IJOO DUBBII ABO: Qabsoon Bilisummaa Hojiin Malee Ololaan Bakka Hin Gahu.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

aboJaarmayoota siyaasaa, sabboontotaa fi kanneen mirga namoomaaf falman marti mootummaa empaayera Itophiyaa irratti of aangomsee jiru irraa hammeenya suukanneessaa gosa adda addaa raawwatamaa turee fi jiru irraa  karaa itti mirgi ummatootaa kabajamee nagaa waaraa fi bilisummaan mirkaneeffamu, ummatootni dhumiinsa, hidhaa, baqaa fi beela irraa baraaraman faluu irratti xiyyeeffatuun qabsaawaa turan. Hanga qabsoon godhan milkaa’uttis qabsoo itti fufanii jiran.

Haalli siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa empaayera Itophiyaa yeroo ammaa wayyoomina agarsiisuu irra kan duraanii caalaatti hammaataa arreedaa akka jirus ifatti mul’ata.  Addatti ammoo filannoo kijibaa wayyaanee marroo 5ffaa Waxabajjii 2015 adeemsifameen, dhibbaa dhibbatti mo’atuu isaa qaaniin alatti eerga labsateen asitti ummaatootni empaayera kanaa fedhii fi filannoo isaaniin alatti akka murna bicuu jalatti Ameen jedhanii bulaniif dirqisiifamaa jiran.

Gochaaleen diinummaa fi farrummaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ammoo hunda irra ulfaataa fi bal’aa tahuu irraa goleelee Oromiyaa hunda waliin gahaa jiran. Ummata Oromoo diineffatuun sababa nuhi hin deggertan jedhuun, qe’ee isaa irraa buqqaasuun, hojii irraa gugsuun, hidhuu fi bakka gariitti ammoo ajjeesuun gochaalee diinummaa guyyuu lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiranii dha. Gochaa diinummaa kana Oromoo irraa ittisuuf, dabrees kaasuuf, ABOn hojii hangafa godhatee kan irratti hojjataa ture tahullee ammaan tana tarkaanfii gara garaa bakka adda addaatti fudhataa jiruun abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneessaa jira.Ijoo Dubbii ABO Hagayya 2015

SBO Hagayya 16,2015. Oduu, Murtii fi Kutannoolee Kora Miseensota ABO Kaaba Amerikaa 2015, Dhimmuma Kanaan Walqabatee Gabaasa Addaa, Gaaffii fi Deebii Jaal.Odaa Xasee Kutaa Xumuraa fi Qophiilee biroo…

Aside

ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 14, 2015

Aside

Abdii Boruu:- ABO -> AWO -> Jijjiirama -> ADO -> KWO -> ??? fi THBO … Qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo eessaa ka’anii eessa jiru? Garamitt (karamitti) deemaas jiru?

Aside

Abdii Boruutiin*

timthumbOtuu gara dhimma mata-duree kanaatti hin seenin dura, warra maqoota jaarmayaaota Oromoo kana hin beekneef ykn hirraanfataniif ibsi isaanii akka armaan gadii ti:

ABO = Adda Bilisummaa Oromoo
AWO = Adda Walabummaa Oromiyaa
Jijjiirama = warra maqaa ABOtiin bara 2008 mooraa kana keessatti jijjiirama fidna jedhanii garee biraa uuman
ADO = Adda Diimookraatawa Oromoo
KWO = Kallacha Walabummaa Oromiyaa (kan dhiyoo kana maqaa jijjiirrate)
THBO = Tokkummaa Hmnoota Bilisummaa Oromiyaa (kan ULFO dhaan beekamu)
??? = Yaa Waaqayyo/Rabbi maal nu dhageessisuuf jirta?

Waayee jaarmayoota keenyaa, gadifageenyaan beekuu baadhullee, akkan hubadhutti kan THBO irraa hafan hundi isaaniituu warra qaama ABO turanii dha. Jaaramyootni miseensota THBO tokko tokkollee akkasuma warruma duraan qaama ABO turan natti fakkaatu.

