Roorroon Kan Itti Hammaate Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa, Mirga Abbaa Qe’ee Fi Biyyummaa Gaafachuu Itti Fufee Namoonni 75 Waraana Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 2,2015

diddaa9Onkoloolessaa 12, 2015 Godina Dhiha Oromiyaa AANAA ADAA’AA BARGAAtti Fincillii diddaa gabarummaa ka’een Ummatni gaaffii  abbaa qe’ummaa fi biyyummaa isaaf qabu kaashisuun egalame daran jabachuun itti fufee ilmaan Oromoo nagaan 75 olitti lakka’aman humna waraana Wayyaaneetiin ukkanfaman. Fulbaana 30, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti fincilli Ummataa daran cimaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddessaa jira! Fulbaana 27, 2015 halkan keessaa sa’aa afuriin booda Waraanni mootummaa Wayyaanaa Ummatatti dhukaasa banuudhaan namoota hedduu madeessaniiru. Waraanni mootummaa Wayyaanee yoo xiqqaate rasaasa 330 ol halkan tokkotti ummata irratti dhukaasuu kan eegalee hanga ammaatti qawween uummata dura dhaabbachaa jira.
Waraanni Agaazii jedhamus gaasii boochiftuu ummatatti gadi dhiisuun namoota lakkoofsaan hedduu tahan humnaa ol reebuun daangaa du’aa fi jireenyaa gidduu akka jiranis himame. Manneen namootaa irra deemuun caccabsanii saamaa akka jiranii fi uummata jumlsaam hidhatti guuraa jiraachuun ibsamera..Haala kanaan yeroo ammaatti nammootni 75 ol nama hidhaa Wayyaaneetti dararamaa jiraachuu fi waraanni motummichaa nama karaarra deemu kamuu arginaan gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame .Maqaa ilmaan Oromoo nagaa Oromummaan yakkee Wayyaaneen hidhaatti guuraa jiru keessa muraasa nu qaqqabee jiru:
1. Obbo Daawwit Tafarii
2Obbo .Seefuu Tafarii
3.Obbo Alamuu Ajabii
4.Obbo Abbush Masfin
5. Obbo Saamu’eel Kabbadaa
6. Dargaggoo Fiqaaduu Amaaraa
7. Dargaggoo Nawaay Tasfaayee
8. dargaggoo Fayyisaa Raggaanee
9. dargaggoo Qattuu Dalasaa
10.dargaggoo Abbush Balaay
11 obboo .Katamaa Baayyuu
2. Obbo Fiqaaduu Tolasaa
13.Obbo Daani’eel Taarraqanyi
14.Obbo Asaffaa Kabbadaa
15. obbooTolasaa Abdiisaa
16. Muluu Baalchaa
17. Kaasuu Baqqalaa
18. Daani’eel Tasfaayee
19. Biraanuu fa’adha.kanneen jedhaman kan keessatti argaman ilmaanOromoo nagaan gaaffii mirga isaanii kabachiifachuu fi qe’eef qabeenyaa
keenya irratti halagaaf qawween dirqamnee hin bulluu waan jedhaniifi.

MUST WATCH – Artist Eliyaas Kifluu ” Mirga Keenya Alagaadhaan Dhaalamne”

Aside

https://youtu.be/iWaEG9sYeW4

Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Leenjii Siyaasaa Barattootaa Jechuun Guyyoota Afuriif Karoorfate Ture Diddaa Gootota Barattoota Oromoon Har’a Irree Eegalee Fashaluu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkololeessa 1,2015 Jimmaa

DiddaaMootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii Leenjii Barattoota jechuun Yuunibarsiitii Jimmaatti  eegalee guyyoota afuriif  goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master Planii Finfinneetiin hudhanii waan qabaniif har’a irraa eegaluun  fashaalee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Onkololeessaa 01/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa barruulee warraaqsaa gaaffii mirga abbaa fi mormii master planii Finfinnee qabu facaasuun  leenjii walga’ii Wayyaanee guyyoota afuriif mormii guddaa barattootni godhan cabsuuf  akkataa department barattootaatiin bakkoota 22 olitti qooduun teesisuuf yaaliin wayyaaneen goote milkii malee kan fashalaa’ee fi  mootummaan Wayyaanee yaaddoo keessa seenuun  waan qabee gadhiisuu dhabuun FDG narratti ka’aa jira jechuun walga’iin leenjii barattoota kun guyyaa har’aa irraa eegaluun akka dhaabbatu godhee jira. Yaaliin Mootummaan Wayyaanee walga’ii barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa teesisuun olola siyaasaa afaan faajjii isaan barattoota burjaajessuuf godhee bu’aa tokko malee dura dhaabbannaa qeerroon barattootni Oromoo godhaniin  guyyaa har’aa fashalaa’uun dhaabbatee jira. Mootummaan Wayyaanee Abbaa irree yakka duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiruu soda guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa waan qabuuf  walga’iin Leenjii Wayyaanee kun bu’aa tokko malee gaaffii ka’eefis deebii tokko utuu hin kenniin fashalaa’ee jira.

