Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Aadaa Seenaa fi Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Qophii ‘Anaa Dhufuu’’ Barattoota Oromoo Haaraaf Qopheessuun Tokkummaa Barattoota Oromoo Jabeessan.‏

Aside

Qeerroo BilisummaaOnkoloolessa 10,2015 Yuunibarsiitii Jimmaatti Goototni BarattootniOromoo fi Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Aadaa Seenaa fi Afaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Qophii ‘Anaa Dhufuu’’ barattoota Oromoohaaraaf qopheessuun tokkummaa barattoota Oromoo jabeessan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa seenaa dhalootaqubee keessatti bakka guddaa kan qaban, barattoota Oromoo haarawaagara mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa bara kana seenaaniif qophii ‘AnaaDhufuu’ qopheessuun simannaa guddaa barattoota Oromoo haaraa reefuu gara mooraa Yuunibarsiitii seenaniif godhan. Qophiin kunis gootota barattoota Oromoo Gumii Guddinaa fi Dagaagina Aadaa seenaa fi Afaan
Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waliin ta’uun kan qophaa’ee yoo ta’uu, Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa stadium xiqqaa Mooraa yuunibarsiitichaa keessatti argamuu keessatti qopheessuun barattoota Oromoof simannaa guddaa gochuun jalalaa fi kabaja guddaa waliif qaban ibsuun tokkummaa barattoota Oromoo jabeessuu irratti ga’ee guddaa taphataniru, Waleeleen Warraaqsa Artistoota Oromoo kanneen akka walleelee Haacaaluu Hundeessaa, Caalaa Bultumee, Adinaan Mohaamed, Hirphaa Gaanfurree, Daawitee Mokonnon fi kkf walduraa duubaan gadi gadhiisuun barattoota haarawaa kana bohaarsaa keessa immoo sabboonummaa, eenyummaa fi Oromummaa itti jabeeffachuun cinatti gootota qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegamuun dhaloota Qubee fi Qubee Afaan Oromoo wal qaqqabsiisaan farfachaa kan turan ta’uun ibsamera.

Walleelee Warraaqsaa fi jaalalaa fi kabajni guddaan barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waliif qaban mootummaa wayyaanee kan yaaddessee fi arii mataa bowuu guddaa itti ta’ee humna poolisaa fi basaasa isaa bittinneessuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa eegumsa guddaa jala kan bulte ta’uu madden keenya gabaasan. Ammas tokkummaan barattoota Oromoo bakka hundatti haala walfakkaatuun kan itti fufu ta’uu
beektootni Oromoo barsiisotni Oromoo mooraa yuunibarsiitii Jimmaa dhaamsa dabarsan.
Yuunibarsiitii Jimmaatti tokkummaa fi irreen barattoota Oromo jabaachuun Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Aadaa,Seenaa fi Afaan Oromoo
akka jiraatuu fi diigumsa diinni yeroo irraa gara yerootti irratti aggamuu irraa dandamachuun har’a ga’uu danda’ee jira. Yeroo amma
kanatti Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran keessa Mooraan Gumiin afaan Oromoo bifa ijaaramee fi qindoomina qabuun jiruu Yuunibarsiitii
jimmaa qofa ta’uun beekameera, kanaafuu Barattootni oromoo yuunibarsiitii jimmaa tokkummaa keenyaan Mirga uummata keenyaa ni
kabachiifna jedhu!!

“Qeerroo Qalamaan Goota Diina Raasu” Walaloo

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Mootummaan EPRDF(TPLF) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa To’achuuf Baasee  Caffeen Oromiyaa Raggasiise Guutummaatti Dura Dhaabbachuun Qeerroon Bilsummaa Ibsa Qabxii 7 Baase.

Onkoloolessa 12,2015
Finfinnee

Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuuf labsame Caffeen Oromiyaa raggasiise duula Oromoo qe’ee isaa irraa balleessuu fi diigumsa Oromiyaarratti raggaasifame dha jechuun gadi jabeessee balaaleffachuun ibsa ejjennoo qabxii torba dabarsan.

Duula lammiilee Oromoo dhabamsiisuu fi Biyyaa Balleessuutu Uummata Oromoo fi  Oromiyaa  irratti labsame.Labsii mootummaan Wayyaanee maqaa OPDOn  Caffee Oromiyaa teessisuun yaa’ii Onkololessaa 1-3tti taa’ame  irratti labsii Master Plan Finfinnee mirkaneessuuf taa’ame , Finfinnee dabalatee Magaalotni Oromiyaa hundi akka harka mootummaa EPRDF/TPLF’n to’atamutti raggaaasifamee waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhimma labsii Caffeen Oromiyaa dabarsee kana gadi jabeessuun balaaleffachuun ibsa murtii qabasoon dura dhaabbachuu baase!!

Jaarmiyaan Sochii Dargaggoota Oromoo biyyoolessaa ykn  Qeerroon Dargaggootni  Barattootni Oromoo labsii kana yeroo dhageenyutti Oromiyaan, Uummatni Oromoo, Aadaan,Afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas qabeenyi Oromoo ,sirni Gadaa Oromoo, hawaasummaan,barnootaa fi dinagdee Oromoo harka sirna garboomsaa EPRDF/TPLF ‘n kan to’atamu ta’uu waan nutti  muldhateef gadi jabeessuun balaaleffanne. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 12 2015