate-motummaa-dha-jedhu-dura-taaaan-abo

Guyyaa Har’aa TTC ykn Kolleejjiin Barsiisotaa Naqamtee Barattoota Galmeessuuf Beeksisa Baasee Waamee Loltoota Wayyaaneen Reebicha Irraan Gahuu Qeerroon Gabaase.

Aside

 Guyyaa har’aa Onkoloolessa 28,2015  kanaa eegalee hanga Jimaata dhufuutti barattoota sagantaa galgalaan barsiisuuf kan waame kolleejjiin barsiisotaa Naqamtee guyyaa har’aa kana galmee tokko illee utuu hin eegalin erga oolee booda sa’a 4:00PM irratti barattoota galmaawuuf naannoo sanatti argaman dallaa kollojjichaatti ol seenaa erga jedhee booda, isin barnootaaf osoo hin taane Fincila Diddaa Gabrummaa FDG kaasuuf sababaa jedhuun jilbeenfachiisee erga reebee booda dhumarratti caragee reebichaan mooricha keessa barattoota qawwee fi reebichaan ari’ee jiraachuu Qeerroon gabaase.
Ari’amuun barattoota kanaa mootummaan nami sagantaa guyyaas ta’e halkaniin barataniillee iddoo itti gita hojii itti isaanii uumu waan hin qabneef jalqabumarraa galmeessuu dhiisuu wayya jechuun barattoota reebichaan butuchan

Ob. Toleeraa Adabaa Dispels Rumors & Fears about OLF & PAFD on ESAT Radio; PAFD is the Genuinely-Multinational Alliance Struggling for Freedom & Democracy in Ethiopia

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/olfs-ob-toleeraa-adabaa-dispels-rumors-fears-about-olf-and-pafd-on-esat

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Onkoloolessa 27, 2015

Aside

Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Waljeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkoloolessa 29,2015 Naqamte
IMG_20151022_130910Bulchiinsi magaalichaa Obbo Tolasaa Waggaariitiin kan hoogganamu yeroo ta’u imaammata wayyaanee akka hafarsaniif karoora guddinaaf ce’umsaatti guddatanii ce’aniiru jechuun guddina siyaasaa laateefi kan uummata saamsisaa turetti waajirri daldalaafi faayinaansii beekkamtii isaan dhorkate . Waajjiracharraa Aadde Mihiratii kan jedhaman guutummatti kan ta’ee fi  hin taaneensaa hin beekamneen manneen dhibba sadii (300) ta’an eyyama hin qabdan maqaa jedhuun kan cufsiiste ta’uu gabaasi Qeerroo ammaan duraa addeessa.
Haala kanaan gartuun waajjira IMX fi Obbo Zalaalam Gizaaw ittaanaa kantiibaa magaalaa Naqamtee manneen cumfaman kun ta’e jedhamee uummata Oromoo miidhuuf kan wixiname malee seera qabaeessa miti sababaa jedhuun mormii jabaa waan dhiheessaniif garuun mirga Oromoof malmuu fi kanneen shira uummata irratti hojjetan bulchiisa Wayyaanee magaalaa Naqamtee keessatti walitti bu’iinsaan mormii guddaatti walitti kaasanii jiraachuun beekame.
Wal dhabdeefi wal nyaachuun waajjiraalee kanaa utuu itti fufee jiruu maqaa guddina magaalotaa fi rakkoo nageentasaaniii jedhuun kaaabinooti onootaa,kantiiboti magaalotaa fi dabballooti godina wallagga bahaa magaalaa Naqamteetti akka itti dargaggoota kiyyeessanii fi wayyaanee jalatti barcuma eegan irratti marii’achaa akka jiran beekameera

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

ABO Dabalatee Paartileen Mormituu Shan Gamtaa Uummachuun  Dhimma Murteessaa fi Adeemmsa  Qabsoo Bilisummaa Sabootaa Kan Saffisiisuu Dha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 28,2015

Finfinnee

Gamtaa fi wal hubannaa dhabuun jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi namummaaf abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti qabsoo gaggeessan dhabamuun mootummaa Wayyaaneef carraa kan bane fi umrii bittaa Wayyaanee kan dheeresse kessaa tokko kan ture yeroo kanatti furmaata argachuun umrii mootummaa Wayyaanee kan gababasuufi bilisummaa sabootaa fi sablamootaa kan mirkaneessuudha.

