NEW OROMOO SONG 2015 MUNIIR ALI (FATAHO ALI) QABSOO HADHOOYTUU QABSOON TIYYA

Video

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Hagayya 26 fi Simbirtuu Hagayya 27,2015

Aside

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Abbaay Tshaayee Dabalatee Namoota 7 Gaggeesse.Muktaar Kadir Ammoo Dura Taa’aa Dh.D.U.O Ta’uun Filatame

Aside

tplf-eprdf-politburo-member-abay-tsehaye-dozing-during-meetingHagayya 26,015Addi Bilisa Baasaa Ummta Tigraay obbo Abbay Tsaayee dabakate namoota 7 miseesumma koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeesseera.

Akkaatuma kanaan:-

1.O bbo Abbaay Tshaayee

2.Obbo Teewoodiroos Hagoos

3.Obbo Abbaadii Zammuu

4.obbo Tsagaayee Barihee

5.Adde Roomaan Gabrasilaasee

6.Obbo Tawalda Barheefii

7 Obbo Taklawayin Asaffaa miseensummaa koree jiddu galeessa keessaa kabajaan gaggeeffamaniiru.

Addichi murtee kana kan dabarse oolmaasaa guyyaa shanaffaatiin akka ta’e beekameera.

Addichi yeroo eegalutti, miseensota koree gidduu duraan gaggeeffaman 17 deebisuun akka filanii fi filaman aangomsee jira.

Yaa’ichi  filannoo miseensoota koree jiddu galeessaa adeemsisuun xumurama jedhamee eegamaa jira.

Sochiin Demookraasummaa Saba Amaaraas obbo Addisuu Laggasafi obbo Yooseef Rattaa miseensummaa koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeessuun isaa kan yaadatamu.

Gama biraan ammoo   Yaa’iin OPDO-DhDUO Adaamaatti gaggeeffamaa ture, dura taa’aafi dura teessuu ittaantuu dhaabbatichaa filachuun har’a xumurame.

Obbo Muktaar Kadir dura ta
Ob Muktaar Kadir

Gabaasaan keenya Adaamaa irraa akka beeksisetti, yaa’ichi obbo Muktaar Kadir dura taa’aa dhaabbatichaa gochuun yeroo lammataaf filatee jira;  Addee Asteer Maammoo immoo dura teessuu ittaantuu dhaabatichaa gochuun filateera.

Yaa’ichi miseesoota koree hojii raawwachiiftuu lakkoofsaan 81 ga’anis filateera.

Isaan keessaa immoo miseesnoota koree jiddu galeessaa 15  eeramanii ture.

 

More visit  www. Oromedia.net

Hanqina Roobaa Godina Harargee Bahaa fi Shaggar Bahaa Keessatti Uumameef Mootummaan Wayyaanee Ilaalcha Keenuu Dhabuu Irraan Uummati Gara Malee Miidhamuu Qeerroon Gabaase

Aside

deaths-of-cattle-ethiopiaHagayya 26,2015 Finfinnee ,Godina Harargee bahatti hanqina roobaan wayita ammaa kana haala yaaddessaa fi sodaachisaa keessa uummata buusee jira. Baatiwa darban Waxabajjii irraa kaasuudhaan shakkiin bokkaa baduun wal qabatee uummanni yaada kaasee dhiyeessa kan ture keessatti roobni hanqinni yoo mul’ate horii keenyaaf waan soora ittiin dhiyeessinu hin qabnu haalli jiru ammoo roobni akka hin jirreef nama akeeka jechuudhaan haasaa taasisanii mootummaa Wayyaaneetitti yaada dhiyeessa bubbulan. Garuu kan isaan jedhan hin hafne mootummaanis hanga ammaa furmaata tokko dhimma kana ilaaluun deebiseef hin jiru.

