Guyyaa Har’aa TTC ykn Kolleejjiin Barsiisotaa Naqamtee Barattoota Galmeessuuf Beeksisa Baasee Waamee Loltoota Wayyaaneen Reebicha Irraan Gahuu Qeerroon Gabaase.

Aside

 Guyyaa har’aa Onkoloolessa 28,2015  kanaa eegalee hanga Jimaata dhufuutti barattoota sagantaa galgalaan barsiisuuf kan waame kolleejjiin barsiisotaa Naqamtee guyyaa har’aa kana galmee tokko illee utuu hin eegalin erga oolee booda sa’a 4:00PM irratti barattoota galmaawuuf naannoo sanatti argaman dallaa kollojjichaatti ol seenaa erga jedhee booda, isin barnootaaf osoo hin taane Fincila Diddaa Gabrummaa FDG kaasuuf sababaa jedhuun jilbeenfachiisee erga reebee booda dhumarratti caragee reebichaan mooricha keessa barattoota qawwee fi reebichaan ari’ee jiraachuu Qeerroon gabaase.
Ari’amuun barattoota kanaa mootummaan nami sagantaa guyyaas ta’e halkaniin barataniillee iddoo itti gita hojii itti isaanii uumu waan hin qabneef jalqabumarraa galmeessuu dhiisuu wayya jechuun barattoota reebichaan butuchan

Ob. Toleeraa Adabaa Dispels Rumors & Fears about OLF & PAFD on ESAT Radio; PAFD is the Genuinely-Multinational Alliance Struggling for Freedom & Democracy in Ethiopia

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/olfs-ob-toleeraa-adabaa-dispels-rumors-fears-about-olf-and-pafd-on-esat

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Onkoloolessa 27, 2015

Aside

Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Waljeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkoloolessa 29,2015 Naqamte
IMG_20151022_130910Bulchiinsi magaalichaa Obbo Tolasaa Waggaariitiin kan hoogganamu yeroo ta’u imaammata wayyaanee akka hafarsaniif karoora guddinaaf ce’umsaatti guddatanii ce’aniiru jechuun guddina siyaasaa laateefi kan uummata saamsisaa turetti waajirri daldalaafi faayinaansii beekkamtii isaan dhorkate . Waajjiracharraa Aadde Mihiratii kan jedhaman guutummatti kan ta’ee fi  hin taaneensaa hin beekamneen manneen dhibba sadii (300) ta’an eyyama hin qabdan maqaa jedhuun kan cufsiiste ta’uu gabaasi Qeerroo ammaan duraa addeessa.
Haala kanaan gartuun waajjira IMX fi Obbo Zalaalam Gizaaw ittaanaa kantiibaa magaalaa Naqamtee manneen cumfaman kun ta’e jedhamee uummata Oromoo miidhuuf kan wixiname malee seera qabaeessa miti sababaa jedhuun mormii jabaa waan dhiheessaniif garuun mirga Oromoof malmuu fi kanneen shira uummata irratti hojjetan bulchiisa Wayyaanee magaalaa Naqamtee keessatti walitti bu’iinsaan mormii guddaatti walitti kaasanii jiraachuun beekame.
Wal dhabdeefi wal nyaachuun waajjiraalee kanaa utuu itti fufee jiruu maqaa guddina magaalotaa fi rakkoo nageentasaaniii jedhuun kaaabinooti onootaa,kantiiboti magaalotaa fi dabballooti godina wallagga bahaa magaalaa Naqamteetti akka itti dargaggoota kiyyeessanii fi wayyaanee jalatti barcuma eegan irratti marii’achaa akka jiran beekameera

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

ABO Dabalatee Paartileen Mormituu Shan Gamtaa Uummachuun  Dhimma Murteessaa fi Adeemmsa  Qabsoo Bilisummaa Sabootaa Kan Saffisiisuu Dha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 28,2015

Finfinnee

Gamtaa fi wal hubannaa dhabuun jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi namummaaf abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti qabsoo gaggeessan dhabamuun mootummaa Wayyaaneef carraa kan bane fi umrii bittaa Wayyaanee kan dheeresse kessaa tokko kan ture yeroo kanatti furmaata argachuun umrii mootummaa Wayyaanee kan gababasuufi bilisummaa sabootaa fi sablamootaa kan mirkaneessuudha.

Sadarkaa jaarmiyaatti jaarmiyaaleen kanneen akka Addaa Bilisummaa Oromoo(ABO/OLF), Adda Bilisummaa Uummata Sidaamaa(SNLF), Addaa Bilisummaa Sochii Uummata Gambeellaa(GPLM),Adda Bilisummaa Sochii Uummataa Beenishaangul (BPLM) fi Adda Bilisummaa uummata Sumaalee(ONLF) irra walitti dhufuun Walga’ii Oslo Norwayitti Onkoloolessaa 23/2015 ta’e irratti  Gamtaa qabsoo bilisummaa uummachuun biyyatti keessatti dhiittaa mirga dimookirasii, mirga namummaa fi ukkaanfamuu mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo fi saboota kanneenii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF’n  ukkanfamee jiru aangoo irraa qaarisuuf boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa keessatti uumamedha waan ta’eef nuti jaarmiyaan Qeerroon dargaggoota Oromoo gamtaa uumamee kana ni deeggarra, cina ni dhaabbanna, ni jabeessina walitti dhufeenyii fi gamtaan kun illee biyya keessatti uummata Oromoo fi saboota kanneen  gidduutti akka jabaatee itti fufuuf irratti kan hojjennu ta’uu beeksifna!! SNLF, GPLM, BPLM fi ONLFwalitti dhufeenya Jaarmiyalee  hiree walfakkataa qabanii fi qabsoo bilisummaa saba isaaniif qabsoo gitaa gaggeessan gidduutti uumamee jiruu ilaalchisuun nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo fi saboota hiree fakkataa Oromoo qabanii fi jaarmiyaalee ‘’Gamtaa’’ kana hundeessan keessatti qooda qaban hundaaf ibsa gabaaba qabxii shan qabu dabarsine.

  1. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo tumsa gamtaa qabsoo bilisummaa furgaasuuf jaarmiyaaleen kun uumaan ni dinqisiifanna dhimma haala yeroo irratti hundaa’ee fi barbaachisummaan isaa qabsoo bilisummaa siffisiisuun mootummaa EPRDF/TPLFtti xumura kan godhu waan ta’eef Uummatni Oromoo fi sabootni Cunqurfamoon biyyatti hiree fakkataa Oromoo qaban yeroon ijaaraman amma waan ta’eef ijaarsaa uummataa gama hundaan akka jabeesanii fi jabeesinu waamicha goona!! Guutuu Ibsa Kanaaf:-Tumsa Jaarmotaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisumaa onk 28 2015

የአምስት የብሄራዊ ነጻነት ታጋዮች ጥምረት በኢትዮጵያ | የዶይቸ ቬለ (DW) ዘገባ | DW’s Amharic Report on Formation of PAFD by Five National Liberation Movements in Ethiopia

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/dw-1