Konsertii fi Eebbi Albami Haaraa Arsits Galaanaa Gaaromsaa” ILMAAN HAYYOOTAA” Jedhu Bakka Uummanni Oromoo 3000 Ta’u Sirna Howwaan Finfinnee Keessatti Eebbifame.

Albama HaaraaEebba aalbama Artist Galaanaa Gaaromsaa magaalaa Finfinee naannoo Caffee Araaraatti  Hagayya 09,2015 ta’een manguddoonnii fi dargaggoonni Oromoo sabboontoti 3000 itti tilmaaman irratti argamuun haala aja’ibsiisaa ta’een eebbifamee jira.

Eebba kana irratti sabboontoti Oromoo fi aartisotooti Oromoo hedduun argamuun guddina afaanii fi aadaan Oromoo kanaan kan nu gahe qabsaawota lafeefii dhiiga akkasumas lubbuu itti wareeganii asiin nu gahe hedduu galateeffatna jechuun dhaamsota jajjaboo guddaa dabarsanii jiru.

Keessummoota argaman gaazexxessaa Ibraahim Haajii  aragamanii haasaa ijaaraa fi onnachiisaa taasanii jiru.

Yeroo konsertii fi eebbaa Albama kana irratti sabboonti Oromoo argamanii aadaa fi eenyummaa saba Oromoof gumaacha taasisanitti ergamtooti sirna abbaa irree Wayyaanee ammo dhimmi diaspora jechuun akkaataa itti uummata Oromoo qorqalbii cabsan irratti mariyachaa turan.

Wayyanoonni Namoonni Hirmaatan Xiqqaatnaan Hirmattota Daispora Fakkeessuuf Jedhcha Miseensota OPDO Itti Kaardii Hiraa Jiru,

Aside

001kklkkk 012

Sulultaatti waggaan tokkoffaa Hundeeffama Waaqeffannaa kabajame

Aside

(Hagayya 09, 2015 Sulultaa) Shaggar Sulultaa Galma Tulluu Guddootti Ayyaanni Amantii Waaqeffannaa  kan Hundeeffama Waggaa 1ffaa Sirna Miidhagaan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

11846641_509357252561948_8123398236886487319_nWaldaan Amantaa Waaqeffannaa dhaabbachuun uummata Oromoo kallattii hundaan sochoosuun tokkummaa cimaa uumaa jira.

Haaluma kanaan galmoota Waaqeffannaa Oromiyaa keessatti ijaaruuf sochii guddaan taasifamaa kan jiruu yeroo tahu galmoota naannawa Shagar Sululta keessattu hundeeffaman keessa GALMI TULLU GUDDOO isa tokko yoo tahu guyyaa har’aa Hagayya 08,2015 kan jila hundeeffama waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi bareedaa taheen kabajamee oolee jira.

Ayyaana kana irratti hordoftoonni abbootiin amantaa Waaqeffannaa Oromiyaa guutuu irraa walitti dhufuun ayyaanicha irratti argamaniiru.

Deeggarsi maallaqaa qarshii kuma diigdamaa ol 20000 walitti qabamee jira. Akka waliigalaatti haalli sochii Amantaa waaqeffannaantiin jiru hedduu kan nama boonsu waan taheef deeggarsi hawaasa oromoo biyya alaa jiranii nu waliin haa tahuun ergaa keenyaa galatoomaa ulfaadhaa.

Hojiin Miidiyaalee Oromoo Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguu Akka Hin Taane!

Aside

Miidiyaalee Oromoo Hundaaf

Malkaa Caffee irraa

oromia-knwoledge-and-social-media-sourcesCarraa guddinni ‘technology’ yeroo ammaa argamsiise irraa Miidiyaaleen Oromoo muraasni kan dhimma Oromoo tajaajiluu irratti hundeeffaman horatamuun waan nama gammachiisaa ti. Isaan kun hundi akka tokkotti firii Qabsoon Bilisummaa Oromoo argamsiise tahuunis hin falamsiisu. Kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi kan isaan himatanis galma gahiinsa QBO milkeessuutti waan gumaachu hojjechuu dha. Dhimma kana irratti jabinaa fi hanqina jiru qalbii guutuudhaan hordofanii jabinni jiru akka daran guddachaa deemuu fi hanqinni mul’atu akka guutamaa fi wayyaawaa deemuuf yaada kennuudhaan haa tahu akka danda’ame hundatti qooda gama ofii bahachuun dirqama sab-boontota Oromoo maraa ti. Miidiyaalee keenya nuutu guddifata amantii jedhu irratti hundaawuudhaanin yaada kiyya kan dhimma kana ilaalu akka armaan gadiitti gabaabsee dhiheessa.

Miidiyaan tokko waan hojjetu hunda irrattuu safuu fi ulaagaa ittiin hojjetu qabaachuun barbaachisaa dha. Safuu fi ulaagaan Miidiyaaleen Oromoo ittiin masakamuu qaban ammoo kan dantaa Oromummaa tiksuu fi jajjabeessuu irratti hundaawe tahuu qaba. Akkumaan olitti jedhe kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi isaanis himatan galma gahiinsa QBO milkeessuun kaayyoo hundeeffama isaanii tahuu waanin abdadhufin kana jedha.Miidiyaalee Oromoo Hundaaf