Obboo Dabbasaa Guyyoo ykn Obboo Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo ji’a Fulbaana 27,2015 Ayyaana Irreechaa Nairobi ti kambajamee oolee irratti argamuun eebba sirna ayyaanichaa akka raawateen booda gara mana isaatti galee deebi’ee akka gadi ba’een booda osoo maatiin hin beekiin bakka buuteen isaa wallaalamee hanga har’aatti dhabamee jiraachuu maatiin isaanii fi hawaasi Oromooo Nairobi gabaasu.
Obbo Dabbasaa guyyuu hayyuu fi qaroo Oromoo seenaa fi aadaa akkasumas amantii Oromoo ganamaa irratti beekumsa ol aanaa kan qabanii fi aadaa,seenaa fi afaan Oromoo guddisuu keessatti qoodaa fi gahee ol-aanaa kan qaban qaroo hayyoo Oromoo keessaa tokko.