Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 12 August 2015

Aside

Naannoo Kibbaa Godina Shaakkisoo Magaala Teeppii Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Hagayya 13,2014 Teeppii

diddaa9Walgayiin dabballoota abbaa irree Wayyaanee naannoo Kibbaa godina Shakkaa, magaala Teeppiitti Hagayya 11,2015  adeemsifamuu ture sochii Qeerroo fi dargaggoota naannoo Kibbaa magaala Teeppitin feshalaa’e.

Odeessa Qeerroo aanaa Sidaamaa irraa ibsuun, bulchitootni aanaa fi magaala Teeppii dhimmi nageenyaa fi misoomaan walgayiin uummata jiraattota magaalaa waamameen gaaffiin mirgaa ka’uudhaan walgayiin feshelaa’e. Dargaggoonni magaala kanatti argamaniin gaaffii mirgaa kaasuun
– Gaaffiin mirgaa gaafannu deebii argachuu qaba
– Nagaa uummataa kan booresse mootummaadhuma wayyaaneeti
– Maqaa filannoon kanneen hidhamanii fi reebaman itti gaafatamni
mootummaadhuma tahuu qaba Fi kkf gaaffiin ka’een hidhatootni fi poolisoonni gaaffii dargaggootaa deggeruudhaan walgayiin akeekames feshalaa’uu Qeerroo gabaasee jira.
Haaluma kanaanis magaalota kanneen akka Hawaasaa, Sidaamaa fi Walaayittaa Sooddoo keessa gaaffiin mirgaa itti fufe. Hojjetootnis hojii dhaabuu fi maqaa filannoon miidhaan mootummaan hawaasa irratti gaggeessaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhanii fi dhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiru qixa kamiinuu dhaabbachuu qaban jechuun gaaffiin mirgaa hojjetoota mootummaa, uummataa fi dargaggoota deggereen ka’ee jira.

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Oromoo Hagayya 11, 2015

Aside

Sab-quunnamtii Uummataa (Media) fi Oromoo Faayidaan sab-quunnamtii (mass media) madda odeeffannooti.

Aside

barruuUtubaa Lammii Irraa

Odeeffannoon ammoo haala jireenya namaa keessatti har’a addunyudhuma walii galaa keessattuu haallewwan jireenya namaatiif barbaachisoo (necessity ) jedhaman keessatti ramaduunuu ni danda’ama. Maaliif jennaan har’a odeeffannoon addunyaa kana keessaa daqiiqaaf citnaan jeequmsa hagamii akka inni fidu mee haa yaadnu, sadarkaa odeeffannoo saatalaayitii irraa egalee. Dirree waraanaatti ajajaa fi ajajamaa gidduudhaa odeefannoon yoo cite badii dalagamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu. Gara sab-quunnamtii uummataatti (media) haa deebinu. Har’a sab-quunnamtiin walitti dhufeenya uumataa fi hariiroo mootummoota addunyaa gidduutti ta’u keessatti bakka guddaa qaba. Odeefannoo gaarii ta’e dabarsuun, bulchiinsa gaarii keessatti misooma fi guddina inni fiduu fi olola walirratti oofuun ammoo badii inni dhaluu tilmaamuun ni danda’ama. Bifa kamiinuu ga’ee inni hawaasa addunyaa keessattis ta’ee uummatoota naannoo tokkoo gidduutti xabatu guddaadha. Odeeffannoo addunyaas ta’ee dhimma hawaasa keessaa jala bu’uu yoo barbaadde saa’atii 24 keessatti maaltu raawwatee fi deemaa jiraa dhaga’uuf yeroo argatte keessatti ganama kaatee ykn galgala mana kee teessee radio, TV, Interneeta fi carraa odeeffannoo irraa argattu mara jala buuta. Keessattuu nama siyaasaa tokkoof odeeffannoon qaama jireenya isaa keessaa tokko yoo jenne dhugaa irraa hin fagaannu. Maaltu deemaa jiraa ykn maaltu dhufuuf jiraa, siyaasa akkamiitu hawaasa sana keessa deemaa odeeffannoo barabaachisu mediyaa irraa argatta. Kanaaf yeroo hedduu mootummoonni abbaa irree mediyaa uummataa walaba ta’e ni ukkaamsu, kan mataa isaanii ammoo faayidaa olala mataa isaanii keessatti of argan qofaa dabarsu. Mediyaa cufaa biyyoota fayyadaman keessaa Itophiyaa fi Koriyaa akka fakkiitti kaasuun ni danda’ama. Mediyaa of harkaa qabaniin odeeffannoo siyaasa isaanii callaqisuu fi tarkaanfachiisuu akkasumas gowwomsaa uummataaf ammoo waa’ee misoomaatii alatti rakkina hawaasa keessaa gama siyaasaanis ta’ee dinagdeen ibsuu irraa baay’ee of qusatu. Mediyaa alarraa seenu ukkaamsuuf ammoo maallaqa hedduu itti qisaasuSab Quunnamtii Uummataa fi Oromoo

SBO Hagayya 12,2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Jaal.Odaa Xasee miseensa Gumii Sabaa ABO waliin geggeeffame, Ibsa ejjennoo hirmaattota kora gamtaa miseensota ABO Godina Auroppaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Mootummaan Wayyaanee Tahe Jedhee Dargaggoota Oromoo Qor-Qalbii Cabsaa Jiru Dura Dhaabbachuun Dirqama.