Gaafii mata-duree irratti dhiyaateef guutumaa guutuutti deebii kennuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, jaarmayootni kun eessaa akka ka’antu beekamuu danda’a ta’a malee garamitti akka deemamu ykn waan boru uumamu beekuun baay’ee rakkisaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, jaarmayootni kun yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiranis sirriitti beekuunis nama dhiba. Waanan kana jedheef boodarra barreeffama kana keessatti ibsuun yaala. Gaafiin sana dura ka’uu qabu garuu, “Jaarmayoota ykn gareelee kana akkanatti heddoomsuun ykn jijjiiruun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaatiif jedhameeti moo kaayyoo iccitiin isaa hin beekamnetu mooraa QBO keessa jiraa laata?” kan jedhu ta’a. Gaafii kana akkuma jirutti uummata Oromootiif dhiisee; garuu waan dhiibboo natti ta’e tokkon kaasuu fedha.

Durumaa jalqabee rakkooleen adda addaa mooraa ABO keessa turanillee, wanti bara 2008 booda mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru waan nama ajaa’ibuu dha. Jijjiiramni yeroo sana labsame, kan bu’aa fidu ta’uun isaa hafee siriidhaa diraamaa dhuma hin qabne akka uume fi diraamaan kun ammallee akka ittifufaa jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Bara 2008, yeroo gargar hiramuun uumame sana, sababni guddaan jijjiiramni labsameef mooraa ABO keessatti jijjiirama bu’uraa fiduu fi ABO haaromsuu jedhamee ture. Hogganummaa ABO keessa rakkoon akka turellee irra deddeebi’amee ibsamaa ture. Jijjiiramni labsame fi ibsame sun dhugumatti bu’aa tokko argamsiisuu danda’a jedhamee waan eegameef, qalbii uummata Oromoo waan hawwate natti fakkaata. Haa ta’u malee, jijjiiramni sun bu’aa fiduun isaa hafee waan nama gaddisiisan baay’eetu mul’atan. Guutuu barru argachuuf http://www.Gadaa.com  irra argattu.

Godina Lixa Shaggar Naannoon Garaagaraa keessatti Uummatni Sirna Bulchiinsa Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Irraan Oromoonni Nagaa 16 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Hagayyaa 14,2014  Midaa Qanyii

Because I am OromoGodina Lixa Shaggar , AANAA MIDAA QANYII keessatti Uummatni Oromoo qonnaan Bultootni, dargaggootni fi Barattootni guutummaatti sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti afaan qawwee fi loltuun doorsifamaa hin bulluu , qajeelfamaa fi ajaja Wayyaanee irraa dabarfamu hin fudhannuu , balleessaa tokkoo malee duullii hidhaa fi adabbiin mallaqaa dabbaallota Wayyaanee maqaa Kumaandii Poostii jedhamuun ijaaramanii qawwee hidhachuun nurratti rawwachaa jiraniif hin jilbeeffannuu FDG jabeessuun dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmanna jechuun uummatni murtii dabarsee jira.

Haaluma kanaan Loltooti Wayyaanee akkasumas kaabineen bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Kumaandii Poostiin Wayyaanee qawwee hidhatee sochoo’aa jiru murtii uummataa kanatti rifachuun dargaggoota fi barattoota Oromoo hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame, dargaggoota, barattoota , qonnaan bultootaa hidhuu fi daldaltoota irratti manneen daldalaa badii tokko malee cufaa jiraachuun ibsame.

  1. Barataa Hinnawuu Addunnaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  2. Barataa Dassuu Haacaaluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  3. Barataa Goonanaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  4. Barataa Kabbabaa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  5. Barataa Qixaataa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  6. Barataa Warqinaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  7. Barataa Goobanaa Abdiisaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  8. Barataa Taakkalaa Iddoosaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  9. Barataa tamasgeen Ayyaanaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  10. Barataa Dassaalee Baahiluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  11. Obboo Sisaay Mokonnoon mana baaburaa midhaan daakuu irratti cufan.
  12. Obboo Dammilaa Shuree baabura midhaan daakuu irratti cufan
  13. Obboo Daandanaa Diriirsaa baaburaa midhaan daakuu irratti cufan
  14. Obboo Tashaalee Angaasaa suuqii isaa fi baabuura midhaan daakuu
    irratti cufan.
  15. Obboo Takkiluu Rakka’aa baabuura midhaan daakuu irratti cufan,
  16. Obboo Abarraa Mokonnoon Suuqii isaa irratti cufuun daldalachuu dhorkan.
    Kanneen jedhama dabalatee Uummata AANAA MIDAA QANYII irratti mootummaan wayyaanee yakka jibbinsa sanyummaa fi abbaa irrummaan guutamee karaa jalee isaa fi kumaandii poostii isaa rawwachaa jiraachuun saaxilame.

