Jalabultiin Ayyaana Irreecha Bishooftuu Bifa Howwaa Taheen Galgala Kana Kabajamaa Jira.

Aside

Galagala kana gara Bishooftuutti sakatta’insi cimaatu daandii irra jira. Namni tokko ykn Oromoon hundi otoo hinsakatta’amiin hindarbu.

Ummanni garuu yoo xinnaate har’uma jala bultii argaman namoota miiliyoona tokkoo gad hin taane magaalittii itti guutaniiru. Qeerroon wallee warraaqsaan soda tokko malee dhiichisaa jira.

Mooraa bal’aa WAAJJIRA ABBOOTII GADAA KAN OROMIYAA BISHOOFTUUTTI ARGAMU KEESSATTI QOFA NAMOONNI KUMAATAMATTI LAKKAA’AMAN HEDDUUTU GUUTEE WALLEE ABO FI WBO,QEERROO FAARSUUN ITTI JIRU.

Qeerroon Oromoo ykn  dargaggoonni marsanii tuuta tuutaan dhiichisaa jiru! Walleen isaanii irra guddaa kan warraaqsaati. Ispaaltiin Magaalittii dhiichisa ilmaan Oromoon socho’aa jira Bakki hundi dhiichisadha. Hooteelonni fiixeetii hamma fiixeetti Oromoon guutameera. Walleen Afaan biraan dhagahamu mana kam irraayyuu hindhagahamu! Haaftis laftis hunduu Afaanuma Oromoo sirba. Guyyaa Bilisummaa fakkaata. Namni hunduu gammachuu machaayeera! Koreen qindeessituu irreechaa Qeerroon miidhagina kanaaf jabinaan hojjetaa jiru.Gabaasa caaluun walitti deebina.

SBO Onkolooleessa 04,2015, Oduu. Maastar Pilaanii Irratti Ijoo Dubbii ABO, Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Qophiilee Garaagaraa…

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa( SQ) Qophii Onkoleeleessa 02,2015 fi Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Kutaa 2ffaa

Aside