Yeroo ammmaa Oromiyaa keessa dhabamuu roobaatiin gogiinsi iddoo hedduutti itti fufeetu jira. Akka walii galaatti naannoo Harargeetti horiin dhumtee uummanni haala yaaddeessaa fi beela guddaa keessa jira. Akka biyyattiiitti bokkaan naannoo garagaraattuu kan hin jirree fi sadarkaa olaanatti miidhaa guddaan kan irra gahaa jiru Harargee fi naannoo Shaggar bahaa tahuun raga qabatamaatu jira.
1. Shaggar bahaa keessatti beeladi hedduun beelaan dhumaa jiru. Beelli guddaanis uummata irra buufatee jira. Rakkoon kun osoo mul’atuu mootummaan Wayyaanee dabalataanis kunoo oromoo akkamiin miidhu, akkamittan qabeenyaa Oromoo fi oromiyaa dhuunfachuu amuummachuu jabeeffataa jira.
Kun akka biyyaatti haala sodaachisaa kessatti nama gata. Bokkaan as dhiyootti yoo hin roobu tahe beelli jabaanis uummata irra gahu keessatti namni sadarkaa wal nyaachuutti deema kan jedhan naannole garagaraatti sodaa fi yaaddoo kanatu olka’ee dubbatamaa jira.
2. Naannoo Harargeetti akkuma olitti xuqnes kan nama gaddisiisuu daa’imnillee waan dhugan dhabuu irraan sadarkaa du’aa irra jiru. Horiiwwan waan nyaatan dhabaniiru. Yeroo darbee baatiwwa dhuma caamsaa fi jalqaba waxabajjii keecha bokkaan bakka yeroo lama sadiif roobetti uummanni midhaan facaase. Ergasii yeroo xiqqaaf bokkaan waan hin roobin jiruuf midhaan faca’es deebi’e goge. Kun rakkoo mootummaan dursa itti qophaawuun afforestation babaldhisuu dhabuu fi haqinoota adda addaa irraa dhufu akkasumas uumaman dhufu tahullee mootummaan hanga mootummaa tahe biyya bulchutti rakkina hamaa uummata irra gahaa jiru kanaaf deggersa taasisa jedhamee kan eegamu irra balaadhaaf uummata oromoo saaxiluufillee karoorsuu hin dhaabu.
Waanti nama dhibuu fi raaju mootummaan wayyaanee roobni baduu fi uummanni waan nyaatu dhabuu kana osoo arguu gatiin xaa’oo fi sanyii filatamaa isin irraa eegama jechuunis doorsisuu hin dhaabne jedhan. Irra caalmaatti Shaggar bahaa naannoo Fantalleetti,Adaamii Tulluu, Dugda Bora, Boosetti fi Adaamatti gaaffiin kun uummatatti dhiyaataa jira. Gatiin sanyii filatamaa fi xaa’oo yeroodhaan kaffalamuu qaba kan
jedhan garuu midhaan faca’ee sababii roobni bokkaa dhaabbateef karaatti hafe goguu irratti kan argamu kun mootummaa wayyaanee gaddisiisuu dhaburrayyuu gatiiwwan kanneen gaafata jira.
3. Hanqinni roobaa fi gogiinsi dhufe irra guddeessi oromiyaa keessa bahaa fi naannoo Shaggar bahaa tahullee naannoo Amaaraa keessattis kan mudatee jiru kaaba goojjam keessattis haaluma kana fakkaatuun uummanni kaan gara biyya sudaanii fi Eritrea kana baqaaf seenaa akka jiruu fi ouun guddaadhaan odeeffamaa jiru ammoo namni wal nyaachuuf deema yoo rakkoon dhufe kun yeroodhaan hin furamin itti fufe jedhamee oduun sodaachisaan jira.
Egaa kana biratti mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa diyaasporatti hirkatee saamicha lafa oromoo gaggeessuuf, lafa Oromoo qircachuudhaaf fuullefatee jira. Gama kanaan gaaffiin Oromiyaa keessatti barattootaan, hojjetaadhaanis ka’ee akka jiru waanuma hubatamaadha. Ta’ullee rakkoon kunimmoo uumata Kenya gahaa jiraachun diinaaf haamilee kaasuun hin hafne. Garuu beela keessa ijaajjee, kana hunda
dandamachaa uummanni oromoo mootummaa wayyaanee waliin wal’aansoo taasisuun dhaabbataadha. Kanattis iyyinee birmannaa barbaachisuun uummata keenya cina dhaabbachuun yeroon barbaachisaadha jenna.