Sadarkaa jaarmiyaatti jaarmiyaaleen kanneen akka Addaa Bilisummaa Oromoo(ABO/OLF), Adda Bilisummaa Uummata Sidaamaa(SNLF), Addaa Bilisummaa Sochii Uummata Gambeellaa(GPLM),Adda Bilisummaa Sochii Uummataa Beenishaangul (BPLM) fi Adda Bilisummaa uummata Sumaalee(ONLF) irra walitti dhufuun Walga’ii Oslo Norwayitti Onkoloolessaa 23/2015 ta’e irratti  Gamtaa qabsoo bilisummaa uummachuun biyyatti keessatti dhiittaa mirga dimookirasii, mirga namummaa fi ukkaanfamuu mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo fi saboota kanneenii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF’n  ukkanfamee jiru aangoo irraa qaarisuuf boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa keessatti uumamedha waan ta’eef nuti jaarmiyaan Qeerroon dargaggoota Oromoo gamtaa uumamee kana ni deeggarra, cina ni dhaabbanna, ni jabeessina walitti dhufeenyii fi gamtaan kun illee biyya keessatti uummata Oromoo fi saboota kanneen  gidduutti akka jabaatee itti fufuuf irratti kan hojjennu ta’uu beeksifna!! SNLF, GPLM, BPLM fi ONLFwalitti dhufeenya Jaarmiyalee  hiree walfakkataa qabanii fi qabsoo bilisummaa saba isaaniif qabsoo gitaa gaggeessan gidduutti uumamee jiruu ilaalchisuun nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo fi saboota hiree fakkataa Oromoo qabanii fi jaarmiyaalee ‘’Gamtaa’’ kana hundeessan keessatti qooda qaban hundaaf ibsa gabaaba qabxii shan qabu dabarsine.

  1. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo tumsa gamtaa qabsoo bilisummaa furgaasuuf jaarmiyaaleen kun uumaan ni dinqisiifanna dhimma haala yeroo irratti hundaa’ee fi barbaachisummaan isaa qabsoo bilisummaa siffisiisuun mootummaa EPRDF/TPLFtti xumura kan godhu waan ta’eef Uummatni Oromoo fi sabootni Cunqurfamoon biyyatti hiree fakkataa Oromoo qaban yeroon ijaaraman amma waan ta’eef ijaarsaa uummataa gama hundaan akka jabeesanii fi jabeesinu waamicha goona!! Guutuu Ibsa Kanaaf:-Tumsa Jaarmotaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisumaa onk 28 2015

የአምስት የብሄራዊ ነጻነት ታጋዮች ጥምረት በኢትዮጵያ | የዶይቸ ቬለ (DW) ዘገባ | DW’s Amharic Report on Formation of PAFD by Five National Liberation Movements in Ethiopia

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/dw-1

UNPO Welcomes Founding of the ‘Unprecedented Political Alliance’ – PAFD, the Genuinely-Multinational Coalition in Ethiopia

Aside

The following is a statement from the Unrepresented Nations And Peoples Organization (UNPO).

26 October 2015, BrusselsGadaa.com The Unrepresented Nations and Peoples Organization (UNPO) welcomes the founding of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD), established on 23 October 2015. This unprecedented political alliance between the peoples in Ethiopia is the result of a two-day meeting held in Oslo, Norway, between delegates of the Ogaden National Liberation Front (ONLF), Oromo Liberation Front (OLF), Benishangul People’s Liberation Movement (BPLM), Gambella People’s Liberation Movement (GPLM), and Sidama National Liberation Front (SNLF). Acknowledging the need for a united effort to put an end to the enduring repression perpetrated by successive and current Ethiopian regimes, the goal of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy is to bring a new just political order for the country based on the consents of all peoples.