Aside

IMG_20150811_062319Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti humni nama baratee hojii dhabuun akka rakkaachaa jiru beekamaadha bu’uuruma kanaanis guutuu Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee tooftaa qor-qalbii dargaggoota Oromoo cabsuu jedhuun gaaffiin siyaasaa fi hundeen rakkina uummatootaa akka hin kaaneef jecha maqaa bakka bashannanaa jedhuun dargaggoon Oromoo lafa taphaa jechuun manneen akka araada adda addaa nama qabsiisan,Shiishaa,fiilmiiwwan dheeraa ilaaluu akkasumas qumaaraa taphatuun dhalataan Oromoo tokko akka  yeroon isaa qisaasamu waan taasisameef dargaggoonni Oromoo bakkeewwan raatessaa shira Wayyaaneen qabaawe adda addaa irraa FDG  uummatasanii keessatti hirmaatanii akka jabeessan jabeessinee Qeerroon dhaammata.

UNPO’s XII General Assembly Adopts Oromo Resolution

Aside

July 13, 2015

On 3 July 2015, Dr Shigut Geleta of the Oromo Liberation Front (OLF) presented a resolution to UNPO’s XII General Assembly, affirming his organisation’s abhorrence of the current situation faced by Oromo people in Ethiopia, and expressing a desire for more genuine democracy, greater involvement from the international community, and an end to state-sponsored violence. UNPO adopted the resolution, thus affirming its support for the Oromos’ demands for justice and equality. 

Below is the full text of the resolution:

Resolution

The Oromo Liberation Front (OLF) was established in 1973/1974 by Oromo nationalists in the heart of Oromia, Finfinne (Addis Ababa) to exercise the Oromo people’s inalienable right to national self-determination, to terminate a century of oppression and exploitation, and to form the independent republic of Oromia, or where possible, a political union with other peoples based on equality, respect for mutual interests and the principle of voluntary association. Today OLF has grown and expanded to all parts of Oromo land (Oromia). During the last 40 years, the organization has become of the leading political forces in the region. It has brought about or influenced several positive changes in the Oromo society where it has the unparalleled support of the whole population.

The Oromo constitute more than 40% of Ethiopia’s estimated 98.9 Million inhabitants. They maintain a distinct and homogenous culture, and a common language, history, descent, and separate territory from Abyssinians, who created the Ethiopian empire state. During their long history, the Oromos developed their own cultural, social and political system, known as the Gadaa. The Gadaa is a democratic, political, and social institution that governed the life of every individual in the society until its systematic suppression by the occupiers.

The UNPO General Assembly,

Underlining the persistent violation of human rights in Oromia, Ethiopia that includes arbitrary killings, disappearance,  torture, beating, abuse and mistreatment of detainees by security forces, life-threatening prison conditions, arbitrary arrest and detention, detention without charge and lengthy pre-trial detention, violation of privacy rights  including illegal searches; land grabbing, restrictions on academic freedom,  restrictions on freedom of assembly and association, on freedom of expression and movement; alleged interference in religious affairs, violence and discrimination against women, and abuse of children[1];  Visit More:-  http://unpo.org/article/18372

Wallee Haaraa Artist Bariisaa Dabaree/Hagayya 2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 10 August 2015

Aside

Konsertii fi Eebbi Albami Haaraa Arsits Galaanaa Gaaromsaa” ILMAAN HAYYOOTAA” Jedhu Bakka Uummanni Oromoo 3000 Ta’u Sirna Howwaan Finfinnee Keessatti Eebbifame.

Albama HaaraaEebba aalbama Artist Galaanaa Gaaromsaa magaalaa Finfinee naannoo Caffee Araaraatti  Hagayya 09,2015 ta’een manguddoonnii fi dargaggoonni Oromoo sabboontoti 3000 itti tilmaaman irratti argamuun haala aja’ibsiisaa ta’een eebbifamee jira.

Eebba kana irratti sabboontoti Oromoo fi aartisotooti Oromoo hedduun argamuun guddina afaanii fi aadaan Oromoo kanaan kan nu gahe qabsaawota lafeefii dhiiga akkasumas lubbuu itti wareeganii asiin nu gahe hedduu galateeffatna jechuun dhaamsota jajjaboo guddaa dabarsanii jiru.

Keessummoota argaman gaazexxessaa Ibraahim Haajii  aragamanii haasaa ijaaraa fi onnachiisaa taasanii jiru.

Yeroo konsertii fi eebbaa Albama kana irratti sabboonti Oromoo argamanii aadaa fi eenyummaa saba Oromoof gumaacha taasisanitti ergamtooti sirna abbaa irree Wayyaanee ammo dhimmi diaspora jechuun akkaataa itti uummata Oromoo qorqalbii cabsan irratti mariyachaa turan.