Koreen Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Baha Oromiyaa Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Waliigalaa Irraatti marii gaggeessuun ibsa ejjennoo qabxii saddetti qabu dabarsuun marii isaanii milkiin Xummuratan.

Aside

Logo QeerrooHagayyaa 13/2015   ‘’ Qabsoon Bilisummaa Oromoo Faashinii baraa mitii hadhaa’eetu minyaa’a bu’aa wareegamaati’’ Addii Bilisummaa Oromoo  (ABO) lamas sadiis miti, dhaabaa lafee fi dhiiga ijoollee Oromootiin utubamee ijaraamedha, Kanaaf ABO diiguunis ta’ee cicciruun ykn jijjiiruun hin danda’amu. Dhaabni kun dhaaba uummataatii malee dhaaba gartuu muraasaa(nam-tokkee) akka hin taane seenaa uummataa Oromoo fi ABO waliin waliitti hidhatee jiru ni ibsa.  Ijoolleen Oromoo maqaa ABO bakkoota adda addaatti maxxanfachuun akka Sagantaa fi siyaasaa mataa ofii fi maqaa ABO bakka lamaaf sadiitti maxxanfachuun adeemsa burjaajii siyaasaa biyyoota hambaa garaagaraatti ilmaan Oromoo gidduutti muldhatu gadii jabeessuun balaaleffaanna. Ololli farra tokkummaa ta’ee afaaniin maqaa tokkummaa farsuu kun yeroon dhaabbatee ilmaan Oromoo gama qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu, jabeessuu, humneessuu fi dirqama Oromummaa keessanii akka bahattan dhaamsa keenya dabarsuun, xiyyeeffannoo keenya isa guddaa Mootummaa abbaa irree garboontattuu Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun akka hojjetnu waamicha keenya dabarsina.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF ilmaan Oromoo Ajjeesaa, dachee Oromiyaa saamaa, balaa beelaaf saaxilaa,duula hidhaa Jumlaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa fi uummata Oromoo humnaan cabsee bitaa kan ture, ammas qabsoon FDG fi sochiin uummatni Oromoo gama hundaan wayyaanee irratti gaggeessaa jirru jabaachaa fi wayyaanoota yaaddoo keessa galchaa waan dhufeef mootummaan Wayyaanee qabsoo sochii diddaa biyyaa keessa fi biyyoota hambaa garaagaraa keessatti Oromoon tokkummaan irratti gaggeessaa jirru laffisuuf  ta’a jedhee ilmaan Oromoo kaleessaa biyyaa abbaa isaanii irraa arii’ate jiruuf jireenya dhorkachaa turen hardha immoo maqaa ‘’Diaspora’’ jedhuun sossobee dhiigaa obbolaa isaanii fi foon lammii isaanii guyyaa saafaa rasasaan fixaa ture ‘’Hirmii’’ yaachisaa jiraachuun hubatamee jira. Qeerroo Bilisummaa Godina Baha Oromiyaa

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu, Qophii Hagayya 13 fi 14,2014

Aside

Seife Nebelbal Radio brings you news from Oromia, which can significantly contribute to the Oromo struggle. To do so, it needs your continuous support. Please make a donation to:
Chase Bank
Routing number 111000614
Account number 686623930
for internatinal dontion chas 33
We thank you in advance for helping us to continue serving the Oromo people in Oromia
Seife Nebelbal Radio seife nebelbal radio ከላይ በተጠቀሰው የሒሳብ ቁጥር እርዳታ በማድረግ የበኩሎን እንዲወጡ እንጠይቃለን :: seife radio

Wallagga Godina Horroo Guduruu Hojjettooti Warshaa Shukkaara Finca’aa Diddaa Kaasan Itti Fufuun Hojii Dhaabuun Gabaafame.

