Hiyyaasee “Sirna Abbaa Gadaa Ni Qabnaa Waadaa” Artist Fraa’ol Dabaree Wallee Haaraa 2015

Aside

Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaa Magaalaa Jimmatti Malkaa Booyyeetti Haala  Miidhagaan Ta’een Kabajamuu Qeerroon Gabaase, Uummatnis Wallee Warraaqsaa ABO, WBO fi Qeerroo Faarsuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ol Kaasan.‏

Aside

Irreecha Jimma (2)Irreecha JimmaaOnkolooleessa 18,2015 Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaa Magaalaa Jimmatti Malkaa Booyyeetti Haala ho’aa ta’een kabajamee Uummatni Oromoo itti fufinsaan Wallee Warraaqsaa ABO, WBO fi Qeerroo faarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo ol kaasan. Ayyaanni Irreecha kun kabaja Ayyaana Irreecha Hora Arsadee fi Malkaa Ateetee Waliin haala hedduu wal fakkaatuun Wallee Warraaqasaa fi dhaadannoo diddaa garbummaa mormii Master planii Finfinnee fi labsii Caffeen Oromiyaa Master planii Finfinnee fi Magaalota gurguddoo Oromiyaa irratti dabarfame dura dhaabbachuuf sagalee dhaakkamaa guutummaa Oromiyaa keessatti dhageesifamuun jabaatee Ayyaana Irreecha Jimmaa irrattis itti fufe. Ayyaanaa Irreecha Jimmaa Malkaa Booyyee kana irratti Uummatni Oromoo kumaataamaan lakka’amanii fi Addatti immoo Goototni Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kumoota 10,000 olitti lakka’aman sirna ayyaanaa Irreecha kana irratti argamuun kabajachuu fi walleelee Warraaqsaa fi Sagalee mormii dheekkamsaan guutameen Maaster Plan Finfinnee fi magaalota Oromiyaa iraattii dabarfame balaaleffachuun Ayyaanichaa haala aja’ibsiisaa ta’een ho’isuu fi midhaksuu danda’ani jiru. Irreecha Jimmaa 2015
Mootummaan Wayyaanee akkuma Amala isaa human poolisii kora bittinneessaa jedhamuu fi Poolisii Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa qubsiifamanii jiran heddumminaan bobbaasuun sodaachisaa guddaa uumuuf yaaliin guddaa godhames tokkummaa fi gootummaa dargaggootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo ayyaana kana hirmachuuf bobba’aniin fashalaa’uu danda’ee jira. Sochiin uggura mootummaan wayyaanee gochaa jirutti dheekkamuun Wallee warraaqsaan ABO,WBO FI Qeerroo Oromoo faarsuun Itti Fufa qabsoon bilisummaa jechuun diina garaa gubaa olan.
Sochiin ayyaanaa Irreechaa Jimmaa kun onkoloolessaa 17/2015 kaleessa galgala jalbultiin isaa malkaa Deeddee Mooraa yuunibarsiiti jimmaa duubatti kan argamutti eegaluun haala ajaa’ibsiisaan sabboonummaa,Oromummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf tokkummaa fi jaalalli fi kabaja guddaa ABO,WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoof qaban walleelee warraaqsaan ibsachaa guyyaa har’a Malkaa Booyyeetti Irreeffachuun Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalaa bilisa ta’ee jiraachuuf waaqa uumaa isaa kadhachuun , waleelee
warraaqsaan abbaa irree TPLF/EPRDF balaaleffachuun haalaan kabajatan waraabbii video, Audio akkasumas suuraa Qeerroon qindeessee ni dhiheessa.