Eebba aalbama Artist Galaanaa Gaaromsaa magaalaa Finfinee naannoo Caffee Araaraatti Hagayya 09,2015 ta’een manguddoonnii fi dargaggoonni Oromoo sabboontoti 3000 itti tilmaaman irratti argamuun haala aja’ibsiisaa ta’een eebbifamee jira.
Eebba kana irratti sabboontoti Oromoo fi aartisotooti Oromoo hedduun argamuun guddina afaanii fi aadaan Oromoo kanaan kan nu gahe qabsaawota lafeefii dhiiga akkasumas lubbuu itti wareeganii asiin nu gahe hedduu galateeffatna jechuun dhaamsota jajjaboo guddaa dabarsanii jiru.
Keessummoota argaman gaazexxessaa Ibraahim Haajii aragamanii haasaa ijaaraa fi onnachiisaa taasanii jiru.
Yeroo konsertii fi eebbaa Albama kana irratti sabboonti Oromoo argamanii aadaa fi eenyummaa saba Oromoof gumaacha taasisanitti ergamtooti sirna abbaa irree Wayyaanee ammo dhimmi diaspora jechuun akkaataa itti uummata Oromoo qorqalbii cabsan irratti mariyachaa turan.
Pingback: Oromo | Oromia: Gadaa.com-FinfinneTribune Oromo Recording Artist Galaana Gaaromsaa Releases New Music Album "Ilmaan Hayyootaa" | Also Available in Digital Music Stores |