Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Hagayya 7, 2015

Aside

Beeksisa:- Hagayyaa 10/2015 Sabboonaan Oromoo Artistii Galaanaa Gaaromsaa wallee haarawaa(Albeema Haarawaa) Finfinnee Keessatti Eebbifama.

Aside

Albama HaaraaHagayyaa 10,2015 Sabboonaan Oromoo Dhaloota qubee Artistii Galaanaa Gaaromsaa wallee haarawaa(Albeema Haarawaa) Haala Afaan,
seenaa,Aadaa, Eenyummaa fi Sabbonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu danda’uun qopheese.
Guyyaa Boruu bakkaa Uummatni Oromoo 4000 ol argaman Magaalaa Finfinnee kiiloo 6 Caffee Araaraatti ebbisiisuuf Qophiin dursaa xummuramee jiraachuun hubatameera. Uummatni Oromoos guyyaa kanaa aadaa,Afaan, Seenaa, Gootummaa, fi Sabboonummaa Oromummaa isaa jabeeffachuuf bakka kanatti argamuuf guyyaa har’aa Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa albeema artistii sabboonaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Eebbisiisuun Eenyummaa isaa jabeeffachuun magaalaa Finfinnee galaa jiraachuun ibsame jira.Guyyaa Boruu akka L.Htti Hagayyaa 3/2007 Magaalaa Finfinnee keessatti uummatni Oromoo kumaan lakkaawamu kan tilmaamamu argamee eenyummaa, Oromummaa fi sabboonuummaa isaanii jabeeffachuu fi seenaa fi Afaan ofii dagaagsuuf kan wal argan ta’uun ibsamee jira.
walleen Artistii Galaanaa Gaaromsaan qophaa’ee kunis kan Gootota Oromoo faarsuu fi Seenaa fi aadaa Uummataa Oromoo faarsuun tokkummaa fi jaalala Oromummaan kan guutame Guyyaa boruu Uummata Oromoo hundaaf gadi Lakkifamuuf jira. Artistii saboonaa Oromoo dhaloota qubee keenya cina dhaabbachuun aadaa,afaan, seenaa,Duudhaa, Sabboonummaa, tokkummaa fi Oromummaa keenyaa qophii kana irratti argamuun haa jajjabeeffannu!!

Duulli Mana Diiggaa Handhuura Oromiyaa Finfinneetti Jalqabe Magaalota Oromiyaa Biroos Dhaqabaa Jira.

Aside

Haggayya 08,2014 Naqamte

IMG_20150807_060829Guyyaa kaleessa Hagayya 7,2015 mootummaan abbaa irree Wayyaaneen/Tigray  Uummata magaalaa Naqamtee dhaloota irraa dhalootatti naannicha jiraataa turan maqaa Investeraaf bakka kennuu fi plilaala malee mana ijaaraa turtan sababa jedhuun seeraan ala mana jiraattootaa diigaa jiru.

Kutaa bulchiinsa Bakkee Jamaa  naannoo Yuunibarsiitii Wallaggaa ganda 07 fi naannoo masaraa Kumsaa morodaa maqaa green area jedhuun manneen dhibba afurii ol diiguuf saganteessan itti fufee Hagayya guyyaa 6 fi 7, 2015 duulli faccifannaa ykn qabsoon warraaqsa bilisummaa uummataa kutaa Bakke Jamaarraa kan Wayyaanee fi  ergamtoota isaanii OPDO kan isaan mudate  yeroo ta’u  kana irrattis  yeroo ta’u amma naannoo Yuunibarsiitii 07 manneen pilaastikaan ijaaraman kan diigamaniifi manneen biroo haala qindawaa ta’een ijaaramanis akka diigamuu qaban akeekkachiisi itti kennameera.
Keessaayyuu kan nama dhibu immoo utuu humna waraanaa isinitti hin bobbaasin diigaa jechuun akeekkachiisaa jiraachuun Wayyaanee dhumashee ta’uuf mallattoo fi Abdii kutannaa cimaa ta’uu ilmaan Oromoo walabummaa fudhanne tti himuu barbaanna.
Manni Abbaa fi haadha ofii yeroo diigamu callisan ilaaluun qaanii waan taa’eef Tokkummaa kaanee yaafalmannu falmachuutu nuuf furmaata!

Waraabessa Bineensa Gaaraa

Aside

Waraabessi bineesa gaaraa, yeroo haadhaafi abbaakee qorxxomsee nyaatu yoo agarte, atis waraabessa sana wajjiin foon warrakee nyaattamoo, akka inni hin nyaanne irraa ariitaa?

 (Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa, Oromiyaa!!)

barruuQabsoon abbaa biyyummaaf gaggeeffamu qawwee qofaan hin adeemsifamu.

Diyaaspooraan Oromoo irra guddaan isaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti ga’ee ol aanaa qabaachaa akka tureefi jiru eenyullee kan haalu miti. Yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa diyaaspooraan Oromoo qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu cinaa dhaabbachuufi gochaa diinaa saaxiluun shira mootummaan abbaa irree wayyaanee Oromoo irraan gahaa jirtu uummata addunyaatti agarsiisuun, eenyummaan Oromoo har’aan tana uummata addunyaa fuula duratti bahee mula’achuuun hanga moototii addunyaa keenyaa kanaafi dhaabbilee mirga dhala namaaf falman mara walgaafachiisaa jiraachuutti ga’uun ifa galaadha.

Qabsoon Oromoo yoomiyyuu caalaa biyya keessaafi alaan wal quba qabaatee, bifa qindaayeen adeemaa jira. Sabni Oromoos yeroo kamiyyuu caalaa dammaqee argama. Akkaataa kanaan wayyaaneen lama buluu akka hin dandeenye sirriitti of argitee jirti!

Adeemsi qabsoo biyya keessaafi Sochiin diyaaspooraan Oromoo taasisaa jiru naasuu guddaa kan itti uume wayyaaneen cinqamtee kan qabdee gadhiiftu wallaaltee tibirbiraa jirti!

Keessaafuu Oromoo irraa odeeffannoo laguun, akka hin dammaqne ukkaamsanii bituuf, akkasumas uummatni addunyaa eenyummaa Oromoo akka hin beekne aguuganii kaa’uuf jecha toftaa isaan fayyadamaa turan, awwaalli isaa Miidiyaalee akka OMN tiin jalaa diigamee Oromoon sagaleensaa dhagahamaa jira. Tarkaanfii diinni Oromoo irratti fudhatu battalatti saaxilamaa jira.Waraabessi bineesa gaaraa