Miidhaan  barsiisota Oromoo irra gahaa jiru, egeree Oromoo fi Oromiyaa bal’eessuuf  duula geggeeffamaa jiru keessaa qaama tokko.

Aside

 

Leellooo Sabaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Guddina fi egeree biyya tokkoof kanneen murteessoo ta’an keessaa tokkko, humna nama baratee qabaachuu dha. Waan kana ta’eef, humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan horatuuf ilaalchi jabaan itti kennamee irratti hojjetamuu qaba. Humna nama baratee ayinaa fi baay’inaan  horachuuf kanneen ilaalchi guddaan itti kennamuu qabu keessaa tokko, barsiisota ayinaa fi baay’inaan  horachuu fi haala jireenyaa dirqama kana bahuuf isaan gargaaru mijeessuufii dha. Mootummaan tokko, guddinaa fi egeree ummata tokkoof kan yaadu ykn kan hin yaadne ta’uu  kan ittiin madalamuu danda’u  keessaa inni guddichi, humna barsiisotaa ayinaa fi baay’inaan oomishuu,  akkasumas,  guddinaa fi egeree saba tokkoo keessatti qooda isaan qabaniin  kan  walgitu haala jireennaa aanjessuufii  irratti  hojii hojjetamaa jiruu dha.

Har’a, ragaaleen adda addaa akka mirkaneessanitti, ayinaan barnootaa, sadarkaa tokkoffaatti bakki inni itti kufee jiru Oromiyaa dha. Kanaaf sababi inni guddaan, humni Oromoo barate akka hin guddanneef shira adda addaa hojjechuun, guddinni fi egereen Oromiyaa akka dhabamuufi,  miidhaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa barsiisota Oromoo irraan gahaa jiruu isa tokkoo .Miidhaan barsiisota Oromoo irratti raawwataa jiru