Aside

finca'aaHagayya 11,2015 irraa kaasee hojjettootni Warshaa sukkaaraa Finca’aa gaaffii mirga namummaa fi Dimookiraasii gaafatneef hangaa deebii argannuutti FDG egallee jirruu itti fufna jechuun FDG fi gaaffiin keenyaa nuuf haa deebi’uu jechuun guutummaatti hojiin Warshaa shukkaaraa Fincaa’aa dhaabbatee jira.

Hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hundi guyyaa kaleessaa irraa eegaluun Hojii warshichaa guutummaatti dhaabuun FDG jabaatee itti fufee jira, Guyyaa har’as bulchiinsii Warshaa sukkaaraa sochii FDG hojjettootni kun godhan irraa naasuu fi soda guddaa keesssa seenuun hojjeettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa tasgabbeessuuf yaaliin guddaan godhamullee Qeerroowwaan dargaggootni Oromoo , Uummatni, hojjettoottni warshaa sukkaaraa Fincaa’aa hundi hojii warshichaa dhaabuun gaaffii mirga namummaa fi dimookiraasii finiinsan. Torbanoota darban keessa Dhimma ilmaan Oromoo hojjettoota Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa Arii’atamuu fi Gaaffii mirgaa kaachisuu ‘’Hagayyaa 06/2015 Hojjettootni Oromoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessaa hojjechaa turan Oromummaan yakkamuun arii’atamuu’’ gabaasuun keenyaa ni yaadatama, sarbamuu mirga uummataa keenyaa fi uummatni keenyaa mirga isaa sarbamaa callisee akka taa’uu hin qabne hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Horroo guduruu jala bu’uun falmii gaggeessuu irratti argama, haaluma kanaan uummaatni keenyaa gaaffii mirgaa tokkummaan finiinsuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa itti fufee jira, Uummatni Oromoo qindeessuummaa qeerroo Bilisummaa Oromoon sochii isaa jabeeffachuun gaaffiiwwaan bu’uuraa armaan gadii bu’uuraa godhachuun mootummaa wayyaanee abbaa irree irratti FDG itti fufee jira.
1. Mirgi namummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba,
2. Mirgii biyyaa abbaa keenyaa keessaatti nurraa sarbamee nuuf kabajamuu qaba.
3. Haal duree tookko malee hojjeettootni warshaa Suukkaaraa Fincaa’aa irraa Oromummaan yakkamanii arii’aman hojiitti deebi’uu qabu.
4. Oromummaan yakkamuun hojii irraa arii’atamuun, hidhamuu fi doorsifamuun atattamaan dhaabbachuu qaba.
5. Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo hojjettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa arii’uun , ilmaan saboota biiroo ulaagaa tokko
malee namoota 250 fidee bakka ilmaan Oromoo arii’amni qacaree yeroo gabaabaa keessaatti carraa guddinaa fi sadarkaa kennaafi jiruu
atattaamaan dhaabuun tajajillii seeraa qabeessi hojjetoota hundaaf wal qixa kenaamuu qaba.
6. Daballiin miindaa hojjettoota warshaa Sukkaara fincaa’aa haalaa hin eegamnee gadi bu’ee waan jiruuf hojjettootni Warshichaa haala jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif daballiin miindaa jiruuf jireenya hojjeettootaaf mijataa ta’ee akka kennaamuuf kanneen of keessaa qaban gaaffii mirgaa kaachisuun hiriiraa ba’uun sagalee mormii guddaa dhageesisaniru.

Waraabessi bineensa gaaraa yeroo haadhakeefi abbaakee qorxomsee nyaatu yoo agarte, atis waraabessa sana wajjiin foon warrakee nyaattamoo irraa ariitaa??

