New Oromo Music:Didi Didi! By Ittiiqaa Tafarii October 2015

Aside

https://youtu.be/feHg9s0ecck

Irreecha Hora Arsadee 2015 Irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof Daran Qabsaawuuf Waadaa(Irbuu) Qabsoo Walii Haaromsan.

Aside

Ayyaana Irreechaa Onkololeessa 4/2015 Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun shira ulfaata ‘Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa irratti Wayyaaneen qopheessitee ‘Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamu fi OPDO’n mirkaneessuun Uummata Oromoo irratti seenaa badii balleessii raggasifamee jiru kutannoo fi murannoon kan dura dhabbatan ta’uu ifaan bakka aangawootni mootummaa Wayyaanee fi basaastootni mootummaa abbaa irree jiranitti ifatti murtii qabsoo dabarfate. Magaalaan Bishooftuus guyyaa keessa Sa’aa 7:00 booda dirree Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuun dhuunfatamtee sagaleen Warraaqsaan dhuunfatamtee turte.

Mootummaan Wayyaanees uummata garbummaan garaa gubee keessa isaatti dhiigaa dubbatu dura dhaabbachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoos absoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamu cina dhaabbachuun mirga isaaf kan falmatu ta’uu diinaafis firaafis mirkaneesse jira.

Lubbuun Ummata Oromoo fi Dachiin Oromiyaa, Walabummaa Oromiyaa Qofaan Tikfamti.

Aside

Leelloo Biyyaa Irraa

barruuOromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba  dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.

Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan  ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and  Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee  saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee  irratti raawwataa jiruu dha.

Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun  qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium)  keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe. Lubbuun ummata Oromoo fi dachiin Oromiyaa (1)

Wallee Warraaqsaa Haaraa, Hirphaa Fayyee

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniverstii Walqixxee Leenjii Siyaasa Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Walqixxee,Onkoloolessa 09,2015

IMG_20151002_170501Gabaasaan Qeerroo Yuunivarsiitii Walqixxee akka ibsutti barattooti sabboontota Oromoo Yuunivarsiitichaa,bifa lamaan mormii bulchiinsa Yuunivarsiitii Walqixxee irratti qabsoo diddaa maqaa leenjii jedhuun duula daguuggaa sanyii Wayyaaneen deemsisftu fi maqaa maasterpilaanii Finfinnee tiin geggeessu irratti barattoota Oromoo amansiisuu fi maqaa Itoophiyaa ijaaruu jedhuun sochii Wayyaaneen taasisu dura dhaabbachuun barattooti Oromoo fi sablammooti kaan diddaa isaanii sagalee jabaan dhageessisaa oolan.

Leenjiin kun guyyaa afurii hanga Onkoloolessa 08, 2015tti kan itti fufu yeroo ta’u,barattooti Oromoo qabsoo sabboonummaa bifa lamaan adeemsisaa jiru kan jedhame, tokkoffaan barattooti keenya gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo gaafataniifi

  1. Maasterpilaanii fi walitti makiinsi magaalota Oromiyaa akka haqamuuf uummata keessaa baaneef gaaffi kana eessattuu,yoomiyyuu  jabeessinee gaafanna.
  2. Yuunibarsiitii Walqixxee irraa bara barnoota 2014 irreessa arfaasaa waan irreeffataniif qofa barattooti Oromoo 12 ari’aman jibbiinsa sabummaan waan arii’amaniif haalduree tokko malee gara barnoota isaaniitti akka deebi’an cimsinee hubachiifna.
  3. Abbaan biyyummaa uummata Oromoo magaalaa Walqixxee, gubuuree akka eegamu ni gaafanna fakkeenyaaf lafti Walqixxee dirree Oromoo fi moggaasa Oromoo ta’ullee uummati Oromoo magaalicha keessa jiraatu akka sabaatti ilaalamuu dhabuun mirga namoomaa keenya kan tuquu fi gubuuree jechuun mataan isaatuu gubuu jecha jedhu fi dirree Oromoo ta’uun utuu beekamuu imaammata TPLF ittiin nudhiituu fi saboota biroon walitti nubuusuuf saganteesse waan ta’eef, saboonni bakkicharra jiraatan akka sabaatti uummata keenya akka kabajanii jaalalaan wajjin jiraataniifi hubannoon kennamuufi qabu jabeessinee gaafanna fi gaaffilee hedduu gaafataa kan turan yeroo ta’u Qeerroon gabaasa.

Tooftaan lammataa immoo walga’ii isaanii barattooti Oromoon hanga guyyaa har’aatti lagatanii turan haata’u malee bulchiinsi Yuunivarsiitii walqixxee maqaa barattoota Oromoo walga’ii hirmaachaa hin jirree maxxansuun,maaliif akka leenjii irraa haftan nutti himaa wayita jedhetti barattooti Oromoo ta’e jedhee mootummaan TPLF  uummata keenya bahaa Oromiyaa irra jiraatan mootummaa naannoo sumaalee liyyuu hayil jedhamu hidhachiisuun fixaa kan jiru yeroo ta’u,bulchiinsi naannoo Oromiyaa immoo ilmaan guddifachaatiin waan bakka bu’amneefi mootummaa akka naannoottillee saba keenyaaf quuqamu waan dhabneef uummata keenya dhumaa jiruuf gadda lammummaa keenyaa nutti dhaga’ameef leenjii dhiisiitii barnootayyuu hordofuuf nutti ulfaateera jechuun leenjicha lagachuu isaanii gabaasaan Qeerroo yuunivarsiitii walqixxee irraa nuqaqqabe hubachiiseera.

Paarlaamaan OPDO Murtii Maaster Plaanii Finfinnee Ifatti Mirkaneesse./Sagalee Qeerroo Bilisummaa Onkoloolessa 6,2015,Qophii Adda Addaa

Aside