Although the founding document of the PAFD has just been signed, the initiative already represents a crucial milestone in the struggle for human rights and democracy in Ethiopia. Against the backdrop of decades of blatant disregard of the rule of law, and brutal suppression of the most fundamental human rights by the Ethiopian government, the PAFD arises as a platform that will unify the voices of the oppressed peoples in the country. Through diplomatic, advocacy and awareness campaigns, the PAFD will foster favourable conditions for achieving a peaceful and orderly transfer of power to the peoples by engaging representatives of all the different nationalities and other stakeholders committed to genuine democracy.

Since early 2015, UNPO has actively sought to create favourable conditions for dialogue between diverse marginalised groups in Ethiopia who seek democratic change, most notably through the convening of a high-level conference at the European Parliament on 23 April 2015, with the support of five Members of the European Parliament. In light of the conclusion of the conference – that real democratic change and cessation of ongoing human rights abuses can only be achieved through joint action involving all ethnic and political opposition movements – the founding of the PAFD represents a concrete and meaningful step forward. UNPO applauds this remarkable step towards ensuring the Ethiopian peoples’ voices are better heard and calls upon the international community, including the European Union, the United Nations and the Government of the United States of America, to seize this unique opportunity to bring democratic change in Ethiopia. By cutting direct funding to the Ethiopian government, 50% of whose budget relies on foreign aid, there is a real opportunity to achieve an end to state sponsored human rights violations and pave the way for democracy and long term stability.

Click here to read the UNPO Press Release

Click here to read the PAFD Press Release

Click here to read the Declaration of the establishment of the PAFD

Source (UNPO)

Wayyaaneen Wareegamuu Barataa Tarreessaa Safaraan Wal Qabatee Barattooti Yuuniversitiilee Adda Addaa Barnootaa Dhaabaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Onkoloolessa 28,2015 Mattuu

Qeerroo KaiYuuniverstii Mattuu Dabalatee Yuuniversitiin Biroon Barattootaan Barumsa Dhaabuu Irratti Argaman Akkuma beekamu barataa sabboonaa oromoo fi uummataaf falmuuf cal kan hin jenne mooraa yuuniversitii Mattuu keessatti harka jal’ootaa fi nama nyaataa mootummaa wayyaaneetiin ajjeefamuu isaa barataan TARREESSAA oromoon bakka jiru dhaga’ee gaddaan wayita guutame tahuuun isaa ifa. Guyyaa sabboonaan oromoo kun ajjeefamee kaasee mooraan Yuuniversitii Mattuu fi naannowaan ishee ilmaan oromoo jirtu duukka buusuudhaaf humni wayyaanee buufatee jiraachuunis yeroodhaa yerootti odeessi achi nu qaqqabaa jira. haata’u malee gumaa barataa Tarreessaa baasuu fi gaddi kan itti dhaga’amus uummata mooraa Yuuniversitii Mattuu qofa miti akkasuma uummata jiraattota isaa bakka dhaloota isaa qofa miti kan uumata oromoo hundaati. Mooraan yuuniversitii Mattuu, Jimmaa, Wallagaa, Amboo, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu gadda sabboonaa Oromoo yuuniversitii Mattuutti diinaan ajjeefameef yeroo gaddaa irra jiraachu fi baratootni barumsa dhaabaa jiraachuun beekameera.

Qaami  barataa Tarreessaa ajjeesse itti gaafatamu malee  barumsa hin barannu kan jedhan mooraan Yuuniversitii Bulee Horaas akkanuma barumsa dhaabun odeessi raggaasisee jira. Kanumaan wal qabsiisuudhaanoromiyaa magaalotaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan sochiin uumamee jiru daran Wayyaanee yaaddeessuu irraan kan ka’e humnoonni waraana isaanii bakka uummanni keenya heddummatutti dhaabbilee barnootatti ramadamaa akka jiran gabaasonti addeessu.
Haqi  barattoota keenya uummata isaaniitiif jedhanii warageemaaa jiranii uummata Oromootiin baha! Barumsis dhaabbachuu akka qabus
diddaan wal hidhataan dhaabbilee banrootaa keessatti akka itti fufu qaba!