Gaaffiiwwaan gootota barattoota oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan dabballoota Wayyaanee irratti finiinfaman keessa:

  1. Walga’iin kamuu Oromiyaa keessatti Afaan Oromoon kan gaggeeffamuu yoo ta’ee malee hin dhaggeeffannu!!
  2. Labsii fi karoorri duula duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  3. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa isin gaafachaa turreef dursa deebiin sirnaa fi seeraa qabeessii yoo nuuf kenname malee walga’ii keessaan hin fudhannu jechuun dura dhaabbatan.
  4. Barattootni, dargaggootni fi Waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  5. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  6. nuti uummatni oromoo mootummaa mataa keenyaa nu bulchaa jiru hin qabnu!!
  7. OPDO’n dhaaba uummata oromoo bakka bu’uu hin dandeenye dhaaba maseeneedha,mirga uummata oromoo sarbisiisuu malee kabachiisuuf aangoo hin qabu!!
  8. Sobdanii ABO hin abaariina, ABO carraa biyya bulchuu argatee qabeenyaa Oromoo saamsiseeraa? Oromoo hidheeraa? Barattoota Oromoo itti dhukaasuun kan ajjeesaa jiruu loltuu mootummaa TPLF mitii?ABO sobaan arrabsuu fi jibbuun akka Uummatni Oromoo jaalatuu fi abdatu godha malee hin miidhu,  ABO’irree ,abdii fi gaachana uummata Oromooti!! Kana beeka.
  9. Yeroo mootummaa ce’umsaa 1991 illee ABO murtiin aangoo harka uummataa waan jiruuf filannootti seenee sagalee uummataan mirgi uummataa kabajamee mootummaa ijaarranna jedhe malee maal balleesse?? Shira xaxuun dhiibee ABOn biyya akka ba’uu kan godhee wayyaanee mitiree? Dhugaa dubbadhaa jechuun dabballee wayyaanee ABO arrabsuu fi maqaa balleessuuf karoorfatte afaan qabachiisan.
  10.  nuti uummatni Oromoo akka bay’ina keenyaa fi qabeenyaa keenyaa fi baldhina lafa keenyaatti
  11. qooddannaa aangoo siyaasaa hin qabnu!!
  12. humna raayyaa itti biyyatti keessatti aangoo hoggansa hin qabnu!
  13. qoodannaa dinagdee hin qabnu!, balaa beelaaf saaxilamneerra!!

4   Waliigalatti walga’iin leenjii barattootaa fi barsiisota jechuun oftan kun mootummaa uummata Oromoo bakka hin buuneen waan qophaa’ee fi gaggeeffamaa jiruuf qabsoo Oromoon mirga isaa kabachiisuuf godhu danquuf kan qophaa’ee malee uummata Oromoo fayyaduu fi biyyaa guddisuuf kan qophaa’ee waan hin taaneef hatattamaan nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyoota 4f itti fufinsaan haala wal fakkaatuun barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa department garaagaraatti qooduun bakka 22 olitti hirtee wayyaaneen tessisuuf yaaltullee guyyaa hardhaa gaaffii barattoota irraa itti dhukaafamaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuun guutummatti dhaabbatee, fashalaa’ee jiraachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gabaasan.

“Siifan” Walaloo, Yaasoo Kabbabaa Hordofaa Adaamaa Irraa

Aside

Wallagga Aanaa Haaruu Magaala Jiituu Keessatti FDG Guyyaa Kaleessaa Ka’een Wal Qabatee Oromoonni 10 Dararamanii Hidhaman,

Aside

Okoloolessa 1,2015 Haaruu

diddaa9Mootummaan Wayyaanee Ebla bara 2014 keessaa kaasee mormiin Master Pilaanidhaa oormiyaa guutuu kan hirmaachise keessatti dura dhaabbachuudhaan uummanni oromoo FDG finiinsaa ture. Haatahu malee godinaalee garagaraa keessatti farra FDG kan tahan poolisootaa fi jalee OPDO keessatti addatti nama qindeeffatee of dura dhaabaa jira.
Gara madden gabaasaa keenyaatti yoo deebinu yeroo mormii Master pilaanii qonnaan bulaa hedduun hidhamani mana hidhaa keessa jiraachuun waan ifaadha. Kanumaan godina Lixa wallaggaa aanaa Haaruu irraa hidhamanii kan bahan asitti isin ABO deggertu jechuudhaan halkanii guyyaa uummata Oromoo kan rakkisan irrayyuu mana jireenyaa keessan gubna jedhanii doorsisa uummata irratti banaa fi dargaggoota Oromoo
reebichaan yeroodhaa yerootti dhiphisaa kan jiran tahuu madden gabaasa Qeerroo achii nu gahe ibsa. Kanneen uummata dararan akka walii galaatti aanaa Haaruu irraa:
1. Abshiruu Tolaa
2. Tolaa Haayiluu
3. Habtaamuu Bushuraa
4. Zakkaariyaas Kabbadee
5. Rattaa Atoomaa
6. Abbabee Taakkalee
7. Abarraa Besendaa
8. Miratuu Qalbeessaa
9. Diinee Mohaammad,
10. Abaadir Abduu
Isaan jedhaman kun uummata Oromoo jiraattoota godina Wallagga lixaa aanaa Haaruu keessaa kan dararaa jiranii fi hidhan  yoommuu tahu isaan keessatti addatti uummata oromoo balaa guddaa kan tahanii fi qonnaan bulaan jiraachuu hanga hin dandeenyetti kan dararaa jiran Magaalaa Guyii fi Naannowaa isheetti an beekamoo tahan ammoo namootuma kana keessaa Diinee Mohaammad kan jedhamu qonnaan bulaa, maanguddoo oromoo irraa ulfina kan fuudhu aangoo qabu poolisummaatti fayadamuu kan reebu fi kanneen ifatti Maaster Pilaanii Finfinnee morman ammoo isin balleessina mana keessan gubna jechuudhan itti dhaadatuudha.