Aside

Hariiroo Jorgoo Irraa

001kklkkk 012Hooteelota biyya kana keessatti  qaalominaan beekan keessaa Shaaraatenitti aanee Ilillii International fi Intercontinental Hootel kan jedhamanidha. Hooteloonni kunneen bakkee bashannanaa aangawoota wayyaanee yeroo ta’an nyaataafi dhugaatiin akkasumas gatiin siree isaanii gurraaan dhageetiif illee kan tolan miti.Garmalee ol’aanoodha. Biyya namoonni kuma dhibba shanii ol daandiirra ciisu keessatti, biyya jaarsaafi jaartiin waan dhandhamee bulu dhabee kadhaatti bobba’ee jiru keessatti, biyya uummannishee godinootaafii naannoolee garagaraa keessatti beelaan akka baalaa harca’aa jiru keessatti bakkeewwan akkasitti bashannanuun yakka bira darabee cubbuu guddaadhaleeti!

Yeroo har’aa Oromiyaa keessaa Harargeefi Boorana, Dhiha Baaleefi Arsii keessatti, uummanni hedduun beelaan lubbuun isaanii darbaa jira. Akkasumallee loon hongeen galaafataa jiraachuun kan dirmatuufii dhabamee balaa uumamaa gurguddaa kan akka rooba dhabaatiin rukutamaa jira.

Miidiyaaleen mootummaa wayyaaneefi kan dhuunfaa kan habashootaa lafarraa dhumuu Oromoo waan gammadaniif sagalee saba kanaa gabaasaa illee hinjiran. Miidiyaaleen wayyaanee silaayis quufa Oromoo, badhaadhummaa Oromoo qabsookootiin argame jechuun kijiba afarsu waan saaxiluuf oduun beelaa akka dhagahamu hin haayyamu.

Affaar keessattis kanuma Oromiyaa fakkaatutu gaggeeffamaa jira. Looniifi namoonni beelaan guyyaarraa guyyaatti harca’aa jira. Seenaa biyyattiin ittiin beekamtu beelli walloo irra gahaa ture, kunoo ammas uummmataafii beeyladaa Oromiyaafi Affaar keessatti hammaatee argama. Hongeen dhabama roobaan dhalate ilma namaafi loon  lafarraa haxaayaa jira.Waraabessi bineensa gaaraa yeroo haadhakeefi abbaakee qorxomsee nyaatu yoo agarte

Godina Shaggar Lixaa Aanaa Qarsaa Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufe,Shaggar Kaabaa Kuyyuu Keessatti Ammoo Barruuleen Warraaqsaa Qeerroo Baldhinaan Faca’e.

Aside

Hagayya 13,2015 Finfinnee

diddaa9Godina Shaggar Lixaa aanaa Qarsaa Malmaa ganda Hagaroo Waliboo jedhamu keessatti waldhabbiin dargaggoota Oromoo fi milishoota Wayyaanee jidduutti ta’een FDG ka’uu Qeerroon gabaase, Hagayya 12,2015 sochiin Qeerroo jabaachuu irraatti hidhattooti Wayyaanee manneen uummataa irra deemuun jiraattota reebanii hiraarsuun ijoollee keessan fidaa isaantu mootummaaf bitamuu dide sababaa jedhuun namoota hedduu qabanii reebaa jiru,keessatti namni guddaan Obbo Birraa Badhaasoo jedhmu bulchitoota gandaa fi hidhattootaan reebamuu irraa miidhami guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon gabaasa. Kana malees mana jireenya uummataa irra deddeemuu fi sakatta’uun qabeenya uummataa saamaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa. Haalli kun hammaachuu irraan hanga ammaa diddaan dargaggootaa fi jiraattota naannoo itti fufee bulchitoota Wayyaanee haalaan yaaddessee akka jiru beekama.  Kana malees Shaggar  kaabaa Kuyyuutti har’a waraqaan qabsoo faffacaate.

  • Wayyaanen farra Oromooti Lafti ummata samamun haa dhaabbatu
  • Wayyanen saamtuu fi hattuudha
  • Qonnan bulaan lafa isa irra hin buqqa’in
  • Manni qonnan bulaa diigamu hin qabu
  • Oromon lafa isaa buqqa’un haa dhaabbatu.

Jedhame waraqaan daandii irratti faffaca’ee jiraachuu qeerroon addeessa.  Poolisooni naannoo dhimma kana qorachuu fi yaada uummata baruufis
qorannaa adeemsisu jirti. Gaaffin uummata kan mirgaa yoomu kan hin
dhabbannen itti fufee jira.